LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 7
  • Carraaqqii Gochuu Kee Itti Fufi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Carraaqqii Gochuu Kee Itti Fufi
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Phaawulos Maal Godhe?
  • Phaawulosirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Phaawulos Hordofi
  • Gad Of Qabi
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Fedhii Namootaatiif Xiyyeeffannaa Kenni
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Obsa Qabaadhu
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Namoota Fedhii Argisiisan Deebinee Gaafachuu Kan Qabnu Yoomi?
    Tajaajila Mootummaa—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 7

HORDOFANII GARGAARUU

Phaawulos ergamaan namoota galma mana barumsaa keessatti walitti qabamanitti misiraachicha himaa jira.

HoE. 19:8-10

BARUMSA 7

Carraaqqii Gochuu Kee Itti Fufi

Dhugaa buʼuuraa: “[Misiraachicha] utuu wal irraa hin kutin barsiisuu fi lallabuu isaanii itti fufan.”—HoE. 5:42.

Phaawulos Maal Godhe?

Phaawulos ergamaan namoota galma mana barumsaa keessatti walitti qabamanitti misiraachicha himaa jira.

VIIDIYOO: Phaawulos Efesoon Keessatti Carraaqqii Gochuu Isaa Itti Fufeera

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Hojii Ergamootaa 19:8-10 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Phaawulos yeroo mormiin isa mudatetti abdii kutachuu mannaa, namoota fedhii argisiisan gargaaruuf carraaqqii gochuu isaa kan itti fufe akkamiitti?

  2. Phaawulos namoota fedhii qaban kana barsiisuuf hammam irra deddeebiʼee dhaqe? Kanahoo yeroo hammamiitiif godhe?

Phaawulosirraa Maal Baranna?

2. Deddeebii gaaffii buʼa qabeessa taʼe gochuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf yeroo ramaduu fi carraaqqii gochuu qabna.

Fakkeenya Phaawulos Hordofi

3. Yeroo isaaf mijatutti isa haasofsiisi. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yeroo baayʼee isa argachuuf kanan yaalu yoomi? Inni na wajjin mariʼachuuf kan isaaf mijatu yoomii fi eessatti?’ Yeroo siif mijataa hin taanettillee isa argachuuf carraaqqii godhi.

4. Beellama qabadhu. Yeroo marii keessan xumurtan hundumaatti, yeroo itti aanutti saʼaatii meeqatti akka wal argitan murteessuuf yaali. Beellama keessan kabajuu hin dagatin.

5. Abdii hin kutatin. Namni tokko yeroo baayʼee manatti waan hin argamneef ykn hojiidhaan waan qabamuuf qofa fedhii hin qabu jettee hin yaadin. (1 Qor. 13:4, 7) Kanaa mannaa, isa argachuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi; garuummoo yeroo keetti ogummaadhaan fayyadami.—1 Qor. 9:26.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

HoE. 10:42; 1 Qor. 9:22, 23; 2 Qor. 4:1; Gal. 6:9

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi