LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 95 ful. 222-ful. 223 key. 9
  • Waaʼee Wal Hiikuu fi Ijoollee Jaallachuu Barsiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaʼee Wal Hiikuu fi Ijoollee Jaallachuu Barsiise
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe” Kabajaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe . . . ”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 95 ful. 222-ful. 223 key. 9
Namoonni ijoollee isaanii gara Yesuus yommuu fidan

BOQONNAA 95

Waaʼee Wal Hiikuu Fi Ijoollee Jaallachuu Barsiise

MAATEWOS 19:1-15 MAARQOS 10:1-16 LUQAAS 18:15-17

  • YESUUS ILAALCHA WAAQAYYO WAL HIIKUUF QABU DUBBATE

  • KENNAA QEENTEE TAʼUU

  • AKKA IJOOLLEE TAʼUUN BARBAACHISAA DHA

Yesuusii fi barattoonni Galiilaadhaa kaʼanii Laga Yordaanos ceʼuudhaan, daandii Peeriyaa qaxxaamuruu fi kallattii kibbaa qabatan. Yesuus yeroo Peeriyaa turetti wal hiikuu ilaalchisee ilaalcha Waaqayyo qabu Fariisotatti himee ture. (Luqaas 16:18) Ammas Yesuusiin qoruuf dhimma kana kaasan.

Museen namni tokko haadha manaa isaa irratti “wanta namatti hin tolle” yoo arge hiikuu akka dandaʼu barreesseera. (Keessa Deebii 24:1) Wal hiikuuf sababa kan taʼu maal akka taʼe ilaalchisee yaada garaa garaatu jira. Tokko tokko wantoonni xixinnoo taʼanis itti dabalamuu qabu jedhanii amanu. Kanaaf Fariisonni, “Namni tokko sababiidhuma taʼeen haadha manaa isaa akka hiiku seerri isaaf ni heyyamaa?” jedhanii isa gaafatan.—Maatewos 19:3.

Yesuus yaada namootaa deggeruu mannaa, kaayyoo Waaqayyo gaaʼela itti hundeesse dubbate. “Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee akka isaan uume hin dubbisnee? ‘Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa; haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaanuu foon tokko ni taʼu’ akka jedhe hoo hin dubbisnee? Kanaaf, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.” (Maatewos 19:4-6) Waaqayyo Addaamii fi Hewwaan gidduutti gaaʼela yeroo hundeesse, wantoota gaaʼelli isaanii akka diigamuuf sababa taʼan hin ibsine.

Fariisonnis, “Erga akkana taʼee, Museen waraqaa ragaa ittiin ishii hiiku ishiidhaaf kennee akka ishii hiiku kan ajaje maaliifi?” jedhanii morman. (Maatewos 19:7) Yesuusis akkana jedhee deebise: “Museen, sababii mata jabina keessaniitiif haadhotii manaa keessan akka hiiktan isiniif heyyame malee, jalqabaa kaasee haalli isaa akkana hin turre.” (Maatewos 19:8) “Jalqaba” kan jedhame bara Musee miti; kanaa mannaa yeroo itti Waaqayyo Eeden keessatti gaaʼela hundeesse dha.

Achiis, Yesuus dhugaa barbaachisaa taʼe tokko akkana jedhee dubbate: “Ani isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa [afaan Giriikiitiin Poorniyaa] hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata.” (Maatewos 19:9) Kana irraa hubachuu akka dandeenyutti wal hiikuuf sababa kan taʼu halalummaa qofa dha.

Yeroo kanatti barattoonni isaa, “Haalli abbaa manaa fi haadha manaa akkana yoo taʼe, fuudhuu dhiisuu wayya” jedhan. (Maatewos 19:10) Kanaaf, namni gaaʼela godhachuu yaadu tokko, gaaʼelli dhaabbataa akka taʼetti ilaaluu qaba.

Yesuus qeentee taʼuu ilaalchisee, namoonni tokko tokko dhalootaan xuʼaashii waan taʼaniif gaaʼela akka hin godhanne ibse. Kaan immoo namoonni xuʼaashii waan isaan godhaniif, saalqunnamtii raawwachuu hin dandaʼan. Warri tokko tokko garuu, fedhii saalqunnamtii raawwachuuf qaban toʼachuudhaan xuʼaashii of taasisu. Kan akkas godhan wantoota Mootummichaa wajjin wal qabatan irratti caalaatti xiyyeeffachuufi dha. Yesuus, “Namni kana [qeentummaa] fudhachuu dandaʼu haa fudhatu” jechuudhaan dhaggeeffattoota isaa jajjabeesse.—Maatewos 19:12.

Amma immoo namoonni ijoollee xixinnoo gara Yesuusitti fiduu jalqaban. Barattoonni garuu, namoonni Yesuusiin akka hin rakkisneef, isaanitti dheekkaman. Yesuus kana yeroo argu aaree, barattoota isaatiin akkana jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa. Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti hin simanne hundi matumaa itti hin galu.”—Maarqos 10:14, 15; Luqaas 18:15.

Barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe dha! Mootummaa Waaqayyoo simachuuf, akkuma ijoollee xixinnoo garraamii fi barachuuf qophaaʼoo taʼuu qabna. Achiis, Yesuus ijoollee xixinnoo kana hammachuu fi eebbisuudhaan jaalala isaa isaaniif ibse. Yesuus warra ‘Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti simatan’ hundaaf jaalala akkasii qaba.—Luqaas 18:17.

  • Fariisonni wal hiikuu wajjin haala wal qabateen Yesuusiin kan qoran akkamitti?

  • Yesuus akka dubbatetti wal hiikuu ilaalchisee ilaalchi Waaqayyo qabu maali dha?

  • Barattoonni tokko tokko qeentee taʼuuf kan filatan maaliif taʼuu dandaʼa?

  • Yesuus akkaataa ijoollee xixinnoo itti simateen barumsa akkamii dabarse?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi