LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ypq gaaffii 5 ful. 15-17
  • Ijoolleen Abbaa Humnaa Taʼan yoo Na Rakkisan Maal Godhu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoolleen Abbaa Humnaa Taʼan yoo Na Rakkisan Maal Godhu?
  • Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abbaan Humnaa Yoo Na Hube Maalan Godha?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Abbootiin Humnaa Ilma Kootti yoo Roorrisan Maalan Godha?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Abbaan Humnaa Yommuu Si Mudatu Yihowaatti Amanami
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mana Barumsaatti Miidhaarraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
ypq gaaffii 5 ful. 15-17
Mucaan tokko ijoollee isaa wajjin baratan duratti abbaa humnaatiin yommuu doorsifamu

GAAFII 5

Ijoolleen Abbaa Humnaa Taʼan yoo Na Rakkisan Maal Godhu?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Akkaataan ati itti deebii kennitu haala isaa fooyyessuu ykn itti caalchisuu dandaʼa.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Toomaas harʼa, boris taʼe yoom iyyuu mana barumsaa dhaquu hin barbaadu. Haalli kun kan eegale jiʼa sadii dura ijoolleen isaa wajjin baratan waaʼee isaa hamii babalʼisuu yeroo jalqabanitti ture. Achiis maqaa masoo baasaniif. Al tokko tokko utuu hin beekin waan godhan fakkeessuudhaan dabtara isaa harkaa darbatu ykn ijoollee duuba isaa jiran keessaa tokko isa darbata, Toomaas yommuu garagalu nama akkas godhe beekuu hin dandaʼu. Kaleessa immoo wanta kana caalutu isa mudate; intarneetiidhaan ergaa erguudhaan isa doorsisan . . .

Ati utuu Toomaas taatee maal goota?

TAKKA YAADI!

Kana jechuun homaa gochuu hin dandeessu jechuu miti! Aboottee utuu hin fayyadamin abbaa humnaa moʼuu ni dandeessa. Akkamitti?

  • DEEBII HIN KENNIN. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata” jedha. (Fakkeenya 29:11) Hamma siif dandaʼame yoo tasgabboofte ykn aariin kee akka hin mulʼanne yoo goote, ijoolleen abbaa humnaa taʼan abdii kutatanii si dhiisuu dandaʼu.

  • HAALOO HIN BAʼIN. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta hamaa hamaadhaan hin deebisinaa” jedha. (Roomaa 12:17) Haaloo baʼuun haala isaa itti caalchisuu malee faayidaa hin qabu.

  • RAKKINATTI HIN ADEEMIN. Kitaabni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jedha. (Fakkeenya 22:3) Hamma dandaʼametti namoota rakkina uumanii fi ijoolleen abbaa humnaa akka si doorsisan haala godhu irraa fagaadhu.

  • DEEBII ISAAN HIN EEGNE KENNIIF. Kitaabni Qulqulluun, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa” jedha. (Fakkeenya 15:1) Tarii itti qoostee darbuu dandeessa. Fakkeenyaaf, ijoolleen abbaa humnaa furdina keetti yoo qoosan, “Kiiloo muraasa nan hirʼisa jedheen abdadha!” jechuu dandeessa.

  • JALAA HIN QABIN. Nooraa ishiin umuriin ishii 19 taʼe akkana jetteetti: “Callisuun keessan bilchina akka qabdanii fi nama isin rakkisu caalaa cimoo akka taatan, akkasumas nama abbaa humnaa taʼe sana caalaa akka of toʼattan argisiisa.”—2 Ximotewos 2:24.

  • AMANTII OF IRRATTI QABDU GUDDIFADHU. Ijoolleen abbaa humnaa taʼan warra ofii isaaniitiif ilaalcha gaarii hin qabnee fi callisan dafanii hubatu. Faallaa kanaatiin immoo, baayʼeen isaanii akka isaan si toʼatan akka ati hin heyyamne yoo hubatan si irraa fagaatu.

  • NAMA KAN BIRAATTI HIMI. Namni barsiisaa ture tokko akkana jedheera: “Namni abbaan humnaa isa rakkisu kam iyyuu warra kaanitti akka himun jajjabeessa. Akkas gochuun sirrii taʼuu isaa irra iyyuu, warra kaanis rakkina akkasii irraa eeguu dandaʼa.”

