BOQONNAA 3
“Warra Isin Gidduutti Dura Buutota Taʼan . . . Yaadadhaa”
DHALOOTA KIRISTOOS BOODA bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetii eegalee, ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos warri amanamoon akka qaama ol aanaatti gumii Kiristiyaanaa haaraa hundeeffameef qajeelfama kennaa turan. (HoE. 6:2-4; Ibr. 13:7) Dhaloota Kiristoos Booda gara naannoo bara 49tti immoo, qaamni ol aanaan kun ergamoota malees obboloota kan biroo kan of keessatti qabatu taʼeera. Yeroo dhaqna qabaa irratti murtiin kennametti, qaamni ol aanaan yeroo sana ture, “ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalemitti argaman” kan of keessatti qabate ture. (HoE. 15:1, 2) Dhimmoota Kiristiyaanota bakka hundumaa jiraatan ilaallatan irratti murtii kennuun itti gaafatamummaa isaanii ture. Xalayaawwanii fi dambiiwwan isaan erganis gumiiwwan cimseera, barattoonni yaadaa fi gochaan tokko akka taʼanis gumaacheera. Gumiiwwan qajeelfama qaama ol aanaatiif ajajamuun isaanii fi bitamuun isaanii eebba Yihowaa akka argatan, akkasumas guddinni akka argamu taasiseera.—HoE. 8:1, 14, 15; 15:22-31; 16:4, 5; Ibr. 13:17.
2 Ergamoonni erga duʼanii booda garuu, gantummaa guddaan ni kaʼe. (2 Tas. 2:3-12) Akkuma Yesuus fakkeenya waaʼee qamadii fi inkirdaadaa irratti dursee dubbate, qamadichi (Kiristiyaanonni dibamoon) inkirdaadaan (Kiristiyaanota fakkeessitoota taʼaniin) liqimfameera. Jaarraawwan hedduudhaaf gareewwan kun lamaan hamma yeroon makaraa gaʼutti, jechuunis hanga ‘dhumni sirna kanaa’ gaʼutti wal faana akka guddatan heyyamameera. (Mat. 13:24-30, 36-43) Kiristiyaanonni dibamoon yeroo sanatti akka dhuunfaatti Yesuus duratti fudhatama qabu turan; haa taʼu malee, qaamni ol aanaan hin jiru ture, karaan Yesuus duuka buutota isaatiif qajeelfama itti kennus ifa hin turre. (Mat. 28:20) Taʼus yeroo makarri gaʼu jijjiiramni akka jiraatu dursee dubbateera.
3 “Garbichi amanamaanii fi ogeessi . . . dhuguma eenyu?” Yesuus Kiristoos gaaffii kanaan jalqabuudhaan fakkeenya kutaa “mallattoo” “dhuma sirna kanaa” taʼe tokko dubbateera. (Mat. 24:3, 42-47) Yesuus, garbichi amanamaan kun “yeroo sirrii taʼetti” nyaata hafuuraa saba Waaqayyoo sooruu irratti akka dhimmu dubbateera. Yesuus jaarraa tokkoffaatti saba isaa geggeessuuf nama tokkotti utuu hin taʼin, garee dhiirotaa tokkotti fayyadameera; garbichi amanamaan Yesuus dhuma sirna kanaatti itti fayyadamaa jirus nama tokko miti.
‘GARBICHA AMANAMAA FI OGEESSAA’ ADDA BAASANII BEEKUU
4 Yesuus duuka buutota isaa akka sooraniif eenyuun muude? Kiristiyaanota dibamoo lafa irra jiran taʼuu qaba. Kitaabni Qulqulluun dibamtoonni kun ‘luboota mootota taʼanii’ fi “isa dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isaan waame sanaaf, ulfina isaa balʼinaan akka labsan” ajajaman akka taʼanitti ibsa. (1 Phe. 2:9; Mil. 2:7; Mul. 12:17) Garbicha amanamaa kan jedhame dibamtoota lafa irra jiran hunda dhaa? Lakki. Yesuus ijoollee fi dubartoota utuu hin dabalatin dhiirota 5,000 yeroo dinqiidhaan sooretti, nyaata sana barattoota isaatti kenne; isaan immoo namoota sanaaf kennan. (Mat. 14:19) Namoota muraasatti fayyadamee namoota hedduu sooreera. Yeroo harʼaattis, haaluma kanaa wajjin wal fakkaatuun nyaata hafuuraa dhiheessaa jira.
5 Kanaafuu, “bulchaan amanamaanii fi ogeessi” garee xinnoo obboloota dibamoo of keessatti qabate yeroo taʼu, isaanis yeroo argama Kiristoositti nyaata hafuuraa qopheessuu fi raabsuu irratti kallattiidhaan hirmaatu. (Luq. 12:42) Bara dhumaa kanatti obboloonni dibamoon ‘garbicha amanaa fi ogeessa’ taʼan, waajjira muummee keessatti argamu. Yeroo harʼaatti, gareen obboloota dibamoo kanaa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamee beekama.
6 Kiristoos qaama kanatti fayyadamuudhaan barumsawwan raawwii raajii Kitaaba Qulqulluu ibsan qopheessaa jira; akkasumas qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu ilaalchisee gorsa yeroo isaatiif taʼu kennaa jira. Nyaanni hafuuraa kun karaa gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa obboloota bira gaʼa. (Isa. 43:10; Gal. 6:16) Bara duriitti mana tokko kan geggeessu, garbicha amanamaa ykn bulchaa ture. Haaluma wal fakkaatuun, garbichi amanamaanii fi ogeessis maatii hafuuraa akka bulchu itti gaafatamummaan isaaf kennameera. Kanaafuu, garbichi amanamaan wanta ‘maaticha’ fayyadu hunda, jechuunis qabeenya, hojii lallabaa, sagantaawwan walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo, muudama obboloota jaarmiyicha keessatti sadarkaa adda addaa irratti tajaajilanii fi hojii barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qopheessuu ol aantummaadhaan toʼata.—Mat. 24:45.
7 “Maatii” kan jedhaman garuu eenyufaa dha? Gabaabumatti, warra sooratan argisiisa. Guyyoota dhumaa gara jalqabaatti, guutummaan maatichaa dibamtoota turan. Booda garuu, “hoolota kan biroo” tuuta uummataa guddaa taʼan kan dabalatu taʼe. (Yoh. 10:16) Gareewwan lamaanuu nyaata hafuuraa garbicha amanamaadhaan dhihaatu sooratu.
8 Yeroo rakkina guddaatti, Yesuus dhufee sirna hamaa kana irratti yeroo murtii dabarsuu fi raawwachiisutti, garbicha amanamaa kana “qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda.” (Mat. 24:46, 47) Yeroo sanatti warri garbicha amanamaa taʼanii tajaajilan badhaasa isaanii isa samii argatu. Isaanis miseensota 144,000 waan taʼaniif Kiristoosii wajjin samii irratti moototaa fi luboota taʼanii bulchu. Yeroo sanatti garbichi amanamaanii fi ogeessi lafa irra kan hin jirre taʼus, Yihowaa fi Yesuus warra lafa irratti bulchiinsa Mootummaa Masihiichaa jalatti bulaniif qajeelfama kennuuf, namoota “bulchitoota” taʼanii tajaajilan ni muudu.—Far. 45:16.
‘WARRA DURA BUUTOTA TAʼAN YAADACHUU’ KAN QABNU MAALIIFI?
9 ‘Warra dura buutota taʼan yaadachuu’ fi akka isaanitti amanamnu argisiisuuf sababii hedduu qabna. Akkas gochuun keenya kan nu fayyadu maaliifi? Phaawulos ergamaan, “Isaan akka warra herrega dhiheessaniitti dhimmanii isin eegu; kana yoo gootan hojii isaanii gammachuudhaan hojjetu; taʼuu baannaan garuu hojii isaanii gaddaan hojjetu, kun immoo isin miidha” jedheera. (Ibr. 13:17) Qajeelfama obboloonni dura buutota taʼan kennaniif ajajamuu fi bitamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha; sababiin isaas nageenyi hafuuraa keenya waan isaan yaaddessuuf dhimmanii nu eegu.
10 Phaawulos 1 Qorontos 16:14 irratti, “Wanta hojjettan hunda jaalalaan hojjedhaa” jedheera. Murtoowwan saba Waaqayyoo ilaallatan hundi kan murteeffaman jaalala isa hundumaa akka caalu ibsame irratti hundaaʼuudhaani. Jaalala ilaalchisee 1 Qorontos 13:4-8 akkana jedha: “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa. Jaalalli hin hinaafu. Jaalalli of hin jaju, of hin bokoksu, amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu, faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu, hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu. Jalʼinatti hin gammadu, kanaa mannaa dhugaa wajjin gammada. Waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaa dandamata. Jaalalli matumaa hin badu.” Murtoowwan faayidaa tajaajiltoota Yihowaatiif murteeffaman hundi jaalala irratti kan hundaaʼan waan taʼaniif, qajeelfama kana jalatti buluun tasgabbiin akka nutti dhagaʼamu godha. Hunda caalaa immoo, jaalala Yihowaan nuuf qabu argisiisa.
Warra karaa hafuuraa eegumsa nuuf godhaniif bitamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha
11 Akkuma jaarraa jalqabaa namoonni Yihowaan saba isaa geggeessuuf itti fayyadamu namoota mudaa qabani dha. Bara duriittis fedha isaa raawwachuuf namoota mudaa qabanitti fayyadamaa tureera. Noh doonii ijaareera, badiisa bara isaatti dhufus labseera. (Uma. 6:13, 14, 22; 2 Phe. 2:5) Museen saba Yihowaa Gibxii keessaa akka baasu muudameera. (Bau. 3:10) Namoonni mudaa qaban hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii Kitaaba Qulqulluu barreessaniiru. (2 Xim. 3:16; 2 Phe. 1:21) Yeroo harʼaattis, Yihowaan hojii lallabuu fi barattoota gochuu geggeessuuf namoota mudaa qabanitti fayyadamuun isaa, amanannaa jaarmiyaa Waaqayyoo irratti qabnu hin laaffisu. Kanaa mannaa, jaarmiyichi wantoota hanga harʼaatti raawwate hunda kan raawwate gargaarsa Yihowaatiin taʼuu isaa waan beeknuuf amantiin keenya ni cima. Garbichi amanamaan haalawwan baayʼee ulfaatoo taʼan keessatti illee hafuurri Waaqayyoo isa geggeessaa akka jiru argisiiseera. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafa irraatiif eebbi hedduun dhangalaʼaa jira. Kanaafuu, jaarmiyaa kana garaa guutuudhaan deggerra, akkasumas itti amanamna.
AMANANNAA AKKA QABNU KAN ARGISIISNU AKKAMITTI?
12 Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban hojii isaaniif kennamu kam iyyuu gammachuudhaan fudhachuu fi amanamummaadhaan raawwachuudhaan amanannaa akka qaban argisiisu. (HoE. 20:28) Labsitoota Mootummichaa waan taaneef, tajaajila manaa gara manaa irratti, deddeebii gaaffii gochuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu irratti hinaaffaadhaan hirmaanna. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Nyaata hafuuraa hedduu karaa garbicha amanamaa nuuf qophaaʼu irraa guutummaatti fayyadamuuf walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo dabalatee walgaʼiiwwan gumiitiif sirriitti qophoofna, akkasumas irratti argamna. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa kana irratti obboloota keenyaa wajjin yeroo walitti qabamnu wal jajjabeessuudhaan faayidaa guddaa arganna.—Ibr. 10:24, 25.
13 Qabeenya keenyaan jaarmiyicha yommuu deggerru, amanannaa isa irratti qabnu argisiisaa jirra. (Fak. 3:9, 10) Obboloota keenya gargaarsi yommuu barbaachisutti hatattamaan tarkaanfii fudhanna. (Gal. 6:10; 1 Xim. 6:18) Kana hundumaa kan goonu jaalala obbolummaatiin kakaanee ti; gaarummaa Yihowaa fi jaarmiyaan isaa nutti argisiisaniif dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf yeroo hundumaa carraa barbaanna.—Yoh. 13:35.
14 Kana malees, murtoowwan jaarmiyichi godhu deggeruudhaan akka isatti amanamnu argisiisuu dandeenya. Kun immoo ilaaltoota ol aanaa aanaa fi jaarsolii gumii dabalatee, qajeelfama obboloonni itti gaafatamummaa qaban nuuf kennan gad of qabuudhaan fudhachuu gaafata. Obboloonni kun warraa “dura buutota taʼan” keessaa tokko waan taʼaniif, isaaniif ajajamuu fi bitamuun keenya barbaachisaa dha. (Ibr. 13:7, 17) Murtoowwan tokko tokko kan murteeffaman maaliif akka taʼe guutummaatti beekuu baannus, murtoowwan sana deggeruun akka nu fayyadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Taanaan Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaatiif waan ajajamneef Yihowaan nu eebbisa. Akka kanaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif akka bitamnu argisiisna.
15 Eeyyee, garbicha amanamaa fi ogeessatti amanamuuf sababii quubsaa qabna. Seexanni inni waaqa sirna kanaa taʼe, maqaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti arrabsoo fiduuf waan isaaf dandaʼame hunda gochaa jira. (2 Qor. 4:4) Malawwan hamminaa Seexanaatiin akka hin gowwoomfamne of haa eeggannu! (2 Qor. 2:11) Inni qilee keessatti darbatamuuf “yeroo gabaabduu [qofa] akka qabu waan beekeef,” hamma isaaf dandaʼame saba Yihowaa Waaqa isaanii irraa jalʼisuuf kutatee kaʼeera. (Mul. 12:12) Haa taʼu malee, yeroo carraaqqiin Seexanni godhu garmalee dabalaa jiru kanatti, nuti immoo caalaatti Yihowaatti haa dhihaannu. Yihowaa fi jaarmiyaa inni yeroo harʼaatti saba isaa geggeessuuf itti fayyadamaa jirutti haa amanamnu. Akkas gochuun keenya tokkummaa obbolummaa addunyaa maraatiif gumaacha godha.