FAARFANNAA 117
Gaarummaa
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Yaa Yihowaa Waaqa gaarii,
Ati nu eebbisteetta.
Qulqulluu dha amanamaa,
Gaarummaa guddaa qabda.
Ooʼa nutti argisiista,
Hamma nuuf malu caalaa.
Gammannee si tajaajilla,
Waaqeffannaan siif mala.
2. Sabni kee ati filattes
Gaarummaa calaqqisa;
Amalliif lallabnisaanii
Kana ni mirkaneessa.
Jaarsoliif barsiisa keetiin,
Buʼaa gaariin argame.
Gaarummaa haa argisiisnu,
Nuu kenni hafuura kee.
3. Xinnaatullee nuu eebbisi
Gaarummaa argisiisnu.
Obbolootaaf gaarii gochuun
Hundumaa haa jaallannu.
Maatiif gumii, ollaa hundaaf
Jaalala haa qabaannu,
Hafuura kee nuu kenniitii,
Hundaaf gaarii haa taanu.
(Dabalataan, Far. 103:10; Mar. 10:18; Gal. 5:22; Efe. 5:9 ilaali.)