LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 97 ful. 226-ful. 227 key. 2
  • Qorneelewos Hafuura Qulqulluu Fudhate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qorneelewos Hafuura Qulqulluu Fudhate
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Phexros Gara Mana Qorneelewos Dhaqe
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • ‘Waaqayyo hin Loogu’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Waaqayyo Nama Wal Hin Caalchisu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Akkuma Pheexiros Abdii hin Kutatinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 97 ful. 226-ful. 227 key. 2
Qorneelewos Pheexirosiin mana isaatti yommuu simatu

BARUMSA 97

Qorneelewos Hafuura Qulqulluu Argate

Ajajaa loltootaa Roomaa beekamaan Qorneelewos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa jiraata ture. Inni lammii Yihudii taʼuu baatus, Yihudoonni isa kabaju turan. Namoota hiyyeeyyii fi gargaarsi isaan barbaachisu arjummaadhaan gargaara ture. Qorneelewos Yihowaatti waan amanuuf yeroo hunda kadhannaa isatti dhiheessa ture. Gaaf tokko, maleekaan tokko Qorneelewositti mulʼatee akkana isaan jedhe: ‘Waaqayyo kadhannaa kee dhagaʼeera. Kanaaf, amma gara magaalaa Yoophee bakka Pheexiros buufatee jirutti namoota ergiitii, gara kee akka dhufu isa waamsisi.’ Qorneelewosis yeruma sana namoota sadii gara Yoophee ishii karaa kibbaa gara kiiloo meetira 50 fagaattee argamtutti namoota sadii erge.

Pheexiros yeroo kanatti Yoopheetti mulʼata tokko arge. Bineensota Yihudoonni akka hin nyaanne dhorkaman arge, akkasumas sagaleen tokko bineensota kana akka nyaatu yommuu isa ajaju dhagaʼe. Taʼus Pheexiros, ‘Ani bineensota qulqulluu hin taane matumaa nyaadhee hin beeku’ jedhee yaada kana morme. Achiis, sagalichi, ‘Bineensonni kun qulqulluu miti hin jedhin. Waaqayyo isaan qulqulleesseera’ isaan jedhe. Kana malees, ‘Namoonni sadii balbala kee irra dhaabataniiru. Isaanii wajjin deemi’ jedhamee Pheexirositti himame. Pheexirosis gara balbalaa dhaqee namoonni sun maaliif akka dhufan isaan gaafate. Isaanis, ‘Ajajaa loltoota Roomaa, Qorneelewostu nu erge. Gara mana isaa gara Qiisaariyaa dhaquu qabda’ jedhanii deebisan. Pheexirosis, namoonni sun isa bira akka bulan isaan afeere. Guyyaa itti aanus, obboloota Yoophee tokko tokko fudhatee namoota sanaa wajjin gara Qiisaariyaa dhaqe.

Dhuma irratti Qorneelewos Pheexirosiin yommuu argu isa fuulduratti jilbeenfate. Pheexiros garuu akkana jedhe: ‘Kaʼi, anis namuma akka keetii ti. Yihudoonni mana nama Yihudii hin taanee kan hin seenne taʼus, Waaqayyo gara mana kee akkan dhufu natti himeera. Amma garuu maaliif akka na waamsiste natti himi.’

Qorneelewos Pheexirosiin, ‘Guyyaa afur dura Waaqayyoon kadhachaa utuun jiruu, maleekaan tokko ergee akkan si waamsisu natti hime. Maaloo dubbii Yihowaa nu barsiisi’ jedhe. Pheexirosis akkana jedhe: ‘Waaqayyo akka nama wal hin caalchisne baradheera. Namni isa waaqeffachuu barbaadu hundi isa biratti fudhatama ni argata.’ Achiis, Pheexiros waaʼee Yesuus waan baayʼee isaan barsiise. Sana booda hafuurri qulqulluun Qorneelewosii fi namoota isaa wajjin achi turan irratti ni buʼe, hundi isaaniis ni cuuphaman.

“Saba hundumaa keessaa namni [Waaqa] sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—Hojii Ergamootaa 10:35

Gaaffii: Pheexiros bineensota qulqulluu hin taane nyaachuu kan dide maaliifi? Yihowaan, Pheexiros mana nama Yihudii hin taane tokkoo akka dhaqu kan isatti hime maaliifi?

Hojii Ergamootaa 10:1-48

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi