LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ypq gaaffii 1 ful. 3-5
  • Ani Eenyu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ani Eenyu?
  • Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 9 Eenyummaa Ofii Beekuu
    Dammaqaa!—2018
  • Qorumsa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe Yesus Waaqayyodhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Galma Koorra Gaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
ypq gaaffii 1 ful. 3-5
Shamarreen umurii kurnanii keessa jirtu qaruuraa dhugaatii alkoolii baname fudhachuuf yommuu mamtu

GAAFII 1

ANI EENYU?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Eenyummaa kee fi ejjennoo kee beekuun yommuu dhiibbaan si irra gaʼu murtoo gaarii gochuuf si gargaara.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Keetiim bakka afeerraan itti godhame erga dhaqxee daqiiqaa kudhan hin caalu; achiis duuba ishiitiin sagalee beektu tokko dhageesse.

“Maal taatee dhaabattee hafte?”

Keetiim yommuu garagaltu hiriyaan ishii Jaallanneen qaruuraa reefuu baname lama qabattee argite. Dhugaatii alkoolii taʼuu isaa beekuuf hin rakkanne. Jaallanneen qaruuraa isa tokko Keetiimitti hiixattee, “Bashannanuudhaaf umuriin koo hin geenye akka hin jenne?” jette.

Keetiim afeerraa kana fudhachuu kan hin barbaanne taatus, hiriyaa ishii gaddisiisuu hin barbaanne. Hiriyaan ishii boodatti haftuu akka taatetti akka ishii ilaaltus hin barbaaddu. Kana malees, Jaallanneen shamarree gaarii dha. Kanaaf, dhuguun ishii rakkina hin qabu. Keetiim, ‘Dhugaatii dha malee, qoricha sammuu namaa hadoochu miti’ ofiin jette.

Ati utuu Keetiim taatee maal goota?

TAKKA YAADI!

Haala akkasii keessatti murtoo gaarii gochuuf eenyummaa kee beekuu si barbaachisa. Eenyummaan, miira eenyu akka taatee fi ejjennoo akkamii akka qabdu si hubachiisu dha. Eenyummaa kee beekuun, namoonni jireenya kee akka toʼatan heyyamuu mannaa, jireenya kee ofii keetii akka toʼattu humna sii kenna.—1 Qorontos 9:26, 27.

Cimina akkasii qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Gaaffiiwwan armaan gadii deebisuun si gargaara.

1 CIMINNI KOO MAALI DHA?

Dandeettii kee fi amalawwan gaggaarii qabdu beekuun kee amantii of irratti qabdu siif cimsa.

FAKKEENYA KITAABA QULQULLUU: Phaawulos ergamaan, “Ani nama akka gaariitti dubbatu taʼuu baadhu illee, beekumsa akkan qabu garuu mirkanaaʼaa dha” jedheera. (2 Qorontos 11:6) Phaawulos beekumsa Kitaaba Qulqulluu guddaa waan qabuuf, yommuu warri kaan isa ceephaʼanitti jabaatee dhaabachuu dandaʼeera. Ceephoon isaanii amantii inni of irratti qabu akka laaffisu hin heyyamne.—2 Qorontos 10:10; 11:5.

OF GAMAAGGAMI: Kennaa uumamaa ykn dandeettii qabdu barreessi.

Amma immoo amalawwan gaggaarii qabdu barreessi. (Fakkeenyaaf, namootaaf ni yaaddaa? Arjaa dhaa? Nama amanamtu dhaa? Beellama ni kabajjaa?)

2 DADHABINNI KOO MAALI DHA?

Fuuncaan tokko hangam iyyuu cimaa yoo taʼe iddoon itti wal qabate laafaa yoo taʼe cituu akkuma dandaʼu, atis dadhabinni kee akka si toʼatu yoo heyyamte eenyummaan kee utuu hin beekin jijjiiramuu fi amala gadhee qabaachuu dandeessa.

FAKKEENYA KITAABA QULQULLUU: Phaawulos dadhabina isaa beeka ture. Akkana jedhee barreesseera: “Keessa namummaa kootti seera Waaqayyootti nan gammada; qaama koo keessatti garuu seera kan biraa, seera sammuu koo wajjin wal loluu fi seera cubbuu[tiif] . . . akkan boojiʼamu na godhu nan arga.”—Roomaa 7:22, 23.

OF GAMAAGGAMI: Dadhabinni fooyyessuu qabdu kam faʼi?

3 GALMAWWAN AKKAMIIN QABA?

Taaksii yaabbattee hanga bobaʼaan dhumutti iddoo taʼe tokko irra akka naannaʼu konkolaachisaa ni gaafattaa? Kun gowwummaa dha; kasaaraa guddaa dhas!

Barumsa irraa argattu: Galma baafachuun jireenyi kee kaayyoo akka qabaatu godha. Iddoo deemtuu fi akkamitti akka achi geessu beekta.

FAKKEENYA KITAABA QULQULLUU: Phaawulos, “Ani akka kanaan kanan fiigu kaayyoo malee miti” jedheera. (1 Qorontos 9:26) Jireenya isaa akkasumaan geggeessuu mannaa, galma baafateera; galma isaa wajjinis wal simee jiraateera.—Filiphisiyus 3:12-14.

OF GAMAAGGAMI:Galmawwan waggaa dhufu bira gaʼuu barbaaddu sadii barreessi.

4 WANTOONNI ANI ITTI AMANU MAAL FAʼI?

Muka hidda gad fagoo qabuu fi obomboleettii cimaa damdamatee dhaabate

Eenyummaa kee ilaalchisee ejjennoo cimaa yoo qabaatte, akka muka hidda gadi fagoo qabuu fi obomboleettii cimaa damdamatuu taata

Wanta itti amantu hin qabdu taanaan, ejjennoo hin qabaattu. Akkuma gaararraa, atis hiriyoota kee fakkaachuuf yaalta; kun immoo eenyummaa mataa kee akka ati hin qabne argisiisa.

Wanta itti amantu irratti hundooftee tarkaanfii yoo fudhatte garuu, warri kaan maal iyyuu yoo godhan eenyummaa kee eegdee jiraatta.

FAKKEENYA KITAABA QULQULLUU: Daaniʼel raajichi umurii isaa waggoota kurnaniitti maatii isaa irraa fagaatee jiraachuuf dirqamus, seera Waaqayyootiif ajajamuuf ‘garaa muratee’ ture. (Daaniʼel 1:8) Akkana gochuu isaatiin, ejjennoo isaa eegee jiraachuu dandaʼeera. Daaniʼel wantoota itti amanuu wajjin haala wal simuun jiraateera.

OF GAMAAGGAMI: Wantoonni itti amantu maal faʼi? Fakkeenyaaf: Waaqayyotti ni amantaa? Taanaan maaliifi? Waaqayyo jiraachuu isaa akka amantu kan si godhe maali dha?

Ulaagaalee amalaa Yihowaan baase akka si fayyadan ni amantaa? Taanaan maaliifi?

Akka baala harcaʼee fi qilleensa xinnoodhaan asii fi achi oofamuu moo akka muka obomboleettii cimaa illee damdamatee dhaabatuu taʼuu barbaadda? Eenyummaa kee ilaalchisee ejjennoo cimaa yoo qabaatte akka mukichaa taata. Kun immoo, gaaffii Ani eenyu? jedhuuf deebii kennuuf si gargaara.

Karoora

  • Galmawwan gaaffii 3⁠ffaa jalatti barreessite sadan ilaali. Achiis galmawwan kee irra gaʼuuf tarkaanfii jiʼa kanatti fudhachuu dandeessu tokko barreessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi