LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 12
  • Abbaan Humnaa Yoo Na Hube Maalan Godha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abbaan Humnaa Yoo Na Hube Maalan Godha?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hubuun maali dha?
  • Namoonni warra kaan kan huban maaliifi?
  • Caalaatti hubaatiif kan saaxilaman eenyufaʼi?
  • Hubaatiin yoo si irra gaʼe maal gochuu dandeessa?
  • Ijoolleen Abbaa Humnaa Taʼan yoo Na Rakkisan Maal Godhu?
    Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Abbootiin Humnaa Ilma Kootti yoo Roorrisan Maalan Godha?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Abbaan Humnaa Yommuu Si Mudatu Yihowaatti Amanami
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mana Barumsaatti Miidhaarraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 12

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Abbaan Humnaa Yoo na Hube Maalan Godha?

  • Hubuun maali dha?

  • Namoonni warra kaan kan huban maaliifi?

  • Caalaatti hubaatiif kan saaxilaman eenyufaʼi?

  • Hubaatiin yoo si irra gaʼe maal gochuu dandeessa?

Akkasumas waaʼee hubaatii gorsa gaarii hiriyoonni kee kennanii fi yaada barsiisaan tokko dubbatte dubbisi, gilgaala waaʼee hubaatii qopheessines hojjedhu.

Hubaatiin wanta salphaatti ilaalamu miti. Qorannoon Biritaaniyaatti godhame tokko akka argisiisutti dargaggoota akka of ajjeesan miidiyaan biyyoolessaa gabaase keessaa dhibbeentaa 40 ol kan taʼan of ajjeesuu isaaniitiif hubaatiin gumaacha godheera.

Hubuun maali dha?

Hubaatiin miidhaa qaamaa geessisuu malees wanta dabalatu qaba. Wantoota armaan gadii of keessatti qabata.

  • Dubbiidhaan miidhuu. Kelinee ishiin umuriin ishii 20 taʼe akkas jetteetti: “Shamarran dubbiidhaan miidhaa guddaa geessisuu dandaʼu. Maqaa isaan ittiin na waaman ykn wanta isaan naan jedhan matumaa hin irraanfadhu. Gatii akkan hin qabnee fi akkan hin barbaadamne akka natti dhagaʼamu taasisaniiru. Kanaa mannaa utuu na rukutaniiru taʼee naa wayya ture.”

  • Of irraa qooduu. Haaley ishiin umuriin ishii 18 taʼe akkas jetteetti: “Ijoolleen wajjin baradhu of irraa adda na baasu jalqaban. Laaqanaaf barcumni ani irra taaʼu akka hin jirre waan fakkeessaniif isaanii wajjin taaʼuu hin dandaʼu. Waggaa guutuu nan boʼa, akkasumas kophaa koon nyaadha ture.”

  • Hubaatii karaa intarneetii gaʼu. Daaniʼel inni umuriin isaa 14 taʼe akkas jedheera: “Kompiitara irraa wantoota muraasa qofa tuquudhaan maqaa nama tokkoo balleessuu ykn jireenya isaa illee balleessuu dandeessa. Wanta arbeeffame fakkaata taʼus uumamuu dandaʼa!” Hubaatiin karaa intarneetii raawwatamu fakkiiwwan ykn ergaawwan miidhaa geessisan karaa moobaayilii erguus ni dabalata.

Namoonni warra kaan kan huban maaliifi?

Sababiiwwan baramaa taʼan tokko tokko armaan gaditti argamu.

  • Isaanis hubaatiin irra gaʼaa waan jiruufi. Antoonii inni dargaggeessa taʼe akkas jedheera: “Hiriyoonni koo na dararuun isaanii waan na nuffisiiseef isaan fakkaachuuf jedheen warra kaan miidhuu jalqabe. Boodas wantan raawwadhe deebisee yommuun yaadu baayʼee akkan dogoggoreen hubadhe.”

  • Namoota fakkeenya gaarii hin taane waan hordofaniifi. Jay Misgaariw kitaaba isaa Life Strategies for Dealing With Bullies jedhamu irratti akkas jedheera. “Yeroo baayʼee dargaggoonni hubaatii kan raawwatan . . . warri isaanii, obboloonnii fi obboleettonni isaanii hangafaa ykn miseensonni maatii isaanii warra kaan irratti hubaatii yommuu raawwatan waan arganiifi dha.”

  • Warra kaan akka caalan fakkeessu, taʼus ofitti amanannaa hin qaban. Baarbaaraa kolorosoon kitaaba ishii The Bully, the Bullied, and the Bystander jedhamu irratti akkas jetteetti: “Ijoolleen warra kaan huban warra kaan akka caalan fakkeessu, taʼus miidhaa isaan irra gaʼee fi miira gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu haguuguuf akkas godhu.”

Caalaatti hubaatiif kan saaxilaman eenyufaʼi?

  • Namoota kophaa taʼan. Dargaggoonni dandeettii namootatti makamuu hin qabne tokko tokko warra kaan irraa adda waan of baasaniif hubaatiif salphaatti saaxilamu.

  • Dargaggoota adda akka taʼanitti ilaalaman. Dargaggoonni tokko tokko bifa, sanyii, ykn amantii isaaniitiin kan kaʼe, ykn immoo qaama miidhamtoota waan taʼaniif warri abbaa humnaa taʼan isaan irratti xiyyeeffatu.

  • Dargaggoota ofitti amanannaa hin qabne. Warri abbaa humnaa taʼan namoota ofii isaaniitiif miira gaarii hin qabne beeku. Namoonni kun carraan isaan deebisanii itti isaan lolan xiqqoo waan taʼeef warri abbaa humnaa taʼan isaan irratti xiyyeeffatu.

Hubaatiin yoo si irra gaʼe maal gochuu dandeessa?

  • Deebii hin kennin. Shamarreen Kiyiliiʼe jedhamtu akkas jetteetti “Warri abbaa humnaa taʼan miirri gaarii hin taane akka sitti dhagaʼamu gochuu irratti akka isaaniif milkaaʼe hubachuu barbaadu. Deebii hin kennitu taanaan si dhiisu. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: ‘Namni ogeessi garuu ni tasgabbaaʼaa.’—Fakkeenya 29:11.

  • Haaloo hin baʼiin. Haaloo baʼuun rakkinicha furuu mannaa itti caalchisa. Kitaabni Qulqulluun, “Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa” jedha.—Roomaa 12:17; Fakkeenya 24:19.

  • Haala hubaatiif si saaxilu irraa fagaadhu. Hamma dandeesse namootaa fi haala hubaatiif si saaxilu irraa fagaadhu.—Fakkeenya 22:3.

  • Deebii isaan hin eegne deebisi. Kitaabni Qulqulluun, “Deebii laafaan aarii qabbaneessa” jedha.—Fakkeenya 15:1.

  • Qoosi bira darbi. Fakkeenyaaf, abbaan humnaa tokko furdaa akka taate yoo sitti qoose gatiittii kee sosochoosuudhaan “xinnoo hirʼisuu waanan qabu natti fakkaata!” ittiin jechuu dandeessa.

  • Dhiisii deemi. Nooraa inni umuriin isaa 19 taʼe akkas jedheera: “Callisuun kee nama si hubu caalaa bilchaataa akka taatee fi cimaa akka taate argisiisa. Akkasumas amala of toʼachuu isa warri abbaa humnaa taʼan hin qabne akka qabdu argisiisa.”

  • Ofitti amanannaa kee guddisi. Shamarreen Riittaa jedhamtu akkas jetteetti: “Warri abbaa humnaa taʼan yeroo tasgabbiin sitti hin dhagaʼamne beeku, haala kana ofitti amanannaa qabdu hundumaa balleessuuf itti fayyadamuu dandaʼu.”

  • Nama taʼe tokkotti himi. Qorannaan tokko akka argisiisetti namoota karaa intarneetii hubaman keessaa walakkaa ol kan taʼan qaanaʼuudhaan (keessumaa dhiironni) ykn deebisanii na miidhu jedhanii sodaachuudhaan wanta isaan irra gaʼe hin dubbatan. Taʼus warri abbaa humnaa taʼan dhimmichi iccitii akka taʼu akka barbaadan yaadadhu. Nama tokkotti himuun rakkina kana moʼuuf tarkaanfii isa jalqabaa dha.

Gorsa gaarii hiriyoonni kee kennan

“Bakkawwan ykn haalawwan abbaa humnaatiif salphaatti akka saaxilamtu godhan irraa fagaadhu. Warri abbaa humnaa taʼan dhimma mataa isaanii akka qaban yaadadhu. Kana beekuun kee dubbii isaan si miidhuuf dubbatan tokko tokko hambisuuf si gargaara.”—Antooniyoo.

“Ofitti amanannaa qabaadhu. Wanta itti amantuuf falmuu hin sodaatin. Warri abbaa humnaa taʼan hedduun, ati humna akka si irratti qabaatan akka hin heyyamnee fi isaan sodaachaa akka hin jirre yommuu hubatan duubatti jedhu.”—Jeesikaa.

Yaada barsiistuun tokko dubbatte

“Hubaatiin rakkina cimaa taʼe dha. Mana barumsaa ani barsiisetti warra kutaa sadaffaa baratan dabalatee daree keessatti lolli ni kaʼa! Ijoolleen tokko tokko hubaatiin beekamtii waan isaaniif argamsiisuu fi warra kaan irratti ol aantummaa akka qabaatan waan taasisuuf warra kaan hubuu jaallatu.

“Yeroo baayʼee warri miidhaan irra gaʼe sun haaloo na irratti baʼu ykn barattoonni akka gantuutti na ilaalu jedhanii waan sodaataniif utuu hin gabaasin hafu. Hubaatii isaan irratti raawwatame ilaalchisee tarkaanfiin akka fudhatamus ni shakku. Taʼus namni hubaatiin irra gaʼe kam iyyuu akka dubbatun isa jajjabeessa. Kana gochuun sirrii dha, akkasumas warri kaan akka hin hubamne eegumsa godha.”—Jenilee ishii kanaan dura Yuunaayitid Isteetisitti barsiistu turte.

Gilgaala

Dhugaa ykn Soba

  1. Hubaatiin waggoota kumaan lakkaʼamaniif kan ture dha.

  2. Hubaatiin qoosaa miidhaa hin geessisne dha. Dhimma cimaa miti.

  3. Karaa gaariin hubaatii itti of irra dhowwinu deebisanii loluu dha.

  4. Hubaatiin Yoo si irra gaʼe rakkina keeti.

  5. Namoonni hubaatiin irra gaʼe tokko tokko isaanis abbaa humnaa taʼu.

  6. Hubaatiin yommuu raawwatamu yoo argite callistee darbuun filatamaa dha.

  7. Warri abbaa humnaa taʼan of tuuluudhaan kan dubbatan taʼanis ofitti amanannaa hin qaban.

  8. Warri abbaa humnaa taʼan jijjiiramuu dandaʼu.

DEEBII

  1. Dhugaa. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee neefilimootaa warra hiikni maqaa isaanii “Lafaan kan Dhaʼan” jechuu taʼe dubbata.—Uumama 6:4.

  2. Soba. Hubaatiin dhimma duʼaaf jireenyaa ti. Kan nama gaddisiisu warri hubaatiin utuu wal irraa hin citiin irra gaʼe tokko tokko of ajjeesaniiru.

  3. Soba. Yeroo baayʼee warri abbaa humnaa taʼan, namoota miidhan caalaa humna qabu kun immoo yaalii isaan haaloo baʼuuf godhan akka isaaniif hin milkoofne godha.

  4. Soba. Namni kam iyyuu hubaatiin isa irra gaʼuu hin qabu! Abbaan humnaa gocha raawwateef ykn raawwatteef itti gaafatamu.

  5. Dhugaa. Kan nama gaddisiisu namoonni tokko tokko wanta warri kaan isaan irratti raawwatan warra kaan irratti raawwachuudhaan aarii isaanii baʼu.

  6. Soba. Gocha akkasii callisanii ilaaluun qulqulluu nama hin taasisu. Hubaatiin yommuu gaʼu argitee waan tokko iyyuu hin gootu taanaan furmaata kennuu mannaa rakkinichi akka itti caalu goota.

  7. Dhugaa. Warri abbaa humnaa taʼan tokko tokko warra kaan irra akka caalan kan yaadan taʼus baayʼeen isaanii ofitti amanannaa hin qaban, miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamuuf warra kaan salphisuu jaallatu.

  8. Dhugaa. Warri abbaa humnaa taʼan gocha kana akka hin raawwanne dhowwuu fi gargaaruudhaan ilaalchaa fi gocha isaanii jijjiiruu ni dandaʼu.—Efesoon 4:23, 24.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi