LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • od boq. 1 ful. 6-11
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • KUTAA JAARMIYAA YIHOWAA ISA SAMII
  • JAARMIYAAN YIHOWAA GARA FUULDURAATTI DEEMAA JIRA
  • ‘Wanta Caalaatti Barbaachisaa Taʼe Adda Baasaa Beekaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • “Mulʼata Waaqayyo Biraa Dhufe Nan Arge”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Fuulduratti Deemaa Jirtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Yihowaan Jaarmiyaa Isaa Geggeessaa Jira
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
od boq. 1 ful. 6-11

BOQONNAA 1

Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu

ADDUNYAA MARATTI jaarmiyaaleen amantaa, siyaasaa, daldalaa fi hawaasummaa, amala, kaayyoo, ilaalchaa fi falaasama garaa garaa qaban hedduun jiru. Haa taʼu malee, jaarmiyaan jaarmiyaalee kana hunda irraa adda taʼe tokko jira. Jaarmiyaan kunis jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼe Dubbiin Waaqayyoo ifatti dubbata.

2 Kan nama gammachiisu, atis jaarmiyaa Yihowaatti makamteetta. Fedha Waaqayyoo qortee waan mirkaneeffatteef fedha isaa raawwachaa jirta. (Far. 143:10; Rom. 12:2) Waldaa obbolummaa addunyaa maraa jaalala qabeessa taʼe keessatti babalʼisaa dammaqinaan tajaajilaa jiru taateetta. (2 Qor. 6:4; 1 Phe. 2:17; 5:9) Akkuma Dubbii Waaqayyoo keessatti waadaa galame, akkas gochuun kee eebba hedduu fi gammachuu guddaa siif argamsiisa. (Fak. 10:22; Mar. 10:30) Amanamummaadhaan yeroo ammaatti fedha Yihowaa raawwachuun kee, eebba bara baraa gara fuulduraatti argattuuf si qopheessa.—1 Xim. 6:18, 19; 1 Yoh. 2:17.

3 Uumaan keenya inni Guddaan jaarmiyaa addaa addunyaa maratti argamuu fi seera tiʼookraasiitiin geggeeffamu qaba. Kana jechuun Yihowaa isa uumama hundumaa irratti Mataa taʼeen geggeeffama jechuu dha. Nutis isa irratti amanannaa guutuu qabna. Inni Abbaa Murtii, isa seera nuu kennuu fi Mootii keenya dha. (Isa. 33:22) Inni Waaqa seera qabeessa waan taʼeef, kaayyoo isaa galmaan gaʼuu irratti ‘isaa wajjin akka hojjennu’ qophii godheera.—2 Qor. 6:1, 2.

4 Badiisni sirna kanaa caalaatti yeroo dhihaachaa deemu kanatti, Kiristoos Yesuus isa Mootii taʼee muudameen geggeeffamaa jirra. (Isa. 55:4; Mul. 6:2; 11:15) Yesuusumti iyyuu duuka buutonni isaa hojii inni yeroo lafa irra turetti hojjechaa ture caalaa akka hojjetan dursee dubbateera. (Yoh. 14:12) Kana jechuun isaas sirrii ture; sababiin isaas, duuka buutonni isaa yeroo dheeraadhaaf waan lallabanii fi lakkoofsi isaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan deemuuf naannoo balʼaa waliin gaʼuu dandaʼu. Kanaafuu, misiraachoo Mootummichaa hanga andaara lafaatti lallabuu dandaʼu.—Mat. 24:14; 28:19, 20; HoE. 1:8.

5 Yeroo ammaatti raajiin kun raawwii isaa argateera. Haa taʼu malee, akkuma Yesuus ifatti dubbate hojiin misiraachoo lallabuu yeroo Yihowaan murteessetti ni goolabama. Raajiiwwan dubbii Waaqayyoo keessatti argaman hundi, guyyaan Yihowaa inni guddaa fi sodaachisaa taʼe baayʼee dhihaachuu isaa argisiisu.—Yoe. 2:31; Sef. 1:14-18; 2:2, 3; 1 Phe. 4:7.

Wanta Waaqayyo nu irraa barbaadu raawwachuuf caalaatti carraaqqii gochuu nu barbaachisa. Kun immoo akkaataa jaarmiyaan Waaqayyoo itti hojjetu sirriitti beekuu gaafata

6 Saʼaatii dhumaa kanatti fedhiin Yihowaa maal akka taʼe waan hubanneef, wanta Waaqayyo nu irraa barbaadu raawwachuuf caalaatti carraaqqii gochuu nu barbaachisa. Kun immoo akkaataa jaarmiyaan Waaqayyoo itti hojjetu sirriitti beekuu fi jaarmiyaa kanaa wajjin guutummaatti wal taʼiinsaan hojjechuu gaafata. Jaarmiyaan kun immoo ajajawwan, seerawwan, ulaagaalee, dambiiwwanii fi barumsawwan Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessatti argaman dabalatee qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu keessa jiraniin geggeeffama.—Far. 19:7-9.

7 Sabni Yihowaa qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan akkasii sirriitti hordofuun isaanii, nagaa fi tokkummaadhaan waliin hojjechuu fi waliin jiraachuuf isaan dandeessisa. (Far. 133:1; Isa. 60:17; Rom. 14:19) Eessa iyyuu yoo jiraatan obboloonni keenya tokkummaa akkasii akka qabaatan kan godhu maali dha? Jaalala dha. Jaalala uffanneerra; wanta kam iyyuu kan hojjennu jaalalaan kakaanee ti. (Yoh. 13:34, 35; Qol. 3:14) Karaa Waaqayyo duratti fudhatama qabu kanaan, kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii wajjin qixxee deemna.

KUTAA JAARMIYAA YIHOWAA ISA SAMII

8 Raajonni akka Isaayyaas, Hisqiʼelii fi Daaniʼel jiran kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii mulʼataan arganiiru. (Isa., boq. 6; His., boq. 1; Dan. 7:9, 10) Yohaannis ergamaanis qophii samii irratti godhame kana mulʼataan kan arge yeroo taʼu, hamma tokko kitaaba Mulʼataa keessatti nuuf ibseera. Yihowaan teessoo ulfina qabeessa taʼe irra taaʼee isa argeera; maleekonni isatti marsanii jiranis, “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan, Inni Hundumaa Dandaʼu, inni ture, inni jiruu fi inni dhufu jedhu turan.” (Mul. 4:8) Kana malees, Yohaannis ‘teessoo sana gidduu hoolaan tokko,’ jechuunis Hoolaa Waaqayyoo kan taʼe Yesuus Kiristoos “dhaabbatee” argeera.—Mul. 5:6, 13, 14; Yoh. 1:29.

9 Mulʼanni Yihowaan teessoo irra taaʼee argisiisu kun inni Mataa jaarmiyaa kanaa taʼuu isaa argisiisa. Yihowaa fi aangoo isaa isa ol aanaa ilaalchisee 1 Seenaa Baraa 29:11, 12 akkana jedha: “Wanti samii keessas taʼe lafa irra jiru hundi kan kee waan taʼeef, yaa Yihowaa, guddinni, jabinni, miidhaginni, simboonii fi ulfinni kan kee ti. Yaa Yihowaa, mootummaan kan kee ti. Ati hundumaa irratti mataa of gooteetta. Sooromnii fi ulfinni si biraa argama; atis wanta hundumaa irratti ni bulchita; aangoonii fi guddinni harka kee irra jira; harki kee guddaa gochuu fi hundumaatiif jabina kennuu ni dandaʼa.”

10 Yesuus Kiristoos inni Yihowaa wajjin hojjetu samii keessatti iddoo ol aanaa qaba; aangoo hedduunis isaaf kennameera. Waaqayyo, “Wantoonni hundi miila isaa jalatti akka isaaf bitamanii fi gumichaa wajjin haala wal qabateen wanta hundumaa irratti mataa akka taʼu isa godheera.” (Efe. 1:22) Phaawulos ergamaan Yesuusiin ilaalchisee akkana jedheera: “Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe; akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne; kana kan godhes jilbi hundi, jechuunis samii keessa kan jiranii fi lafa irra kan jiran, akkasumas lafa jala kan jiran hundi maqaa Yesuusiin akka jilbeenfataniif, arrabni hundis ulfina Waaqayyo Abbaatiif Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa ifatti akka beeksisuufi.” (Filp. 2:9-11) Kanaafuu, bulchiinsa Yesuus Kiristoos isa qajeelaa taʼetti guutummaatti amanamuu dandeenya.

11 Daaniʼel raajichi Yihowaan Inni Bara Dheeraa Jiraate, teessoo isaa irra taaʼee maleekonni ‘kumni kumaatamni isa tajaajilaa, kumni kudhan siʼa kuma kudhanis isa dura dhaabbatanii’ mulʼataan argeera. (Dan. 7:10) Kitaabni Qulqulluun raayyaa maleekotaa kana, “hafuurota tajaajila qulqulluu dhiheessanii fi warra fayyina dhaaluuf jiran akka tajaajilan ergaman” jedhee isaan waama. (Ibr. 1:14) Uumamawwan hafuuraa kun hundi ‘teessoowwaniin, gooftummaadhaan, mootummaa fi aangoodhaan’ gurmaaʼaniiru.—Qol. 1:16.

12 Yeroo fudhannee wantoota kutaa Yihowaa isa samii keessa jiran irratti yoo xiinxalle Isaayyaas “Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee,” akkasumas “Suraafelonni isa gararraa dhaabbatanii” yeroo argetti miira isatti dhagaʼame hubachuu dandeenya. Isaayyaas akkana jedheera: “Anaaf wayyoo! Nama hidhiin isaa xuraaʼe waanan taʼeef, uummata hidhiin isaa xuraaʼe gidduu waanan jiraadhuuf, ijji koos Mooticha, Yihowaa Gooftaa Raayyaa waan argeef, duʼuun koo hin oolu!” Isaayyaas jaarmiyaan Yihowaa hangam balʼaa akka taʼe yommuu hubatetti, dinqisiifannaa guddaadhaan waan guutameef homaattuu akka hin lakkaaʼamne isatti dhagaʼameera. Wanti inni arge kun garaa isaa baayʼee waan tuqeef, hojii addaatiif, jechuunis murtii Yihowaa labsuuf samii irraa waamichi yommuu dhihaatetti, “Kunoo ani jira! Ana ergi!” jedhe.—Isa. 6:1-5, 8.

13 Sabni Yihowaas jaarmiyaa Yihowaa beekuun isaanii fi dinqisiifachuun isaanii akkuma Isaayyaas hojiidhaaf akka kakaʼan godha. Jaarmiyichi gara fuulduraatti yommuu deemu, nutis isaa wajjin qixxee deemuuf carraaqna. Yeroo harʼattis amanannaa jaarmiyaa Yihowaa irratti qabnu hojiidhaan argisiisuu barbaanna.

JAARMIYAAN YIHOWAA GARA FUULDURAATTI DEEMAA JIRA

14 Raajiin, Hisqiʼel boqonnaa 1 irratti galmeeffame Yihowaan saragallaa guddaa samii irratti argamu tokko oofaa akka jirutti ibsameera. Saragallaan baayʼee dinqisiisaa taʼe kun kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa ijaan hin mulʼanne argisiisa. Yihowaan saragallaa kana oofaa akka jirutti ibsamuun isaa karaa kaayyoo isaa wajjin wal simuun geggeessaa fi itti fayyadamaa akka jiru argisiisa.—Far. 103:20.

15 Tokkoon tokkoo geengoowwan saragallaa kanaa geengoo kan biraa hammuma isaanii balʼatu of keessatti kan qabatan yommuu taʼu, geengoowwan lamaanuu wal keessa qaxxamuraniiru. Geengoowwan kun, “kallattii arfaniin iyyuu deemuu dandaʼu” kan jedhame kanaafi. (His. 1:17) Geengoowwan kun saffisaan kallattii isaanii jijjiiruu dandaʼu. Haa taʼu malee, saragallaa kana kan geggeessu ykn kan toʼatu hin jiru jechuu miti. Yihowaan jaarmiyaan isaa kallattiidhuma ofii isaatii barbaadeen akka deemu isaaf hin heyyamu. Hisqiʼel 1:20, “[Isaan] bakka hafuurichi akka deeman isaan kakaasu ni deemu turan” jedha. Kanaafuu, jaarmiyichi bakka hafuurichi isa geessu hundumaa akka deemu kan godhu Yihowaa dha. Egaa ‘Jaarmiyichaa wajjin qixxee deemaan jiraa?’ jennee of haa gaafannu.

16 Jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuu jechuun, walgaʼii irratti argamuu fi tajaajila dirree irratti hirmaachuu qofa miti. Qixxee deemuu jechuun adda durummaadhaan guddina hafuuraa gochuu wajjin wal qabata. ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee beekuu’ fi nyaata hafuuraa dhihaatu yeroo isaatti soorachuu qabna. (Filp. 1:10; 4:8, 9; Yoh. 17:3) Kana malees, jaarmiyaa gaarii taʼe qabaachuuf qindoominnii fi tumsi jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa yaadachuu qabna. Yeroo, humna, dandeettii fi qabeenya Yihowaan hojii isaa karaa buʼa qabeessa taʼeen akka ittiin raawwannuuf imaanaadhaan nutti kenne sirriitti itti fayyadamuun barbaachisaa taʼuu isaa hubachuu qabna. Saragallaa Yihowaa isa samii wajjin qixxee deemuuf carraaqqii yoo goone, jireenyi keenya ergaa labsinuu wajjin kan wal simu taʼa.

17 Gargaarsa jaarmiyaa Yihowaatiin fedha isaa raawwachuudhaan gara fuulduraatti deemaa jirra. Saragallaa samii irraa kana kan oofu Yihowaa taʼuu isaa yaadadhu. Kanaafuu, saragallaa isaa wajjin qixxee deemuuf carraaqqii yoo goone, Yihowaa isa Qarsaa keenya taʼeef kabaja akka qabnuu fi isatti akka amanamnu argisiisna. (Far. 18:31) Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan saba isaatiif jabina kenna. Yihowaan saba isaa nagaadhaan eebbisa” jechuudhaan abdii kenneera. (Far. 29:11) Yeroo harʼaatti kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuu keenyaan, waliin taanee jabina inni kennu irraa fayyadamaa jirra; akkasumas nagaa inni saba isaa gurmaaʼe ittiin eebbise dhandhamaa jirra. Ammas taʼe bara baraaf fedhii Yihowaa yoo raawwanne, eebbi hedduun nuuf dhangalaʼuu isaa akka itti fufu beekamaa dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi