Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa
Babalʼisaa Misiraachichaa Hidhata Amantaa Keenyaa Taate:
Yihowaa isa Waaqa dhugaa tokkicha taʼe tokkummaadhaan waaqeffachuun mirga guddaa dha! Mirga Waaqayyoo ‘wajjin hojjechuu’ kan qabnu taʼuu keenya irra iyyuu, misiraachoo waaʼee Mootummaa isaa isa samii irratti hundeeffamee ibsu lallabuu fi barsiisuun imaanaadhaan nutti kennameera; hojiin kun qulqulluu fi lubbuu kan baraaru dha. (1 Qor. 3:9; Mat. 28:19, 20) Hojii addunyaa maratti raawwatamu kana nagaa fi tokkummaadhaan raawwachuuf sirriitti gurmaaʼuu qabna.—1 Qor. 14:40.
Kitaabni kun yeroo harʼaatti gumiin Kiristiyaanaa akkamitti akka gurmaaʼe hubachuuf si gargaara. Mirgaa fi itti gaafatamummaa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuudhaan qabdu ibsa. Mirgawwan qabdu kan dinqisiifattuu fi itti gaafatamummaa kee sirriitti kan raawwattu yoo taʼe “amantiitti cimaa” taata.—HoE. 16:4, 5; Gal. 6:5.
Kanaafuu, kitaaba kana akka gaariitti akka qoʼattu si jajjabeessina. Karaawwan barumsa kitaaba kana keessa jiru jireenya kee keessatti hojii irra oolchuu itti dandeessu hubachuuf carraaqqii godhi. Fakkeenyaaf, babalʼisaa hin cuuphamne kan taate dhiheenyatti yoo taʼe, cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qabda? Gama biraatiin immoo, cuuphamtee Yihowaa tajaajilaa kan jirtu yoo taʼe, karaa hafuuraa guddina gochuu fi tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu balʼifachuuf maal gochuu dandeessa? (1 Xim. 4:15) Nagaa gumichaatiif gumaacha gochuu kan dandeessu hoo akkamitti? (2 Qor. 13:11) Kitaabni kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
Obboleessa cuuphame yoo taate, ulaagaa isaa guuttee tajaajilaa gumii taʼuuf achiis jaarsa gumii taatee tajaajiluuf maal gochuu dandeessa? Namoonni haaraan gara jaarmiyaa Yihowaatti yaaʼaa waan jiraniif, obboloota geggeessuu irratti gaʼumsa qaban argachuun yeroo kam iyyuu caalaa barbaachisaa dha. Kitaabni kun galmawwan hafuuraa kanneen irra gaʼuuf ‘carraaquun’ maalfaa akka dabalatu hubachuuf si gargaara.—1 Xim. 3:1.
Kitaabni kun gaʼee qophii Yihowaa keessatti qabdu akka hubattuu fi mirga kee kana akka dinqisiifattu akka si gargaaru cimsinee kadhanna. Hunda keessan iyyuu baayʼee jaallanna; akkasumas namoota Abbaa keenya isa samii bara baraaf gammachuudhaan waaqeffatan keessaa tokko akka taatan kadhachuu keenya itti fufna.—Far. 37:10, 11; Isa. 65:21-25.
Obboloota kee,
Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa