LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 39 ful. 96
  • Mootii Israaʼel jalqabaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootii Israaʼel jalqabaa
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootii Israa’el Isa Jalqabaa Kan Ta’e Saa’ol
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • “Abboomamuun Aarsaa Irra Caala”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Haala Rakkisaa Taʼe Keessa Jabaatee Dhaabateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Qabiyyee 1 Saamuʼel
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 39 ful. 96
Saaʼol mootichi fiixee uffata Saamuʼel isa irra keessaa yommuu qabuu fi yommuu tarsaʼu

BARUMSA 39

Mootii Israaʼel Isa Jalqabaa

Yihowaan Israaʼelota akka geggeessaniif abbootii murtii isaaniif kennee kan ture taʼus, isaan garuu mootii qabaachuu barbaadan. Kanaaf Saamuʼeliin akkana jedhan: ‘Saboonni naannoo keenya jiran hundi mootota qabu. Nutis mootii qabaachuu barbaanna.’ Saamuʼel dhimmi kun dogoggora akka taʼe waan isatti dhagaʼameef, Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Yihowaanis Saamuʼeliin akkana jedhe: ‘Namoonni kun siin utuu hin taʼin anaan tuffatan. Mootii argachuu akka dandaʼan, garuu mootichi waan hedduu akka isaan irraa barbaadu isaanitti himi.’ Namoonni sun garuu, ‘Waan fedhe iyyuu haa taʼu. Nuti mootii barbaanna!’ jedhan.

Yeroo kanatti Yihowaan, namni Saaʼol jedhamu tokko mootii isa jalqabaa akka taʼu Saamuʼelitti hime. Saaʼol gara Raamaa bakka Saamuʼel ture yommuu dhaqu, Saamuʼel zayitii mataa isaa irratti dhangalaasee mootii akka taʼuuf isa dibe.

Sana booda Saamuʼel mootii isaanii isa haaraa isaanitti argisiisuuf Israaʼelota walitti qabe. Haa taʼu malee, isaan Saaʼoliin argachuu hin dandeenye. Maaliif akka taʼe beektaa? Miʼa gidduu waan dhokateef ture. Dhuma irratti yommuu Saaʼoliin argatan, fidanii sabicha gidduu isa dhaaban. Saaʼol namoota kaan hunda caalaa dheeraa fi baayʼee miidhagaa ture. Saamuʼel, ‘Kunoo isa Yihowaan filate ilaalaa’ jedhe. Namoonni sunis sagalee isaanii guddisanii, ‘Mootichi bara baraaf haa jiraatu!’ jedhan.

Jalqaba irratti Saaʼol Mootichi Saamuʼeliin ni dhaggeeffata, Yihowaadhaafis ni ajajama ture. Yeroo booda garuu ni jijjiirame. Fakkeenyaaf, mootichi aarsaa dhiheessuun isaaf hin heyyamamu ture. Gaaf tokko Saamuʼel hamma inni gara isaa dhufutti Saaʼol akka isa eegu isatti himee ture; Saamuʼel garuu dafee utuu hin dhufin hafe. Kanaaf Saaʼol aarsaa sana ofuma isaatiin dhiheessuuf murteesse. Saamuʼel maal godhe ree? ‘Ajaja Yihowaa cabsuu hin qabdu turte’ isaan jedhe. Saaʼol dogoggora isaa kana irraa ni barataa laata?

Yeroo booda immoo, Saaʼol Amaaleqota waraanuuf yommuu deemu waan tokko illee lubbuudhaan akka hin hambisne Saamuʼel isatti himee ture. Saaʼol garuu Agaag Mooticha utuu hin ajjeesin hafe. Yihowaanis, ‘Saaʼol na dhiiseera, na dhagaʼuus dideera’ jedhee Saamuʼelitti hime. Saamuʼelis baayʼee gaddee, Saaʼoliin ‘Ati Yihowaadhaaf ajajamuu waan diddeef, inni mootii kan biraa filata’ isaan jedhe. Yommuu Saamuʼel garagalee deemuuf jedhu Saaʼol isa qabe, fiixeen uffata Saamuʼel inni irra keessaas ni tarsaʼe. Achiis Saamuʼel, ‘Yihowaan mootummicha si irraa tarsaaseera’ isaan jedhe. Yihowaan mootummicha nama isa jaallatuu fi isaaf ajajamu tokkoof kennuuf jedha.

“Ajajamuun aarsaa irra . . . ni caala.”—1 Saamuʼel 15:22

Gaaffii: Israaʼelonni maal gaafatan? Yihowaan, Saaʼol mootii akka hin taane kan isa tuffate maaliifi?

1 Saamuʼel 8:1-22; 9:1, 2, 15-17; 10:8, 20-24; 13:1-14; 15:1-35

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi