LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 94 ful. 220-ful. 221 key. 1
  • Barattoonni Hafuura Qulqulluu Argatan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barattoonni Hafuura Qulqulluu Argatan
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yerusaalem Taa’anii Eeggachuu
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Phenxeqosxee Dura Namoonni Hedduun Isa Argan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Maqaa Eenyuufi Maaliitiin Cuuphamuu Qabna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Jaarraa Tokkoffaafi Yeroo Harʼaatti Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 94 ful. 220-ful. 221 key. 1
Namoonni Yerusaalem barattoonni Yesuus qooqa isaaniitiin waan isaanitti dubbataniif yommuu dinqisiifaman

BARUMSA 94

Barattoonni Hafuura Qulqulluu Argatan

Yesuus gara samiitti deebiʼee guyyaa kudhan booda, barattoonni isaa hafuura qulqulluu argatan. Dhaloota Kiristoos booda bara 33​tti namoonni Ayyaana Phenxeqosxee kabajuuf iddoo baayʼeedhaa gara Yerusaalem dhufanii turan. Barattoonni Yesuus gara 120 taʼan kutaa fooqii tokko keessatti walitti qabamanii turan. Akkuma tasaa, wanti nama ajaaʼibsiisu tokko ni raawwatame. Wanti arraba ibiddaa fakkaatu tokkos mataa tokkoo tokkoon barattootaa irratti mulʼate; hundi isaaniis qooqa gara garaa dubbachuu jalqaban. Sagalee guddaan akka qilleensa jabaa bubbisu tokko manicha guute.

Namoonni biyya kan biraa irraa gara Yerusaalem dhufan, sagalee kana dhagaʼanii maaltu taʼaa akka jiru ilaaluuf gara manichaatti fiigan. Barattoonni kun qooqa isaaniitiin yommuu dubbatan waan dhagaʼaniif ni dinqisiifatan. Akkanas jedhan: ‘Namoonni kun namoota Galiilaa ti. Akkamitti qooqa keenya dubbachuu dandaʼan?’

Achiis, Pheexirosii fi ergamoonni kan biraan namoota sana fuuldura dhaabatan. Pheexirosis, Yesuus akkamitti akka ajjeefamee fi Yihowaan akkamitti duʼaa akka isa kaase namoota sanatti hime. Pheexiros akkana jedhe: ‘Yesuus amma samii keessa mirga Waaqayyoo jira; hafuura qulqulluu isa abdachiifame sanas dhangalaaseera. Dinqiiwwan kana kan argitanii fi kan dhageessanis kanaafi dha.’

Namoonni sunis wanti Pheexiros dubbate garaa isaanii baayʼee waan tuqeef, “Maal gochuu qabna ree?” jedhanii gaafatan. Innis akkana isaaniin jedhe: ‘Yaada geddaradhaa, akkasumas maqaa Yesuus Kiristoosiin cuuphamaa; hafuura qulqulluus ni fudhattu.’ Gaafa sana namoonni gara 3,000 taʼan ni cuuphaman. Yeroo sanaa jalqabee lakkoofsi barattootaa Yerusaalem keessatti argamu saffisaan dabalaa deeme. Ergamoonni wanta Yesuus barsiise hunda barattoota barsiisuu akka dandaʼaniif, gargaarsa hafuura qulqulluutiin gumiiwwan dabalataa hundeessan.

“Yesuus Gooftaa akka taʼe afaan keetiin ifatti yoo lallabde, akkasumas Waaqayyo duʼaa akka isa kaase garaa keetti yoo amante ni fayyita.”—Roomaa 10:9

Gaaffii: Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti maaltu raawwatame? Namoonni hedduun kan cuuphaman maaliifi?

Hojii Ergamootaa 1:15; 2:1-42; 4:4; Yohaannis 15:26

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi