LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 24 ful. 62-ful. 63 key. 7
  • Tajaajila Isaa Galiilaa Keessatti Babalʼise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tajaajila Isaa Galiilaa Keessatti Babalʼise
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • A7-C Wantoota Guguddaa Jireenya Yesuus isa Lafa Irraatti Raawwataman—Tajaajila Guddaa Yesuus Galiilaatti Raawwate (Kutaa 1)
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Raajiiwwan Masiihicha irratti Raawwataman
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Yesuus Qifirnaahom Keessatti Dinqiiwwan Guguddaa Hojjete
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Barumsa Barbaachisaa Gad Of Qabuu Ilaalchisee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 24 ful. 62-ful. 63 key. 7
Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis Yesuusiin barbaadanii yommuu argatan

BOQONNAA 24

Tajaajila Isaa Galiilaa Keessatti BabalʼIse

MAATEWOS 4:23-25 MAARQOS 1:35-39 LUQAAS 4:42, 43

  • YESUUS BARATTOOTA ISAA AFURII WAJJIN GALIILAA DEEME

  • LALLABNII FI HOJIIN ISAA BALʼINAAN BEEKAME

Yesuus barattoota isaa wajjin Qifirnaahom keessatti guyyaa guutuu hojii baayʼeedhaan qabamee oole. Gara galgalaa immoo namoonni Qifirnaahom namoota isaan jalaa dhukkubsatan akka fayyisuuf gara isaa fidan. Kanaaf, Yesuus yeroo qofaa isaa itti taʼu hin arganne.

Yesuus borumtaa isaa ganama bariidhaan kaʼee kophaa isaa iddoo biraa deeme. Iddoo namni hin jirree fi kophaa isaa gara Abbaa isaatti kadhachuuf isa dandeessisu argate. Haa taʼu malee, kophaa isaa kan ture yeroo gabaabaafi dha. “Simoonii fi namoonni isaa wajjin turan” akka inni hin jirre yommuu baran cimsanii isa barbaadan. Yesuus mana isaa waan tureef namoota dura buʼee kan isa barbaadaa jiru Pheexiros taʼuu hin oolu.—Maarqos 1:36; Luqaas 4:38.

Yeroo isa argatanitti Pheexiros, “Namni hundi si barbaadaa jira” jedheen. (Maarqos 1:37) Namoonni Qifirnaahom Yesuus isaan bira akka turu akka barbaadan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Wanta inni hojjete waan dinqisiifataniif, “akka inni isaan irraa adda baʼee hin deemne isa dhowwuuf yaalan.” (Luqaas 4:42) Haa taʼu malee, sababiin Yesuus gara lafaa itti dhufe inni guddaan dinqiiwwan akkasii hojjechuudhaan namoota fayyisuufii? Hojii isaa hoo naannoo kana qofatti hojjechuu qabaa? Kana ilaalchisee innumtuu maal jedha?

Yesuus utuu Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin dubbatuu, magaalaa naannoo isaanii jirtutti yommuu quba qabu

Yesuus, “Ani kanan dhufe kaayyoo kanaatiif waan taʼeef, achittis akkan lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhihoo jiranii haa dhaqnu” jechuudhaan barattoota isaatiif deebise. Namoota akka inni isaan bira turu barbaadaniinis, “Ani kanaaf waanan ergameef, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba” jedhe.—Maarqos 1:38; Luqaas 4:43.

Eeyyee, sababii inni guddaan Yesuus gara lafaa itti dhufe waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu dha. Mootummaan kun maqaan Abbaa isaa akka qulqullaaʼuu fi ilmaan namootaa dhukkuba hundumaa irraa bara baraaf akka fayyan taasisa. Yesuus dinqiidhaan namoota fayyisuun isaa kan isa erge Waaqayyo taʼuu isaa mirkaneessa. Haaluma wal fakkaatuun, jaarraawwan muraasa dura, Museenis dinqiiwwan hojjechuudhaan kan isa erge Waaqayyo taʼuu isaa mirkaneesseera.—Baʼuu 4:1-9, 30, 31.

Kanaaf, Yesuus Qifirnaahomii baʼee magaalaawwan gara biraatti lallabuu deeme; barattoonni isaa arfanis isaa wajjin deeman. Isaanis Pheexiros, obboleessa isaa Indiriyaas, Yohaannisii fi obboleessa isaa Yaaqoobi dha. Arfan isaanii barattoota isaa warra isa duukaa deemanii hojjetan warra jalqabaa akka taʼaniif torban tokko dura afeeramanii turan.

Lallabni Yesuus barattoota isaa kanaa wajjin Galiilaa keessatti raawwate milkaaʼina kan qabu dha! Dubbiin waaʼee Yesuus ibsus biyyicha keessa balʼinaan tamsaʼe. “Oduun waaʼee isaa dubbatamus guutummaa Sooriyaa,” magaalaawwan kurnan Dikaappoolis jedhamanii fi Laga Yordaanos gamatti ni babalʼate. (Maatewos 4:24, 25) Namoonni hedduun naannoowwan kanaa fi Yihudaadhaa dhufan Yesuusii fi barattoota isaa duukaa buʼan. Baayʼeen isaaniis namoota fayyuu barbaadan gara isaa fidan. Yesuus isaan hin mufachiisne; warra dhukkubsatan ni fayyise, namoota jinniidhaan qabamanii jiran keessaas hafuurota hamoo ni baase.

  • Yesuus guyyaa guutuu hojiidhaan qabamee oolee borumtaa isaa ganama bariidhaan maaltu taʼe?

  • Yesuus gara lafaatti kan ergame maaliifi? Dinqiiwwan inni hojjete maal mirkaneessan?

  • Yesuus tajaajilaaf gara Galiilaa yommuu deeme kan isa duukaa deeman eenyu faʼi? Namoonni wanta inni achitti hojjeteef deebii akkamii kennan?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi