BARUMSA 92
Yesuus Namoota Qurxummii Qabanitti Mulʼate
Erga Yesuus ergamootatti mulʼatee yeroo muraasa booda, Pheexiros gara Galaana Galiilaa dhaqee qurxummii qabuuf murteesse. Toomaas, Yaaqoob, Yohaannisii fi barattoonni muraasni kaan isaa wajjin deeman. Halkan guutuu qurxummii qabuuf yaalanis, qurxummii tokko illee qabachuu hin dandeenye.
Guyyaa itti aanu gara barii jala, namni tokko qarqara galaanichaa dhaabatee argan. Isaan waamee, ‘Qurxummii qabdaniittuu?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Lakki!’ jedhanii deebisan. Namichi immoo, “Saaphana keessan karaa mirgaa bidirichaatiin darbadhaa” isaaniin jedhe. Yommuu saaphana isaanii darbatan saaphanni isaanii qurxummii hedduudhaan waan guutameef saaphana sana harkisanii ol baasuu dadhaban. Yohaannis yeruma sana namichi sun Yesuus taʼuu isaa waan hubateef, “Gooftaadhaam!” jedhe. Pheexiros yeruma sana utaalee galaanicha keessa seenee bishaan daakaa gara qarqaraatti dhufe. Barattoonni kaan immoo, isa boodaan bidiruudhaan dhufan.
Yommuu qarqara galaanaa gaʼan daabboo fi qurxummii ibidda irra kaaʼame argan. Achiis, Yesuus qurxummii qaban keessaa muraasa fidanii nyaata qophaaʼetti akka dabalan isaanitti hime. Achiis, ‘Kottaa ciree keessan nyaadhaa’ isaaniin jedhe.
Ciree nyaatanii erga xumuranii booda, Yesuus ‘Qurxummii qabuu caalaa na jaallattaa?’ jedhee Pheexirosiin gaafate. Pheexirosis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhee deebiseef. Yesuusis, ‘Taanaan hoolota koo soori’ jedhe. Yesuus ammas deebisee, ‘Pheexiros, na jaallattaa?’ jedhee isa gaafate. Pheexiros, “Yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhe. Yesuus, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” isaan jedhe. Yesuus siʼa sadaffaadhaaf yommuu isa gaafatu Pheexiros baayʼee gadde. Achiis akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, ati waan hundumaa beekta; akkan baayʼee si jaalladhus beekta.” Yesuus immoo, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedhe. Achiis Pheexirosiin, “Ana duukaa buʼuu kee itti fufi” jedhe.
“[Yesuus] ‘Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha’ isaaniin jedhe. Isaanis yeruma sana saaphana isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.”—Maatewos 4:19, 20