LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 61 ful. 146-ful. 147 key. 3
  • Isaan Gombifamanii hin Sagadne

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Isaan Gombifamanii hin Sagadne
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fakkichaaf Hin Sagadne
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Eenyuun Waaqeffatta?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mootummaa Bara Baraaf Jiraatu
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Seensa Kutaa 10
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 61 ful. 146-ful. 147 key. 3
Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon siidaa warqii irraa hojjetameef gombifamanii sagaduu yommuu didan

BARUMSA 61

Isaan Gombifamanii hin Sagadne

Nebukadnezaar Mootichi waaʼee siidichaa abjuu erga argee yeroo muraasa booda, warqii irraa siidaa guddaa tokko hojjete. Isas dirree Duraa jedhamu irra kan dhaabe siʼa taʼu, fuuldura isaatti akka sassaabamaniif Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo dabalatee namoota biyyichaa iddoo guddaa qaban waame. Mootichi ajaja, ‘Sagalee xurumbaa, baganaa, ulullee qalqalloo yommuu dhageessan siidaa kanaaf gombifamaa sagadaa! Namni gombifamee hin sagadne kam iyyuu iddoo ibiddaa keessatti darbatama’ jedhu kenne. Ibroonni sadan sun siidichaaf sagadu moo Yihowaa qofa waaqeffatu laata?

Achiis mootichi muuziqaan akka jalqabamu ajaje. Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoodhaan alatti namoonni hundi gombifamanii sagaduudhaan siidicha waaqeffachuu jalqaban. Namoonni kana hubatan tokko tokko mootichatti, ‘Ibroonni sadan sun siidaa kee waaqeffachuu didan’ jedhanii himan. Nebukadnezaar nama itti ergee isaan waamsisuudhaan akkana isaaniin jedhe: ‘Siidicha akka waaqeffattan carraa kan biraa isiniif nan kenna. Akkana hin gootan taanaan garuu ibidda bobaʼu keessattan isin darbadha. Waaqni na harkaa isin oolchuu dandaʼu hin jiru.’ Isaan garuu, ‘Carraa kan biraa hin barbaannu. Waaqni keenya nu oolchuu dandaʼa. Yoo inni nu oolchuu baate illee, yaa mootii, nuti siidicha hin waaqeffannu’ jedhanii deebisan.

Nebukadnezaar baayʼee aare. Namoota isaatiin, ‘Humna ibiddichaa isa dur bobaʼu caalaa dachaa torba akka bobaʼu godhaa!’ jedhe. Achiis, ‘Namoota kana hidhaatii keessatti darbadhaa!’ jedhee loltoota isaa ajaje. Iddoon ibiddaa sun baayʼee hoʼaa waan tureef loltoota isaan darbatan sana yeruma sana gubee ajjeese. Ibroonni sadan sunis ibiddicha keessatti kufan. Haa taʼu malee, Nebukadnezaar gara keessaatti yommuu ilaalu iddoo ibiddaa keessa asii fi achi deemaa kan jiran namoota sadii utuu hin taʼin namoota afur taʼuu isaanii arge. Innis baayʼee sodaatee tajaajiltoota isaatiin, ‘Namoota sadii ibiddatti darbanne mitii? Namoota afuriin argaa jira; inni tokko immoo maleekaa fakkaata!’ jedhe.

Nebukadnezaar gara ibidda bobaʼu sanatti dhihaatee, ‘Yaa tajaajiltoota Waaqa Hundaa Olii gadi baʼaa!’ jedhe. Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon homaa utuu hin miidhamin, ibiddicha keessaa baʼuu isaanii yommuu argan namoonni hundi baayʼee ajaaʼibsiifaman. Gogaan isaanii, rifeensi isaanii fi uffanni isaanii hin gubanne; foolii ibiddaa illee hin qaban turan.

Nebukadnezaar, ‘Waaqni Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo guddaa dha. Inni maleekaa isaa ergee isaan oolcheera. Waaqni akka Waaqa isaanii taʼe hin jiru’ jedhe.

Atoo akkuma Ibroota sadan sanaa maal iyyuu utuu uumame Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf murteessiteettaa?

Nebukadnezaar Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon homaa utuu hin miidhamin ibidda keessaa yeroo baʼan naasuudhaan yommuu ilaalu

“Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi”—Maatewos 4:10

Gaaffii: Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon maal gochuu didan? Yihowaan kan isaan oolche akkamitti?

Daaniʼel 3:1-30

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi