LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 95 ful. 222-ful. 223 key. 1
  • Eenyu Iyyuu Isaan Dhaabsisuu hin Dandeenye

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eenyu Iyyuu Isaan Dhaabsisuu hin Dandeenye
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Waaqayyoof Akka Bulchaa Keenyaatti Ajajamuu Qabna”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mana Hidhaatii Gadhiifamuu
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Namaafmoo Waaqayyoof Abboomamtu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • “Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 95 ful. 222-ful. 223 key. 1
Luboonnii fi Saduqoonni yoo isaan morman illee, Pheexirosii fi Yohaannis ija jabinaan yommuu lallaban

BARUMSA 95

Eenyu Iyyuu Isaan Dhaabsisuu hin Dandeenye

Namni deemuu hin dandeenye tokko yeroo hunda balbala mana qulqullummaa dura taaʼee kadhata ture. Gaaf tokko waaree booda, Pheexirosii fi Yohaannis mana qulqullummaa utuu dhaqanii isaan arge. Achiis, ‘Maaloo waa naa kennaa’ jedhee isaan kadhate. Pheexirosis, ‘Wanta maallaqa irra caaluun siif kenna. Maqaa Yesuusiin kaʼiitii deemi!’ isaan jedhe. Achiis Pheexiros qabee ol isa kaase, namichis deemuu jalqabe! Namoonni achi turanis dinqii kana yommuu argan, baayʼee waan gammadaniif hedduun isaanii amantoota taʼan.

Luboonnii fi Saduuqonni garuu baayʼee aaran. Achiis ergamoota qabanii gara mana murtiitti erga geessanii booda, ‘Namicha kana akka fayyistaniif humna kan isiniif kenne eenyu?’ jedhanii gaafatan. Pheexirosis, ‘Humna kana kan arganne Yesuus Kiristoos isa isin ajjeestan irraa ti’ jedhee deebii isaaniif kenne. Geggeessitoonni amantii, ‘Waaʼee Yesuus dubbachuu keessan dhiisaa!’ jedhanii isaanitti iyyan. Ergamoonni garuu, ‘Waaʼee isaa dubbachuu qabna. Matumaa hin dhiisnu’ jedhan.

Pheexirosii fi Yohaannis akkuma gadhiifamaniin gara barattoota kaanii dhaqanii wanta raawwatame isaanitti himan. Isaanis, ‘Hojii kee hojjechuu keenya itti fufuu akka dandeenyuuf ija jabeeyyii akka taanu nu gargaari’ jedhanii waliin Yihowaa kadhatan. Yihowaan hafuura qulqulluu waan isaanii kenneef lallabuu fi namoota fayyisuu isaanii itti fufan. Ammas namoonni dabalataa hedduun amantoota taʼan. Saduqoonni kanatti baayʼee waan hinaafaniif ergamoota qabanii mana hidhaa galchan. Haa taʼu malee, Yihowaan halkan maleekaa isaa kan erge siʼa taʼu, innis balbala mana hidhaa banee ergamootaan, ‘Gara mana qulqullummaatti deebiʼaatii achitti barsiisaa’ isaaniin jedhe.

Guyyaa itti aanu ganama geggeessitoota amantii miseensota yaaʼii Saanhedriin taʼan oduu, ‘Balballi mana hidhaa amma iyyuu cufaa dha, namoonni isin hiitan garuu baʼanii mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisaa jiru!’ jedhu dhagaʼan. Ammas ergamoonni qabamanii gara Saanhedriinitti geeffaman. Lubni ol aanaanis, ‘Waaʼee Yesuus hin dubbatinaa jennee isin ajajnee turre!’ jedhe. Pheexiros garuu, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jedhee deebii isaaniif kenne.

Geggeessitoonni amantii baayʼee waan aaraniif ergamoota ajjeesuu barbaadan. Haa taʼu malee, barsiisaan seeraa Gamaaliʼel jedhamu kaʼee dhaabatee, ‘Of eeggadhaa! Tarii Waaqayyo namoota kanaa wajjin jira taʼa. Waaqayyoo wajjin wal loluu barbaaddu moo?’ jedhe. Kanaaf, gorsa isaa ni fudhatan. Ergamoota uleedhaan erga reebanii booda, ammas lallabuu akka dhaaban ajajanii isaan gadhiisan. Ajajni kun garuu ergamoonni lallaba isaanii akka dhiisan hin goone. Kanaa mannaa, misiraachicha mana qulqullummaa fi manaa gara manaatti ija jabinaan lallabuu isaanii itti fufan.

“Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna.”—Hojii Ergamootaa 5:29

Gaaffii: Barattoonni lallabuu isaanii kan itti fufan maaliifi? Yihowaan hoo kan isaan gargaare akkamitti?

Hojii Ergamootaa 3:1–4:31; 5:12-42

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi