Namoonni Qaroo Dhabeeyyii Taʼan Waaʼee Yihowaa Akka Beekan Gargaaraa
1. Yesus namoota iji isaanii hin arginetti gara laafina kan argisiise akkamitti?
1 Guyyaan Yesus itti ajjeefamu dhihaatee ture. Utuu inni magaalaa Yerikootii baʼaa jiruu kadhattoonni iji isaanii hin argine lama “Gooftaa, . . . nu maari!” jedhanii iyyaa turan. Yesus waaʼee rakkina isa irra gaʼuuf jedhuu yaadaa kan ture taʼus, dhaabatee namoota sana ofitti waamuudhaan isaan fayyise. (Mat. 20:29-34) Gara laafina Yesus namoota kanatti argisiise hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Nama iji isaa hin arginee fi bakka namoonni hedduun jiranitti arganneef akkamitti dhugaa baʼuu dandeenya?
2 Isaan Gargaaraa: Nama iji isaa hin argine tarii bakka namoonni itti baayʼatanitti yoo argattan, eenyummaa keessan isa beeksisuudhaan gargaarsa isa barbaachisu isaaf kennaa. Namoonni kun balaadhaaf kan saaxilaman waan taʼaniif, tarii namni kun jalqaba irratti isin shakka taʼa. Haa taʼu malee, akka michuutti yoo isatti dhihaattanii fi garaadhaa akka isaaf yaaddan yoo argisiistan tasgabbaaʼuu dandaʼa. Kana malees, rakkinni qaroo dhabuu sadarkaan isaa garaa gara taʼuu isaa yaadadhaa; kunis, gargaarsi hammamii akka isaan barbaachisu hubachuuf isin gargaara. Erga gargaarsa isaaf gootanii booda, tarii hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuu irratti akka hirmaattan itti himuu dandeessu. Caqasawwan kan akka Faarfannaa 146:8 ykn Isaayaas 35:5, 6 isa afeeraa. Bireelii dubbisuu kan dandaʼu yoo taʼe, barreeffamoota Bireeliidhaan qophaaʼanii fi waaʼee Macaafa Qulqulluu caalaatti beekuuf isa gargaaran kan barbaadu taʼuu isaa isa gaafadhaa. Akkasumas, barreeffamoota sagaleedhaan qophaaʼan jw.org irraa akka argatu isa gargaaruu dandeessu. Kompiitarri isaa sooftiweerii barreeffama sagaleedhaan dubbisu kan qabu yoo taʼe, mata dureewwan Weeb saayitii jw.org irratti argamanii fi bifa RTF (Rich Text Format) jedhamuun garagalfamuu dandaʼan argachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa.—Saanduqa “Yommuu Nama Qaroo Dhabeessa Taʼe Gargaartu . . . ” jedhu ilaali.
3. Naannoo tajaajilaa keenya keessatti namoota iji isaanii hin argine barbaaduu kan dandeenyu akkamitti?
3 Namoota Iji Isaanii Hin Argine Barbaadaa: Namoonni iji isaanii hin argine hedduun namoota haaraa wajjin haasaʼuu waan sodaataniif, manaa gara manaatti yommuu tajaajillu yeroo baayʼee isaan hin argannu. Kanaafuu, namoota akkasiitti misiraachicha himuuf ‘barbaadnee’ argachuun carraaqqii guddaa gaafata. (Mat. 10:11) Namoota wajjin hojjettan ykn barattan keessaa namni iji isaa hin argine jiraa? Isa haasofsiisuuf dursa fudhadhaa. Naannoo tajaajilaa keessan keessa manni barumsaa namoota iji isaanii hin arginee yoo jiraate, mana kitaabaa isaaniitiif barreeffamoota keenya Bireeliidhaan qophaaʼan kennuu dandeessu. Nama miseensa maatii iji isaa hin argine qabu beektuu? Dhaabbileen namoota iji isaanii hin argineef tajaajila kennan ykn bakka jiraatan isaaniif kennan naannoo tajaajilaa keessan keessa jiruu? Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota iji isaanii hin argine gargaaruuf fedhii guddaa akka qaban miseensa maatii isaatti, keessummeessaa ykn hogganaa dhaabbatichaatti himaa; akkasumas, barreeffamoota Bireeliidhaan qopheeffaman ykn sagaleedhaan waraabaman isaanii kennaa. Macaafa Qulqulluu irraa abdii yeroo dhihootti Waaqayyo bara baraaf qaroo dhabummaa akka balleessu ibsu isaanii dubbisaa. Kana malees, tarii jw.org irraa viidiyoo mata duree “Utuun Isa Hin Qabu Taʼee, Waa Akka Natti Hirʼate Natti Dhagaʼama Ture” (Amaariffaan ni argama) jedhu qabuu fi muuxannoo namni iji isaa hin argine tokko Macaafa Qulqulluu Bireeliidhaan qophaaʼe qabaachuu isaatiin faayidaa guddaa akka argate ibsu itti argisiisuu barbaaddu taʼa. Kaayyoo gara mana isaaniitti itti dhaqxan itti himuun keessan, namoota iji isaanii hin argine argachuuf karaa isinii banuu dandaʼa.
4. Muuxannoon Jaaneet maal nu barsiisa?
4 Obboleettiin iji ishee hin arginee fi Jaaneet jedhamtu, iddoo jireenyaa namoota iji isaanii hin argine keessa jiraatan dhaqxee turte. Dubartii dargaggeettii taate tokkoo wajjin maree jalqabde. Jaaneet, “Yesus gara fuulduraatti namoota iji isaanii hin argine hundaaf maal akka godhu argisiisuuf namoota iji isaanii hin argine fayyisee akka ture” itti himte. Mulʼata 21:3, 4 irratti erga mariʼatanii booda, Jaaneet karaa Mootummaa Waaqayyoo abdiin kun akkamitti akka raawwatamu ibsiteef. Dubartiin sun takka calluma erga jettee booda akkana jette: “Namni iji isaa hin argine ilaalcha akkasii akka qabu yeroo dubbatu dhagaʼee hin beeku. Namoonni arguu dandaʼan hedduun, namoonni iji isaanii hin argine wanti kun kan isaan irra gaʼe, wanta isaan ykn akaakiliiwwan isaanii raawwataniin kan kaʼe akka taʼe amanu.” Jaaneet liinkii kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu kan ergiteef siʼa taʼu, amma torbanitti siʼa lama Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachaa jiru.
5. Akka Yesus namoota iji isaanii hin argine fayyisuu kan hin dandeenye taʼus, akka isaaniif yaadnu argisiisuun keenya eebba akkamii argamsiisa?
5 Dhugaa dha, akka Yesus namoota iji isaanii hin argine fayyisuu hin dandeenyu; haa taʼu malee, namoota kallattiidhaan iji isaanii hin argine dabalatee namoonni waaqayyicha bara siʼanaatiin yaadni isaanii jaame hundi dhugaa Dubbii Waaqayyoo akka hubatan gargaaruu ni dandeenya. (2 Qor. 4:4) Yesus namoota naannoo Yerikoo turan lamaan sana kan fayyise “gara-laafinaan” kakaʼee ti. (Mat. 20:34) Nuyis namoota iji isaanii hin argineef kan yaadnu yoo taʼe, waaʼee Yihowaa isa bara baraaf qaroo dhabummaa balleessuu akka baratan isaan gargaaruuf mirga argachuu dandeenya.
[Fakkii fuula 3rra jiru]
Yommuu Nama Qaroo Dhabeessa Taʼe Gargaartu . . .
• Kallattiidhaan isatti dubbadhu; garuu sagalee kee baayʼee ol hin kaasin. Namoonni iji isaanii hin argine arguu kan hin dandeenye taʼus, yeroo baayʼee akka gaariitti dhagaʼu.
• Kan isa geggeessitu yoo taʼe, ciqilee kee gara irraa qabachuu akka dandaʼuuf harka kee isa tokko dachaasiif. Yommuu xinnuma isa dursitee deemtu si duukaa buʼuu ni dandaʼa. Qarqara daandii, wanta karaa irra dhaabatee jiru ykn poolii, darajaa ykn yaabbannoo ykn gufuu kan biraa yommuu argitu itti himuu qabda.
• Jechoota ilaaluu wajjin wal qabatan kan akka “argitee” fi “ilaali” jedhanitti fayyadamuu hin sodaatin. Namoonni iji isaanii hin argines jechoota kanatti ni fayyadamu. Isaaniis miirawwan isaanii kaaniin ni “argu”; wanti dubbatamaa jiru sammuu isaanii keessatti sirriitti isaanitti mulʼata.
• Yeroo maree gootan bakka gabii qabu filadhaa. Namoonni iji isaanii hin argine wanta naannoo isaaniitti raawwatamaa jiru beekuuf waan isaan rakkisuuf, yeroo baayʼee bakka sagaleen nama jeequ jirutti tasgabbiin isaanitti hin dhagaʼamu.
• Yommuu isa biraa adeemuuf jettan itti himaa. Kunis qaanii nama isa bira hin jirretti dubbachuudhaan isatti dhagaʼamu irraa isa oolcha.
• Namni iji isaa hin arginee fi fedhii argisiise kan jiraatu naannoo tajaajilaa keessan keessa miti taanaan foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu guutaatii barreessaa gumiitti kennaa.