LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g18 Lakk. 2 ful. 12
  • 9 Eenyummaa Ofii Beekuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 9 Eenyummaa Ofii Beekuu
  • Dammaqaa!—2018
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MAAL JECHUUDHA?
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Ani Eenyu?
    Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Ijoollee Keessanii Wajjin Falmii Malee Haasaʼaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Barbaachisummaa Amala Naamusaa
    Dammaqaa!—2019
  • Fedhii Dogoggoraa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2018
g18 Lakk. 2 ful. 12
Dargaggeessi tokko muka qilleensaan raafamu bira dhaabatee jira

Eenyummaa kee sirriitti beekta taanaan obomboleettii cimaa keessa jabaattee dhaabbachuu dandeessa

DARGAGGOOTAAF

9 Eenyummaa Ofii Beekuu

MAAL JECHUUDHA?

Eenyummaan kee maqaa fi bifa keerra darbee wantoota hedduu of keessatti qabata. Ulaagaa naamusaa kee, wanta itti amantuu fi amala kees ni dabalata. Kanaafuu, eenyummaan kee keessa kee fi ala kee dabalatee waaʼee kee wantoota hunda of keessatti qabata.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Eenyummaa kee sirriitti beekta yoo taʼe dhiibbaa hiriyoota keetiin moʼamuu mannaa, wanta itti amantuuf ejjennoo cimaa qabaatta.

“Namoonni hedduun akkuma ashaangulliitii uffata gurguramu ittiin beeksisaniiti. Wanta uffatan warra kaantu isaaniif filata.”—Adriyaan.

“Yeroo ulfaataa taʼuttillee wanta sirrii taʼe cinaa dhaabbachuu baradheera. Hiriyoonni koo warri dhugaan warra ulaagaalee naamusaa koo kabajanidha; isaan wajjin taʼuun na hin dhiphisu.”—Koortinii.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.”—Roomaa 12:2.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Cimina kee, dadhabina kee fi wantoota itti amantu gamaaggamuudhaan amma nama akkamii akka taatee fi nama akkamii taʼuu akka barbaaddu yaadi. Karaa gaariin kana gochuu itti dandeessu gaaffilee armaan gadiitiif deebii kennuudha.

Cimina: Dandeettii fi ogummaa akkamiin qaba? Ciminni koo maalidha? (Fakkeenyaaf: Saʼaatii nan eegaa? Of nan toʼadhaa? Jabaadheen hojjedhaa? Arjaadhaa?) Wantoota gaarii akkamiin hojjedha?

GORSA GAARII: Waaʼee ofii kee wantoota gaggaarii qabdu adda baasuun si rakkisaa? Warri kee ykn michuun amantu tokko cimina akkamii akka qabduu fi kanas karaa kamiin argisiisaa akka jirtu akka sitti himan gaafadhu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—Galaatiyaa 6:4.

Dadhabina: Eenyummaa koorratti fooyyaʼiinsa guddaa gochuu kanan qabu gama kamiini? Wanta dogoggora taʼe raawwachuuf caalaatti kanan qoramu yoomi? Caalaatti of toʼachuu kanan dandaʼu hoo gama kamiini?

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “‘Cubbuu hin qabnu’ jennee yoo dubbanne of gowwoomsaa jirra.”—1 Yohaannis 1:8.

Wanta itti amantu: Ulaagaa naamusaa ani ittiin geggeeffamu kan akkamiiti? Maaliif? Waaqayyotti nan amanaa? Ragaan jiraachuu isaa na amansiise maalidha? Gochawwan haqa akka hin taanetti ilaalu kamfaʼi? Maaliif? Gara fuulduratti maaltu akka taʼun amana?

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Dandeettiin yaaduu si eega, hubannaanis si golga.”—Fakkeenya 2:11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi