LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 34 ful. 84-ful. 85 key. 2
  • Giidewon Miidiyaanota ni Moʼe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Giidewon Miidiyaanota ni Moʼe
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Giidewoniifi Namoota 300
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Jaarsoliin, Fakkeenya Giidewonirraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Yihowaa Michuu Keenya Isa Gaarii
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • “Humna Qabduun Dhaqi”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 34 ful. 84-ful. 85 key. 2
Giidewonii fi namoonni isaa yommuu xurumbaa isaanii afuufan, okkotee isaanii caccabsan, guca isaanii sochoosanii fi iyyan

BARUMSA 34

Giidewon Miidiyaanota ni Moʼe

Yeroo booda, Israaʼelonni ammas Yihowaa irraa garagalanii waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Miidiyaanonni waggaa torbaaf horii Israaʼelotaa hataa fi midhaan isaanii balleessaa turan. Israaʼelonni Miidiyaanota jalaa miliquuf gaarotaa fi holqawwan keessa dhokatu turan. Yeroo kanatti, Yihowaan akka isaan oolchu kadhatan. Kanaaf, Yihowaan maleekaa tokko gara dargaggeessa Giidewon jedhamutti erge. Maleekichis, ‘Yihowaan loltuu jabaa akka taatuuf si filateera’ isaan jedhe. Giidewon garuu, ‘Ani akkamittan Israaʼeliin oolcha? Anoo nama iddoo guddaa hin qabne dha’ jedhe.

Giidewon, Yihowaan akka isa filate akkamitti beeka? Giidewon rifeensa hoolaa muraasa lafa irra kaaʼee Yihowaadhaan akkana jedhe: ‘Ganama rifeensi hoolaa sun fixeensaan jiidhee lafichi immoo gogaa yoo taʼe, Israaʼeliin akka ani oolchu akka barbaaddu kanaan nan beeka.’ Ganama itti aanutti rifeensi hoolaa sun kan jiidhe siʼa taʼu, lafichi garuu gogaa ture! Achiis Giidewon ganama itti aanutti immoo rifeensi hoolaa sun gogaa akka taʼuu fi lafichi garuu jiidhaa akka taʼu gaafate. Wanti kun yommuu taʼu, dhuma irratti Giidewon Yihowaan akka isa filate hubate. Achiis Miidiyaanota irratti waraana baanuuf loltoota isaa walitti qabate.

Yihowaan, Giidewoniin akkana jedhe: ‘Ani Israaʼelotaaf moʼicha nan kenna. Garuu loltoonni kee hedduu waan taʼaniif, waraanicha ofuma keetii waan moote sitti fakkaachuu dandaʼa. Namni sodaate kam iyyuu gara mana isaatti akka deebiʼu itti himi.’ Kanaaf, loltoonni 22,000 gara mana isaanitti kan deebiʼan siʼa taʼu, 10,000 immoo ni hafan. Achiis Yihowaan akkana jedhe: ‘Loltoonni kun amma iyyuu hedduu dha. Gara lagaatti isaan geessiitii bishaan akka dhugan itti himi. Achiis warra diina ilaallachaa dhugan qofa of biratti hambisi.’ Yeroo kanatti namoonni ilaallachaa dhugan 300 qofa taʼan. Yihowaan namoonni muraasni kun loltoota Miidiyaan 135,000 akka moʼan waadaa gale.

Halkan gaafa sanaa Yihowaan, Giidewoniin, ‘Yeroon ati Miidiyaanota itti rukuttu amma gaʼeera!’ isaan jedhe. Giidewon xurumbaa fi okkotee guguddaa guca of keessaa qabu namoota isaatiif kenne. Giidewon, ‘Anaan ilaalaatii wantuma ani godhu godhaa’ isaaniin jedhe. Giidewon xurumbaa isaa afuufe, okkotee isaa caccabse, guca isaa sochoosee, ‘Goraadee Yihowaa fi goraadee Giidewon!’ jedhee iyye. Namoonni isaa 300 sunis akkasuma godhan. Yeroo kanatti Miidiyaanonni sodaatanii kallattii hundaan fiiganii baqatan. Jeequmsaan kan kaʼe, walii isaanii rukutuu jalqaban. Yihowaan, Israaʼelonni ammas diinota isaanii akka moʼan isaan gargaare.

Miidiyaanota sodaatan

“Humni humna caalu kun kan keenya utuu hin taʼin, kan Waaqayyoo [ti].”—2 Qorontos 4:7

Gaaffii: Yihowaan, Giidewoniin akka filate kan isa hubachiise akkamitti? Loltoonni Giidewon 300 qofa kan taʼan maaliif ture?

Abbootii Murtii 6:1–16; 6:36–7:25; 8:28

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi