BOQONNAA 110
Guyyaa Xumuraa Yesuus Mana Qulqullummaatti Dabarse
MAATEWOS 23:25–24:2 MAARQOS 12:41–13:2 LUQAAS 21:1-6
YESUUS AMMAS GEGGEESSITOOTA AMANTII BALAALEFFATE
MANNI QULQULLUMMAA NI BALLEEFFAMA
DUBARTII HIYYEETTIIN ABBAAN MANAA IRRAA DUʼE TOKKO SAANTIMA XIXINNOO LAMA BUUSII GOOTE
Yesuus yeroo xumuraatiif mana qulqullummaa yeroo deemettis, ifatti fakkeessitoota isaaniin jechuudhaan fakkeessitummaa barsiisota seeraa fi Fariisotaa saaxiluu isaa itti fufe. Akkana isaaniin jedhe: “Isin kubbaayyaa fi saanii ala isaanii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu sassataa fi ofittummaadhaan kan guutame dha. Fariisicha jaamaa nana, dura keessa kubbaayyaa fi saanii sanaa qulqulleessi; sana booda alli isaas qulqulluu ni taʼa.” (Maatewos 23:25, 26) Fariisonni akka sirna amantiitti qulqulluu taʼuu fi qaama isaanii isa alaa ilaalchisee of eeggannoo guddaa kan godhan taʼus, keessa namummaa isaaniitiif xiyyeeffannaa hin kennan; garaa isaaniis hin qulqulleessan.
Raajotaaf iddoo awwaalaa ijaaruu fi miidhagsuuf fedhii qabaachuun isaanis fakkeessitummaa isaanii argisiisa. Akkuma Yesuus jedhe, isaan “ilmaan warra raajota ajjeesan sanaa” ti. (Maatewos 23:31) Yesuusiin ajjeesuuf carraaqqii gochuudhaan, ilmaan isaanii akka taʼan mirkaneessaniiru.—Yohaannis 5:18; 7:1, 25.
Achiis Yesuus, “Bofootaa fi ilmaan buutii nana, murtii Gahaannam irraa akkamitti ooluu dandeessu?” jechuudhaan geggeessitoonni kun yaada geddarachuu yoo baatan wanta isaan eeggatu dubbate. (Maatewos 23:33) Gahaannam jechuun ‘Sulula Heenom’ jechuu dha. Sululli kun kosii gubuuf tajaajilaa ture; badiisa bara baraa barsiisota seeraa fi Fariisota hamoo taʼan eeggatu argisiisa.
Barattoonni Yesuus “raajota, namoota ogeeyyii fi barsiisota sabaa” taʼuudhaan isa bakka buʼu. Namoonni akkamitti isaan qabu laata? Yesuus geggeessitoota amantiitiin akkana jedhe: “[Barattoota koo] keessaa tokko tokko ni ajjeestu; tokko tokko muka irratti fanniftu; tokko tokko immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; akkasumas magaalaa isa tokkoo gara magaalaa isa kan biraatti ariʼattu; kanaaf, dhiiga Abeel nama qajeelaa sana irraa jalqabee, hamma dhiiga Zakkaariyaas . . . isa . . . ajjeestaniitti, dhiiga namoota qajeeloo lafa irratti dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatamtu.” Itti fufees, “Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi dhaloota kana irra ni gaʼu” jedhee akeekkachiise. (Maatewos 23:34-36) Dh.K.B. bara 70 tti loltoonni Roomaa Yerusaalemiin yeroo balleessanitti, akkasumas Yihudoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman yeroo dhumanitti kun taʼeera.
Yesuus haala sodaachisaa taʼe kana irratti yeroo yaadu ni dhiphate. Gaddaas akkana jedhe: “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu, akkuma lukkuun cuucota ishii qoochoo ishii jalatti walitti qabdu siʼa meeqan ijoollee kee sassaabuu barbaade! Isin garuu hin barbaadne. Kunoo, manni keessan isiniif kan dhiifame taʼa.” (Maatewos 23:37, 38) Namoonni isa dhagaʼan waaʼee ‘mana’ isa kamii akka dubbatu bitaa isaanitti taʼee taʼuu qaba. Tarii waaʼee mana qulqullummaa ajaaʼibsiisaa Yerusaalemitti argamuu fi Waaqayyo eegumsa ni godhaaf jedhamee yaadamuu dubbachuu isaa tii?
Yesuus itti fufee, “Ani isiniin nan jedha, ‘Inni maqaa Yihowaatiin dhufu eebbifamaa dha’ hanga jettanitti, ammaa jalqabee matumaa ana hin argitan” jedhe. (Maatewos 23:39) Kana kan dubbate raajii Faarfannaa 118:26 irra jiruu fi “Maqaa Waaqayyootiin inni dhufu eebbifamaa haa taʼu! Nuyi mana Waaqayyoo keessaa isin in eebbifna” jedhu irraa caqasee ti. Eeyyee, manni qulqullummaa kun erga balleeffamee booda, maqaa Waaqayyootiin kan achi dhaqu hin jiru.
Yesuus amma mana qulqullummaa keessa gara iddoo qodaawwan ykn saanduqawwan buusii kaaʼaman dhaqe. Namoonni uraawwan xixinnoo irra keessa jiraniin buusii godhu. Yesuus Yihudoonni hedduun yeroo akkana godhan kan arge siʼa taʼu, namoonni sooreyyii taʼan “qarshii baayʼee keessa buusu.” Sana booda Yesuus dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko, “saantima xixinnoo gatii baayʼee xinnoo qaban lama” achi keessa yeroo buustu arge. (Maarqos 12:41, 42) Yesuus, Waaqayyo kennaa ishiitti hammam akka gammadu akka beeku hin shakkisiisu.
Barattoota isaa waamee, “Dhuguman isiniin jedha, warra saanduqawwan buusii keessa buusan kaan hunda caalaa kan buuse, dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼe kana dha” jedheen. Kun akkamitti taʼuu dandaʼa? Yesuus, “Isaan hundi wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatee utuu jirtuu wanta qabdu hunda, jechuunis wanta ittiin jiraattu hunda buuste” jechuudhaan ibse. (Maarqos 12:43, 44) Yaadni ishii fi gochi ishii kan geggeessitoota amantii irraa adda dha!
Niisaan 11 yeroon yommuu deemu, Yesuus yeroo dhumaatiif mana qulqullummaatii baʼee sokke. Barattoota keessaa tokko, “Barsiisaa, dhagaawwanii fi gamoowwan ajaaʼibsiisoo kana ilaali!” jedhe. (Maarqos 13:1) Eeyyee, dhagaawwan keenyan mana qulqullummaa tokko tokko garmalee guguddaa siʼa taʼan, manichi cimina akka qabaatuu fi yeroo dheeraadhaaf akka turu taasisaniiru. Kanaaf wanti Yesuus, “Gamoowwan guguddaa kana ni argitaa? Matumaa dhagaan kun utuu hin jigiin akka wal irra kaaʼametti hin hafu” jechuudhaan dubbate bitaa kan namatti taʼu dha.—Maarqos 13:2.
Erga kana dubbatee booda, Yesuusii fi ergamoonni isaa Sulula Qedroon keessa qaxxaamuranii iddoo Gaara Ejersaa irra jirtu tokkotti ol baʼan. Yesuus ergamoota isaa afur, jechuunis Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin bakka tokko jira. Bakka kana taʼanii mana qulqullummaa ajaaʼibsiisaa taʼe sana asii gad arguu ni dandaʼu.