Dargaggeessi tokko amantii of irratti qabaachuudhaan abbaa humnaa yommuu moʼu

Amantii of irratti qabaachuun ijoollee abbaa humnaa caalaa humna akka qabaattu godha

Kana Beektaa?

Miidhaan ijoolleen abbaa humnaa geessisan miidhaa qaamaa malees wantoota armaan gadii ni dabalata:

  • Jechoonni akka ibiddaa afaan abbaa humnaa keessaa yommuu baʼan

    Arrabsoo. “Maqaa isaan ittiin na waamaa ykn wantoota isaan naan jechaa turan matumaa hin irraanfadhu. Gatii kan hin qabne, kan hin barbaadamnee fi faayidaa kan hin qabne akkan taʼe akka natti dhagaʼamu godhaniiru. Kana hunda irra utuu na reebanii naa wayya ture.”—Seeliin, 20.

  • Dargaggeessi tokko hiriyoonni isaa kophaatti isa dhiisanii yommuu deeman taaʼee jira

    Qooduu. “Ijoolleen anaa wajjin baratan ana irraa fagaachuu jalqaban. Yeroo laaqanaatti isaanii wajjin akkan hin teenyeef iddoon waan hin jirre fakkeessu. Kanaaf waggaa tokko guutuu booʼaa fi kophaa koo nyaachaan ture.”—Heelii, 18.

  • Shamarreen tokko intarneetiidhaan doorsifamtee kompiitara irraa yommuu baqattu

    Intarneetiidhaan doorsisuu (Cyberbullying). “Jechoota muraasa qofa kompiitara irratti barreessuudhaan maqaa nama tokkoo ykn jireenya isaa illee balleessuun ni dandaʼama. Baayʼee kan arbeeffame fakkaatus, kun nama mudachuu dandaʼa!”—Daaniʼel, 14.

Gaaffii Ijoollee Abbaa Humnaa Ilaalchisee Dhihaate

DHUGAA YKN SOBA

DEEBII

1 Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoonni abbaa humnaa taʼan jiru turan.

1 Dhugaa. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee Neefliimotaa ni dubbata; hiikni maqaa isaanii “Warra ol kaasanii lafaan nama dhaʼan” jechuu dha.—Uumama 6:4, NW.

2 Wanti warri abbaa humnaa taʼan godhan qoosaa dha malee miidhaa guddaa hin qabu.

2 Soba. Miidhaa warri abbaa humnaa geessisan sababa dargaggoonni hedduun itti of ajjeesan keessaa tokko dha.

3 Karaa gaariin ijoollee abbaa humnaa taʼan of irraa ittisuun itti dandaʼamu deebisanii loluu dha.

3 Soba. Yeroo baayʼee warri abbaa humnaa ijoollee rakkisan caalaa cimoo dha; kanaaf deebisanii loluuf yaaluun faayidaa hin qabu.

4 Ijoolleen abbaa humnaa nama utuu miidhanii yoo argite callisuun kee gaarii dha.

4 Soba. Na hin ilaallatu jedhanii callisuun sirrii miti. Abbaan humnaa nama utuu miidhaa jiruu argitee yoo calliste, furmaata akka argatu gochuu mannaa rakkinichaaf gumaacha goota.

5 Warri abbaa humnaa taʼan of tuulanis, yeroo baayʼee amantii of irratti hin qaban.

5 Dhugaa. Warri abbaa humnaa taʼan tokko tokko kan of tuulan taʼus, baayʼeen isaanii amantii of irratti hin qaban; warra kaan kan tuffatan miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamuufi dha.

6 Ijoolleen abbaa humnaa taʼan jijjiiramuu ni dandaʼu.

6 Dhugaa. Warri abbaa humnaa taʼan gargaarsi yoo isaaniif godhame, ilaalcha isaanii fi gocha isaanii jijjiiruu ni dandaʼu.

Karoora

  • Ijoolleen abbaa humnaa taʼan yoo na mudatan wantoota armaan gadiin godha ykn dubbadha:

ODEEFFANNOO DABALATAA

Aboottee Utuu hin Fayyadamin Abbaa Humnaa Moʼi

Animeeshinii gabatee adii Aboottee Utuu hin Fayyadamin Abbaa Humnaa Moʼi jedhamu www.jw.org/om irraa ilaali. (BARUMSA KITAABA QULQULLUU > DARGAGGOOTA jalaa argama.)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi