LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 35 ful. 86-ful. 87 key. 1
  • Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti Himatteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Waan Garaashee Keessa Jiru Kadhannaadhaan Waaqayyootti Himatteetti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Yihowaan Isin haa Tasgabbeessu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Mucaa Xinnoo Waaqayyoon Tajaajile
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 35 ful. 86-ful. 87 key. 1
Haannaan Saamuʼel isa xinnoo gara Eelii isa godoo qulqullaaʼaa keessa jirutti yommuu fiddu

BARUMSA 35

Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte

Elqaanaan inni nama Israaʼel taʼe, haadhotii manaa Haannaa fi Peniinaa jedhaman qaba ture; taʼus, Elqaanaan caalaatti Haannaa jaallata ture. Peniinaan ijoollee hedduu kan qabdu siʼa taʼu, Haannaan garuu ijoollee waan hin qabneef, yeroo hunda ishiitti gaʼisti turte. Elqaanaan godoo qulqullaaʼaa Shiiloo jirutti waaqeffachuuf waggaa waggaadhaan maatii isaa fudhatee dhaqa ture. Yeroo tokko utuu achi jiranii, haati manaa isaa Haannaan ishiin inni jaallatu baayʼee akka gaddite hubate. Kanaaf, ‘Haannaa, maaloo hin booʼin. Ani siif jira. Sin jaalladhas’ ishiidhaan jedhe.

Boodas, Haannaan kadhannaa dhiheessuuf kophaa ishii baatee deemte. Imimmaan ishii dhangalaasaa Yihowaan akka ishii gargaaru kadhatte. Akkasumas, ‘Yaa Yihowaa, ati yoo ilma naaf kennite, ani isa siif nan kenna, innis jireenya isaa guutuu si tajaajila’ jettee waadaa galte.

Lubni Ol Aanaa Eeliin Haannaan booʼaa utuu kadhattuu ishii arge

Eelii inni Luba Ol Aanaa taʼe yommuu ishiin hirqinfattee boossu argee, ni machoofte jedhee yaade. Yeroo kanatti Haannaan, ‘Lakki, yaa gooftaa ko, ani hin machoofne. Ani rakkina cimaan qaba, waaʼee rakkina koo Yihowaatti himachaan jira’ jette. Eeliiniis akka dogoggore waan hubateef, ‘Waaqayyo wanta ati barbaaddu siif haa kennu’ ishiidhaan jedhe. Haannaanis jajjabaattee karaa ishii irra buutee deemte. Achiis waggaa tokko utuu hin guutin, ilma godhattee maqaa isaa Saamuʼel jettee moggaaste. Yeroo kanatti, Haannaan hammam gammaddee akka turte tilmaamuu dandeessaa?

Haannaan waadaa Yihowaadhaaf galtee turte hin irraanfanne. Akkuma Saamuʼeliin harma guusteen godoo qulqullaaʼaa keessa akka tajaajiluuf isa fidde. Achiis Eeliidhaan, ‘Kun ilma isa ani argachuuf kadhadhee ture dha. Umurii isaa guutuu ani Yihowaadhaaf isa kenneera’ jette. Elqaanaa fi Haannaan waggaa waggaadhaan Saamuʼeliin ni gaafatu, akkasumas uffata haaraa irra keessatti uffatamu isaaf fidu turan. Yihowaan, Haannaadhaaf dabalataan ijoollee dhiiraa sadii fi durba lama ishiidhaaf kenne.

“Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu.”—Maatewos 7:7

Gaaffii: Haannaan gadditee kan turte maaliifi? Yihowaan hoo kan ishii eebbise akkamitti?

1 Saamuʼel 1:1–2:11, 18-21

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi