LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 70 ful. 166-ful. 167 key. 2
  • Yesuus Nama Qaro Dhabeessa Taʼee Dhalate Fayyise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Nama Qaro Dhabeessa Taʼee Dhalate Fayyise
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fariisonni Namicha Qaro Dhabeessa Ture Falman
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Namoonni Qaroo Dhabeeyyii Taʼan Waaʼee Yihowaa Akka Beekan Gargaaraa
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Yesus Warra Dhukkubsatan Fayyise
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Namni Tokko Guyyaa Sanbataatti Hojii Gaarii Hojjechuu Ni Dandaʼaa?
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 70 ful. 166-ful. 167 key. 2
Kadhattuun qaro dhabeessa ture tokko, bishaan kuufamaa Salihoomitti erga dhiqatee booda arguu dandaʼe

BOQONNAA 70

Yesuus Nama Qaro Dhabeessa Taʼee Dhalate Fayyise

YOHAANNIS 9:1-18

  • KADHATTUUN YEROO DHALATEE JALQABEE QARO DHABEESSA TURE NI FAYYIFAME

Yesuus amma iyyuu Yerusaalem keessa jira; guyyaan isaa immoo Sanbata dha. Innii fi barattoonni magaalattii keessa utuu deemanii, kadhattuu yeroo dhalatee jalqabee qaro dhabeessa taʼe tokko argan. Barattoonni, “Rabbii, namichi kun, isa moo warra isaatu cubbuu hojjennaan qaro dhabeessa taʼee dhalate?” jedhanii isa gaafatan.—Yohaannis 9:2.

Barattoonni namichi kun dhalachuu isaa dura lubbuu ijaan hin argamne taʼee jiraachaa akka hin turre beeku; taʼus, gadameessa haadha isaa keessa yeroo turetti cubbuu hojjeteeraa laata jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Yesuusis, “Hojiin Waaqayyoo isa irratti akka mulʼatuuf kun taʼe malee, namichi kunis taʼe warri isaa cubbuu hin hojjenne” jedhee deebiseef. (Yohaannis 9:3) Kanaaf, namichis taʼe warri isaa dogoggora ykn cubbuu addaa qaro dhabeessa akka inni taʼu taasise hin hojjenne. Kanaa mannaa, sababa cubbuu Addaamiin ilmaan namootaa hundi mudaa kan qabanii fi hirʼina qaamaa qaro dhabeessa taʼuuf saaxilamaniiru. Namichi kun qaro dhabeessa taʼuun isaa, Yesuus akkuma yeroo kaan namoota dhukkuba isaanii irraa fayyisuudhaan gochaa ture, hojii Waaqayyoo mulʼisuuf carraa isaaf bana.

Yesuus hojiin kun ariifachiisaa taʼuu isaa cimsee ibse. Akkana jedhe: “Guyyaa taʼee utuu jiruu hojii isa na erge Sanaa hojjechuu qabna; halkan eenyu illee hojjechuu itti hin dandeenye ni dhufa. Addunyaa keessa hamman jirutti ani ifa addunyaa ti.” (Yohaannis 9:4, 5) Eeyyee, Yesuus dhiheenyatti yeroo duʼu, bakka awwaalchaa dukkanaaʼaa wanta tokko illee hojjechuu itti hin dandeenyetti seena. Hammasitti garuu addunyaadhaaf madda ifaa taʼa.

Yesuus ija namicha arguu hin dandeenyeetti dhoqqee dibe

Yesuus namicha kana ni fayyisaa laata? Taanaan akkamitti? Lafatti tufee hancufa isaatiin biyyoo jiise. Dhoqqee kana irraa muraasa fuudhee ija namichaatti dibee, “Dhaqii bishaan kuufamaa Salihoomitti dhiqadhu” jedheen. (Yohaannis 9:7) Namichis akkuma inni isaan jedhe godhe. Erga dhiqatee boodas arguu jalqabe! Yeroo jalqabaatiif arguu dandaʼuu isaatti gammachuu isatti dhagaʼamu mee yaadi!

Olloonni isaa fi namoonni akka inni qaro dhabeessa ture beekan ni ajaaʼibsiifatan. “Namichi kun isa taaʼee kadhatu sana mitii?” jedhanii gaafatan. Tokko tokko, “Eeyyee isa dha” jedhan. Warri kaan garuu waan hin amanneef, “Lakki, isa fakkaata malee isa miti” jedhan. Namichi garuu “Ani isuma” isaaniin jedhe.—Yohaannis 9:8, 9.

Kanaaf, “Maarree iji kee akkamitti baname?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Namichi Yesuus jedhamu biyyoo bukeessee ija kootti erga dibee booda, ‘Dhaqii Salihoomitti dhiqadhu’ naan jedhe. Anis dhaqeen dhiqadhe, agartuun koos anaaf deebiʼe” jedhee deebiseef. Isaanis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Ani hin beeku” jedhe.—Yohaannis 9:10-12.

Namoonni kun, Fariisota warra namichi kun akkamitti deebisee qaroo isaa akka argate beekuu barbaadanitti isa geessan. Innis “Inni, dhoqqee ija kootti dibe, anis nan dhiqadhe, achiis arguun dandaʼe” isaaniin jedhe. Namni kam iyyuu Fariisonni kun namichi kadhattuu taʼe kun fayyuu isaatti ni gammadu jedhee yaada. Taʼus, isaan keessaa tokko tokko Yesuusiin ni morman. “Namichi kun Sanbata waan hin kabajneef, Waaqayyo biraa kan dhufe miti” jedhan. Warri kaan garuu, “Namni cubbamaa taʼe tokko akkamitti dinqiiwwan akkanaa hojjechuu dandaʼa?” jedhan. (Yohaannis 9:15, 16) Kanaan kan kaʼes, gidduu isaaniitti wal qoqqooduun ni uumame.

Garaa garummaan kun isaan gidduutti waan uumameef, gara namicha amma arguu dandaʼe kanaatti garagalanii, “Ija kee kan siif bane isa waan taʼeef, ati waaʼee isaa maal jetta?” jedhanii isa gaafatan. Innis, shakkii tokko malee, “Inni raajii dha” isaaniin jedhe.—Yohaannis 9:17.

Yihudoonni kun garuu yaada kana amananii fudhachuu didan. Tarii Yesuusii fi namichi kun walii galanii namoota gowwoomsuuf tooftaatti fayyadamaa jiru jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Karaan dhimma kana mirkaneeffachuun itti dandaʼamu, inni dhugumaan qaro dhabeessa akka ture warra isaa irraa gaafachuu akka taʼe murteessan.

  • Sababiin namni kun itti qaro dhabeessa taʼe maali dha?

  • Namoonni namicha qaro dhabeessa ture kana beekan fayyuu isaatti maaltu isaanitti dhagaʼame?

  • Namichi kun fayyuun isaa Fariisota gidduutti garaa garummaa kan uume akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi