LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 22 ful. 58-ful. 59 key. 6
  • Barattoonni Yesuus Afur Namoota Kan Qaban Taʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barattoonni Yesuus Afur Namoota Kan Qaban Taʼu
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sodaafi Shakkii Isatti Dhagaʼame Moʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Namoota kan Qabdan Taʼuuf Qophooftaniittuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 22 ful. 58-ful. 59 key. 6
Yesuus qarqara Galaana Galiilaatti Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisitti yommuu dubbatu

BOQONNAA 22

Barattoonni Yesuus Afur Namoota Kan Qaban Taʼu

MAATEWOS 4:13-22 MAARQOS 1:16-20 LUQAAS 5:1-11

  • YESUUS BARATTOONNI ISAA YEROO ISAANII GUUTUU AKKA ISA DUUKAA BUʼAN WAAME

  • NAMOONNI QURXUMMII QABAN NAMOOTA KAN QABAN TAʼAN

Yesuus namoonni Naazireet isa ajjeesuuf yeroo yaalanitti, gara magaalaa Qifirnaahom ishii naannoo Galaana Galiilaatti argamtuu deeme. Galaanni kun, “haroo Genesaarex” jedhamees ni waamama. (Luqaas 5:1) Qifirnaahomiin deemuun isaa, raajiin kitaaba Isaayyaas keessatti namoonni Galiilaa qarqara galaanaa jiraatan ifa guddaa akka argan dubbatu raawwii isaa akka argatu taasiseera.—Isaayaas 9:1, 2.

Eeyyee, Yesuus as Galiilaa keessatti, ‘Mootummaan samii dhihaateera’ jedhee lallabuu isaa itti fufe. (Maatewos 4:17) Bakka kanatti barattoota isaa afurii wajjin wal arge. Kana dura Yesuusii wajjin deemaa kan turan taʼus, isaa wajjin Yihudaadhaa erga deebiʼanii booda hojii qurxummii qabuutti deebiʼan. (Yohaannis 1:35-42) Amma garuu, Yesuus tajaajila erga inni deemee booda raawwataniif isaan leenjisuu akka dandaʼuuf, haala dhaabbataa taʼeen isa duukaa deemuu qabu.

Yesuus qarqara galaanaatiin utuu deemuu Simoon Pheexiros, obboleessi isaa Indiriyaasii fi namoonni isaanii wajjin hojjetan kaan kiyyoowwan isaanii utuu miicanii arge. Yesuus isaanitti dhihaatee, bidiruu Pheexiros irra yaabee gara walakkaa bishaaniitti akka achi butu isa gaafate. Achiis namoota isa dhaggeeffachuuf qarqara galaanichaatti walitti qabaman irraa xinnoo erga fagaatee booda, dhugaa waaʼee Mootummichaa isaan barsiisuu jalqabe.

Achiis Yesuus Pheexirosiin, “Gara gidduu bishaanichaatti siqiitii qurxummii qabuuf kiyyoowwan keessan darbadhaa” jedhe. Pheexirosis deebisee, “Barsiisaa, halkan guutuu dhamaʼaa bullee, qurxummii tokko illee hin qabne; garuu ati waan jetteef kiyyoowwan kana nan darbadha” isaan jedhe.—Luqaas 5:4, 5.

Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis kiyyicha bidiruu keessa galchuuf yommuu harkisan; Pheexiros Yesuus duratti jilbeenfatee

Kiyyoowwan isaanii darbatanii qurxummii hedduu kan qaban siʼa taʼu, kiyyichis tatarsaʼuu jalqabe! Kanaaf namoonni kun hiriyoonni isaanii dhufanii akka isaan gargaaran mallattoodhaan isaan waaman. Bidiruuwwan lamaan qurxummii hedduudhaan waan guutaniif liqimfamuu jalqaban. Pheexiros yommuu kana argu jilba Yesuusitti kufee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa waanan taʼeef, ana irraa fagaadhu” jedheen. Yesuusis, “Hin sodaatin. Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata” isaan jedhe.—Luqaas 5:8, 10.

Yesuus, Pheexirosii fi Indiriyaasiin, “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha” jedhe. (Maatewos 4:19) Namoota qurxummii qabaa turan lama, jechuunis Ilmaan Zabdewoos kan taʼan Yaaqoobii fi Yohaannisiinis itti dabalee waame. Isaanis mamii tokko malee isa duukaa buʼan. Kanaaf, arfan isaanii qurxummii qabuu dhiisanii barattoota Yesuus warra yeroo isaanii guutuu isa duukaa buʼan taʼan.

  • Yesuus barattoota isaa warra yeroo isaanii guutuu isa duukaa buʼan akka taʼan kan waame namoota akkamii ti? Maqaan isaanii hoo eenyu faʼi?

  • Pheexiros dinqii akkamii argee sodaate?

  • Barattoonni Yesuus afur hojii qurxummii qabuu dhiisanii maal hojjechuuf jedhu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi