LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 45 ful. 110-ful. 111 key. 2
  • Mootummaan Tokko ni Qoodame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Tokko ni Qoodame
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummichi Ni Qoqqoodame
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yihowaan Warra Isaaf Amanamoo Ta’an Hin Gatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Waaqayyo Duratti Fudhatama Argachuu Dandaʼa Ture
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Qabiyyee 1 Moototaa
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 45 ful. 110-ful. 111 key. 2
Ahiyaan Yeroboʼaam duratti uffata isaa bakka 12​tti yommuu tatarsaasu

BARUMSA 45

Mootummaan Tokko ni Qoodame

Solomoon hamma Yihowaa waaqeffachaa turetti, Israaʼel keessa nagaan jira ture. Haa taʼu malee, Solomoon dubartoota biyyoota gara biraa hedduu kan fuudhe siʼa taʼu, isaan immoo waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Solomoon suutuma suuta jijjiiramee, yeroo booda waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jalqabe. Yihowaanis kanatti ni dheekkame. Kanaaf, Solomooniin akkana jedhe: ‘Mootummaan Israaʼel maatii kee harkaa fuudhamee bakka lamatti hirama. Gara caalu tajaajilaa keetiif nan kenna, maatiin kee immoo isa xinnoo irratti moʼa.’

Yihowaan murtoo isaa kana karaa biraatiinis ifa taasiseera. Tajaajiltoota Solomoon keessaa tokko kan taʼe Yeroboʼaam utuu karaa irra adeemaa jiruu Ahiyaa raajichaa wajjin wal arge. Ahiyaan uffata isaa bakka 12​tti tatarsaasee Yeroboʼaamiin akkana jedhe: ‘Yihowaan mootummaa Israaʼel maatii Solomoon harkaa fuudhee bakka lamatti qooda. Ati gosa kudhan irratti mootii waan taatuuf, erbee kana kurnan fudhadhu.’ Solomoon Mootichi kana yommuu dhagaʼu Yeroboʼaamiin ajjeesuu barbaade! Kanaaf, Yeroboʼaam gara Gibxiitti baqate. Yeroo booda Solomoon ni duʼe; ilmi isaa Rooboʼaam immoo mootii taʼe. Achiis, Yeroboʼaam kana booda rakkinni akka isa irra hin geenye waan yaadeef gara Israaʼelitti deebiʼe.

Israaʼeloonni hedduun jibicha warqee isa Yeroboʼaam hojjechiiseef aarsaa dhiheessu turan

Jaarsoliin Israaʼel Rooboʼaamiin akkana jedhan: ‘Ati saba kana akka gaariitti yoo kunuunsite isaan amanamoo siif taʼu.’ Dargaggoonni hiriyoota isaa taʼan garuu Rooboʼaamiin akkana jedhan: ‘Sabichatti hammaachuu qabda! Isa kanaan dura hojjetan caalaa akka hojjetan taasisi!’ Rooboʼaam gorsa dargaggoonni hiriyoota isaa taʼan isaaf kennan hordofe. Inni garaa isaanitti jabaate, isaanis isaaf bitamuu didan. Kanaaf, isaan Yeroboʼaamiin gosoota kurnan isa mootummaa Israaʼel jedhamee beekamu irratti mootii isa taasisan. Gosoonni lamaan hafan immoo mootummaa Yihudaa jedhamanii kan waamaman siʼa taʼu, isaan Rooboʼaamiif amanamoo taʼanii jiraatan. Yeroo kanatti, Mootummaan Israaʼel inni gosa 12 ni qoodame.

Yeroboʼaam sabni isaa waaqeffannaadhaaf gara Yerusaalem ishii mootummaa Rooboʼaam jalatti argamtu akka dhaqu hin barbaanne. Maaliif akka taʼe beektaa? Yeroboʼaam sabichi Rooboʼaamiin deggeree anatti gara gala jedhee waan sodaateef ture. Kanaaf, jibicha warqee lama tolchee saba isaatiin akkana jedhe: ‘Yerusaalem baayʼee fagoo dha. Asumatti waaqeffachuu dandeessu.’ Sabichi jiboota warqii irraa hojjetaman kana waaqeffachuu waan jalqabeef ammas deebisee Yihowaa irraanfate.

“Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa. Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba? . . . Yookiin namni amane tokko isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba?” —2 Qorontos 6:14, 15

Gaaffii: Israaʼel kan qoodame maaliifi? Rooboʼaam Mootichii fi Yeroboʼaam Mootichi wanta hamaa akkamii raawwatan?

1 Mootota 11:1-13, 26-43; 12:1-33

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi