LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 10 ful. 30
  • Haadha Manaa Loox Yaadadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haadha Manaa Loox Yaadadhaa
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haati Manaa Loox Gara Duubaa Ilaalte
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Waaqayyo Abrahaamii Wajjin Kakuu Gale
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Warri Kaan Dhiphina Akka Dandamatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Haadha Manaa Loox Yaadadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 10 ful. 30
Looxii fi intaloonni isaa yommuu Sodoomii baqatanitti, haati manaa Loox utubaa sogiddaa taatee hafte

BARUMSA 10

Haadha Manaa Loox Yaadadhaa

Loox, Abrahaam isa wasiila isaa taʼee wajjin biyya Kanaʼaan jiraata ture. Yeroo booda, horiin Abrahaamii fi Loox waan baayʼataniif lafti sun isaan gaʼuu hin dandeenye. Kanaaf Abrahaam Looxiin akkana jedhe: ‘Kana booda iddoo tokko waliin jiraachuu hin dandeenyu. Maaloo ati kallattii barbaaddu filadhu; ani immoo kallattii isa kan biraan deema.’ Kun Abrahaam ofittoo akka hin taane kan argisiisu mitii?

Loox biyyicha keessaa iddoo bareedaa magaalaa Sodoom jedhamtutti dhihoo ture tokko arge. Bakki sun bishaanii fi marga hedduu qaba ture. Kanaaf, bakka sana filatee maatii isaa wajjin achi dhaqee jiraachuu jalqabe.

Namoonni Sodoomii fi magaalaa Gomoraa ishii achitti dhihoo jirtu keessa jiraatan baayʼee hamoo turan. Kanaaf, Yihowaan magaalota kana balleessuuf murteesse. Haa taʼu malee, Waaqayyo Looxii fi maatii isaa oolchuu waan barbaadeef, maleekonni lama akkana jedhanii akka isaan akeekkachiisan erge: ‘Dafaa! Magaalaa kana keessaa baʼaa! Yihowaan ishii balleessuuf jedha.’

Loox garuu magaalattii keessaa dafee hin baane. Kanaaf ergamoonni sun isa, haadha manaa isaa fi intaloota isaa lamaan harka isaanii qabanii magaalattii keessaa ariitiidhaan erga isaan baasanii booda akkana jedhaniin: ‘Fiigaa! Lubbuu keessan oolfachuuf baqadhaa; garagaltanii hin ilaalinaa. Yoo garagaltanii ilaaltan garuu ni duutu!’

Sodoomii fi Gomoraa irratti ibiddi yommuu roobu

Magaalaa Zoʼaar jedhamtu yommuu gaʼan, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa irratti ibiddaa fi dhagaa bobaʼu roobse. Magaalonni lamaan guutummaatti barbadeeffaman. Haati manaa Loox Yihowaadhaaf ajajamuu diduudhaan garagaltee yommuu ilaaltu, utubaa soogiddaa taatee hafte! Looxii fi intaloonni isaa garuu Yihowaadhaaf waan ajajamaniif ni oolan. Haati manaa Loox utuu hin ajajamin hafuun ishii baayʼee isaan gaddisiisee taʼuu qaba. Haa taʼu malee, isaan waan Yihowaan isaanitti dubbatee ture dhagaʼuu isaaniitti gammadaniiru.

“Haadha manaa Loox yaadadhaa.”​—Luqaas 17:32

Gaaffii: Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa kan balleesse maaliifi? Haati manaa Loox utubaa soogiddaa taatee kan hafte maaliifi?

Uumama 13:1-13; 19:1-26; Luqaas 17:28, 29, 32; 2 Pheexiros 2:6-9

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi