Namoota Fedhii Argisiisan Deebinee Gaafachuu Kan Qabnu Yoomi?
1. Bartoota gochuun maal dabalata?
1 Hojiin bartoota gochuu nama waa’ee Mootummaa Yihowaa baruuf fedhii agarsiise kamiyyuu deebi’anii gaafachuu kan dabalatudha. (Mat. 28:19, 20) Deebi’anii gaafachuuf yeroo mijataan sagantaa keenyaafi sagantaa nama fedhii argisiisee sanarratti kan hundaa’edha. Guyyaa jalqaba haasofsiisneerraa utuu hin turin deebinee isaan gaafachuu kan qabnu maaliif?
2, 3. Hanga danda’ametti namoota fedhii argisiisan utuu hin turin deebinee gaafachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?
2 Utuu Hin Turin Deebi’uu Kana Qabnu Maaliifi? Yeroon ‘wangeela Mootummaa kanaa’ itti lallabamu xumuramuuf yeroo muraasatu hafa; dhumni sirni biyya lafaa kanaas dhihaateera. (Mat. 24:14; 1 Phe. 4:7) Kanaaf, hanga ammaatti “guyyaan fayyinaa” namoota fedhii argisiisaniif banamee waan jiruuf, ajaja “ariitiidhaan dubbicha lallabi” jedhu, isa hanga danda’ametti utuu hin turin deebi’anii gaafachuudhaan fedhii argisiifame guddisuu dabalatu hojiirra oolchuuf carraaquu qabna.—2 Qor. 6:1, 2; 2 Xim. 4:2, NW.
3 Seexanni, sanyii Mootummichaa garaa nama fedhii argisiisee keessatti facaafne kamiyyuu fudhachuu barbaada. (Mar. 4:14, 15) Namni tokko yeroo fedhii argisiisu, yeroo baay’ee miseensonni maatii, namoonni isaa wajjin hojjetaniifi namoonni kaan itti qoosu. Utuu hin turin deebinee gaafachuun keenya garuu, fedhii dhugaa isaa qabsiifame namoota kaaniin utuu hin dhaamsamin caalaatti qabsiisuuf nu gargaara.
4. Guyyaa marii isa jalqabaa itti goone booda deebinee gaafachuuf haala mijeessuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Beellama Qabadhaa: Marii guyyaa jalqabaa xumuruu keessan dura yoom akka deebitan beellama murtaa’aa qabachuun keessan gaariidha. Gaaffii guyyaa ittaanutti deebistan tokko gaafadhaa. Gama kanaan, maree guyyaa jalqabaatti gootaniifi beellama qabatan galmeessuun gaariidha. Haalli keessan kan mijaa’aa taanaan, guyyaa ittaanutti ykn guyyaa gabaabaa keessatti deebi’uuf gaafachuu dandeessu. Mariin inni duraa dhuma guyyoota torbanii yoo ta’eefi namni fedhii argisiise sun Wiixataa hanga Jimaataatti hojiidhaan kan qabame yoo ta’e, dhuma torbanii isa ittaanutti akka deebitanii isa gaafatan heyyamuu danda’a. Yoo beellama qabattan, beellama keessan kabajaa.—Mat. 5:37.
5. Utuu hin turin deebinee gaafachuun keenya ajaja Yesus bartoota akka goonu nuu kenne raawwachuuf kan nu gargaaru akkamiin?
5 Hanga danda’ametti, namoota fedhii argisiisan utuu hin turin deebinee gaafachuuf sababii ga’aa qabna. “Yeroon si’anaa kun dhumuuf” jedha; kanaaf namoota fedhii argisiisan utuu hin turin deebitanii gaafachuuf beellama qabadhaa. (1 Qor. 7:29) Namoota ergaa Mootummaa Waaqayyoo dhaga’anii fedhii argisiisan utuu hin turin gaafachuun keenya, tattaaffii keenya bu’aa qabeessaa taasisa.