BOQONNAA 91
Alaazaar Duʼaa Kaafame
DUʼAA KAʼUU ALAAZAAR
MISEENSONNI SAANHEDRIIN YESUUSIIN AJJEESUUF KAROORFATAN
Yesuus naannoo Bitaaniyaatti Maartaa fi Maariyaamii wajjin erga wal argee booda, gara awwaala Alaazaar dhaqan. Awwaalichi holqa dhagaadhaan cufame dha. Yesuus, “Dhagicha irraa kaasaa” jedhee ajaje. Maartaan wanta Yesuus gochuu yaade waan hin hubanneef, wanta ishii yaaddesse dubbatte. “Yaa Gooftaa, amma guyyaa afur waan taʼeef yoona foolii godhateera” jette. Inni garuu, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu sitti himee hin turree?” jedheen.—Yohaannis 11:39, 40.
Kanaaf dhagichi irraa kaafame. Achiis Yesuus gara samii ilaalaa akkana jedhee kadhate: “Yaa Abbaa waan na dhageesseef sin galateeffadha. Dhugaa dha, ati yeroo hunda akka na dhageessu beeka; haa taʼu malee, namoonni as dhaabatan ati akka ana ergite akka amananiifan kana dubbadhe.” Kadhannaan Yesuus namoota duratti dhiheesse, wanta gochuuf jedhu kan raawwatu humna Waaqayyootiin akka taʼe namoota ilaalaa jiran hubachiisa. Achiis, Yesuus sagalee guddaadhaan “Alaazaar as baʼi!” jedhe. Alaazaaris miilli isaa fi harki isaa akka kafanametti, fuulli isaas huccuudhaan akka marametti gad baʼe. Yesuusis, “Isa irraa hiikaa haa deemu[u]” jedhe.—Yohaannis 11:41-44.
Yihudoonni, Maariyaamii fi Maartaa jajjabeessuu dhufan hedduun dinqii kana arganii Yesuusitti amanan. Warri kaan garuu dhaqanii wanta Yesuus hojjete Fariisotatti himan. Fariisonnii fi dura buutonni lubootaa, miseensota mana murtii olaanaa Yihudootaa, jechuunis miseensota Saanhedriinii wajjin walgaʼan. Isaan keessaa inni tokko Qayyaafaa isa luba ol aanaa taʼe dha. Isaan keessaa tokko tokko akkana jedhan: “Namichi kun dinqii hedduu hojjechaa waan jiruuf maal goonu? Yoo akkanumatti isa dhiisne, hundi isaanii isatti amanu; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya fudhatu.” (Yohaannis 11:47, 48) Namoonni kun, Yesuus ‘dinqii hedduu hojjechaa akka jiru’ warra ija isaaniitiin argan irraa kan dhagaʼan taʼus, wanta Waaqayyo karaa isaa hojjechaa jirutti hin gammadne. Wanti caalaatti isaan yaaddesse iddoo hawaasa keessatti qabanii fi aangoo isaanii ti.
Alaazaar duʼaa kaʼuun isaa Saduuqota duʼaa kaʼuutti hin amanneef qaanii guddaa dha. Qayyaafaa inni Saduuqii taʼe akkana jedhe: “Isin homaa hin beektan; sabichi guutummaatti baduu isaa mannaa, namni tokko uummatichaaf yoo duʼe isiniif gaarii akka taʼe hin hubattan.”—Yohaannis 11:49, 50; Hojii Ergamootaa 5:17; 23:8.
Qayyaafaan luba ol aanaa waan taʼeef yaada kana “ofii isaatiin kakaʼee” hin dubbanne; kanaa mannaa itti gaafatamummaa waan qabuuf, Waaqayyo kana akka dubbatu isa taasiseera. Qayyaafaan, Yesuus dhiibbaa geggeessitoonni amantii warra kaan irratti qabanii fi aangoo isaanii caalaatti akka hin laaffisneef ajjeefamuu qaba jechuu isaa ti. Raajiin inni dubbate garuu, Yesuus duʼa isaatiin Yihudootaaf qofa utuu hin taʼin, “ijoollee Waaqayyoo warra bittinnaaʼanii jiran” hundaaf furii akka taʼu argisiisa.—Yohaannis 11:51, 52.
Qayyaafaan miseensota Saanhedriin irratti dhiibbaa gochuudhaan Yesuusiin ajjeesuuf akka karoorfatan godhe. Niqoodemos inni miseensa Saanhedriin taʼee fi Yesuusii wajjin walitti dhihaatu waaʼee karoora kanaa isatti ni himaa laata? Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yesuus yeroo Waaqayyo murteesse dura akka hin duuneef, yeruma sana Yerusaalem keessaa iddoo ture sanaa deeme.