LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 55 ful. 132
  • Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Hisqiyaas Mooticha Gargaare
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Geggeessituu Torbaafi Gurguddaa Namaa Saddeet​—nuuf Hiika Maalii Qabu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • “Hin Sodaatin! Ani Sin Gargaaraʼo”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Hisqiyaas Amantii Qabaachuu Isaatiin Eebba Argateera
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 55 ful. 132
Maleekaan tokko buufata Asoorotaa yommuu balleessu

BARUMSA 55

Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe

Asooronni mootummaa gosoota Israaʼel kurnaan toʼannaa isaanii jala oolchan. Senaaheriib mootiin Asoor amma immoo mootummaa Yihudaa gosoota lamaan toʼannaa isaa jala galchuu barbaade. Magaalota Yihudaa, tokko tokkoon toʼannaa jala oolchuu jalqabe. Magaalaan inni caalaatti toʼannaa isaa jala galchuu barbaadu garuu Yerusaalem turte. Senaaheriib, Yihowaan Yerusaalemiin akka eegu hin beeku ture.

Hisqiyaas mootiin Yihudaa, Senaaheriib Yerusaalem irraa akka deebiʼuuf qarshii hedduu kaffaleera. Senaaheriib qarshicha kan fudhate taʼus, Yerusaalem irratti waraana banuuf loltoota isaa warra jajjaboo erge. Loltoonni Asoor dhihaachaa waan dhufaniif namoonni magaalattii baayʼee sodaatan. Hisqiyaasis, ‘Hin sodaatinaa. Asooronni ciccimoo dha; taʼus, Yihowaan isaan caalaa nu cimsa jedhe.’

Senaaheriib, Raabshaaqicha isa ergamaa isaa taʼe namoota sanatti akka qoosuuf gara Yerusaalemitti isa erge. Raabshaaqichi magaalattii ala dhaabatee, sagalee isaa ol fuudhee akkana isaaniin jedhe: ‘Yihowaan isin gargaaruu hin dandaʼu. Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Waaqni harka keenya jalaa isin oolchuu dandaʼu hin jiru.’

Hisqiyaas maal gochuu akka qabu Yihowaa gaafate. Yihowaan akkana jedhee isaaf deebise: ‘Wanta Raabshaaqichi jedhe hin sodaatinaa. Senaaheriib Yerusaalemiin hin qabatu.’ Achiis, Senaaheriib Hisqiyaasiif xalayaa erge. Xalayichi akkana jedha: ‘Harka keessan kennaa. Yihowaan isin oolchuu hin dandaʼu.’ Hisqiyaas, ‘Namni hundi ati Waaqa dhugaa tokkicha akka taate akka beekuuf, yaa Yihowaa maaloo nu oolchi’ jedhee kadhate. Yihowaanis, ‘Mootiin Asoor gara Yerusaalem hin dhufu. Ani magaalaa kootiif eegumsa nan godha’ jedhe.

Senaaheriib, Yerusaalem yeroo dhihootti toʼannaa isaa jala akka ooltu mirkanaaʼaa taʼeera. Haa taʼu malee, Yihowaan gaafas galgala bakka loltoonni isaanii magaalattii ala buufatanitti maleekaa tokko erge. Maleekaan kunis loltoota 185,000 ajjeese! Senaaheriib Mootichi loltoota isaa warra ciccimoo dhabe. Filannoo waan hin qabneef moʼamee gara mana isaatti deebiʼe. Yihowaan akkuma waadaa galee turetti, Hisqiyaasii fi Yerusaalemiif eegumsa godheera. Ati yeroo sanatti utuu Yerusaalem keessa jiraatta taʼee, Yihowaatti ni amanamta turtee?

“Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata. Isaan ni oolchas.”—Faarfannaa 34:7

Gaaffii: Yihowaan Yerusaalemiif eegumsa kan godhe akkamitti? Yihowaan siifis eegumsa akka godhu ni amantaa?

2 Mootota 17:1-6; 18:13-37; 19:1-37; 2 Seenaa Baraa 32:1-23

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi