Seensa Kutaa 14
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa misiraachoo Mootummichaa hanga andaara lafaatti lallabaniiru. Yesuus eessatti lallabuu akka qaban isaanitti himeera, akkasumas haala dinqii taʼeen qooqa dhalootaa isaaniitiin namootaaf akka lallaban isaan dandeessiseera. Yihowaanis ija jabinaa fi humna ariʼatama cimaa isaan irra gaʼu moʼuuf isaan dandeessisu isaaniif kenneera.
Yesuus, Yohaannis ergamaan mulʼataan ulfina Yihowaa akka argu godheera. Mulʼata kan biraa irratti immoo, Yohaannis Mootummaan samii Seexanaa fi bulchiinsa isaa irratti injifannoo bara baraa yommuu argatu argeera. Yohaannis, Yesuus Mootii taʼee yommuu bulchuu fi namoota 144,000 warra isaa wajjin bulchan argeera. Kana malees, Yohaannis guutummaan lafaa gara jannataatti jijjiiramee namoonni Yihowaa waaqeffatan hundi nagaa fi tokkummaadhaan yommuu jiraatan argeera.