LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 96 ful. 224-ful. 225 key. 2
  • Yesuus Saaʼoliin Filate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Saaʼoliin Filate
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Karaa Gara Damaasqoo Geessurratti
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Gumichi “Nagaa Guddaa Argate”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Namoonni Wanta Gadhee Raawwatan Jijjiiramuu Dandaʼuu?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • “Abboomamuun Aarsaa Irra Caala”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 96 ful. 224-ful. 225 key. 2
Ifni cimaan naannoo Saaʼolitti yommuu balaqqeessaʼu

BARUMSA 96

Yesuus Saaʼoliin Filate

Saaʼol lammii Roomaa yommuu taʼu Xarseesitti dhalate. Fariisii seera Yihudootaa akka gaariitti beekuu fi Kiristiyaanota kan jibbu ture. Dhiirotaa fi dubartoota Kiristiyaanota taʼan mana isaanii keessaa harkisee baasuudhaan mana hidhaatti isaan galcha ture. Namoonni aariidhaan guutaman Isxifaanos isa barataa Kiristoos taʼe yommuu dhagaadhaan tumanii ajjeesan illee dhaabatee ilaala ture.

Saaʼol Kiristiyaanota Yerusaalem keessa jiran qofa hidhuun gaʼaa isatti hin fakkaanne. Kanaaf Kiristiyaanota magaalaa Damaasqoo jiran qabee akka fidu akka isa erguuf luba ol aanaa gaafate. Saaʼol akkuma magaalattiitti dhihaateen akka tasaa ifni cimaan tokko naannoo isaatti waan balaqqeessaʼeef lafatti kufe. Achiis sagalee, ‘Saaʼol, maaliif na ariʼatta?’ jedhu tokko dhagaʼe. Saaʼolis, ‘Ati eenyu?’ jedhee gaafate. Sagaleen sunis deebisee, ‘Ani Yesuus dha. Gara Damaasqootti seeni, maal gochuu akka qabdu sitti himamaa’ isaan jedhe. Iji Saaʼol yeruma sana jaame, kanaaf harka isaa qabanii magaalattiitti isa galchan.

Damaasqoo keessa Kiristiyaanni amanamaan Anaaniyaas jedhamu tokko jira ture. Yesuus mulʼataan, ‘Kaʼii mana Yihudaa isa daandii Qajeelaa jedhamurra jiru dhaqiitii Saaʼoliin barbaadi’ isaan jedhe. Anaaniyaasis, ‘Yaa Gooftaa, waaʼee namicha kanaa waan baayʼee dhagaʼeera! Inni barattoota kee mana hidhaatti galchaa jira!’ jedhee deebise. Yesuus garuu, ‘Gara isaa dhaqi. Inni misiraachicha saboota baayʼeetti akka lallabuuf ani Saaʼoliin filadheera’ isaan jedhe.

Ifni cimaan naannoo Saaʼolitti yommuu balaqqeessaʼu

Kanaaf Anaaniyaas Saaʼoliin argatee, ‘Yaa Saaʼol, obboleessa ko, Yesuus ija kee akkan sii banuuf na ergeera’ isaan jedhe. Saaʼol, yeruma sana arguu dandaʼe. Waaʼee Yesuus baratee duuka buutuu isa taʼe. Amma Saaʼol cuuphamee Kiristiyaana waan taʼeef, Kiristiyaanota kaanii wajjin manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe. Yihudoonni, Saaʼol waaʼee Yesuus namoota barsiisaa akka jiru yommuu argan hammam akka rifatan tilmaamuu dandeessaa? Isaan, ‘Namichi kun isa barattoota Yesuus ariʼachaa ture sana mitii?’ jedhan.

Saaʼol waggaa sadiif, namoota Damaasqoo keessa jiraataniif lallabe. Yihudoonni Saaʼoliin waan jibbaniif isa ajjeesuuf karoora baafatan. Obboloonni garuu karoora isaanii kana waan dhagaʼaniif akka inni isaan jalaa miliqu godhan. Guuboo keessa kaʼanii karaa qaawwaa dallaa magaalichaa gad isa buusan.

Saaʼol yommuu gara Yerusaalem dhaqu obboloota achi jiranitti makamuuf yaalii godhe. Isaan garuu isa sodaatan. Obboleessi gaariin Barnaabaas jedhamu tokko Saaʼoliin gara ergamootaatti fidee inni dhugumaan jijjiiramuu isaa isaan amansiise. Kanaaf, Saaʼol gumii Yerusaalemii wajjin hinaaffadhaan misiraachicha lallabuu jalqabe. Yeroo booda immoo, maqaan isaa Phaawulos jedhamee beekame.

“Kiristoos Yesuus gara addunyaa kan dhufe cubbamoota fayyisuufi. Isaan keessaa immoo cubbamaan hunda caalu ana dha.”—1 Ximotewos 1:15

Gaaffii: Kiristiyaanonni Saaʼoliin kan sodaatan maaliifi? Inni hoo maaliif jijjiirame?

Hojii Ergamootaa 7:54–8:3; 9:1-28; 13:9; 21:40–22:15; Roomaa 1:1; Galaatiyaa 1:11-18

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi