Fakkeenya Gaarummaa Yihowaa Fudhadhaa
1 Biiftuu lixxutti ykn nyaata mi’aawaatti erga gammadnee booda Yihowaa isa madda gaarummaa hundaa ta’e galateeffachuuf hin kakaanuu? Gaarummaansaa isa fakkaachuuf akka feenu nu kakaasa. (Far. 119:66, 68; Efe. 5:1) mala gaarummaa kana akkamiin argisiisuu dandeenyaa?
2 Warra Hin Amanneef: Fakkeenya gaarummaa Yihowaa argisiisuu kan itti dandeenyu karaan inni tokko warra hin amanneef akka garaadhaa yaadnuuf argisiisuudhaani. (Gal. 6:10) Gaarummaa hojiidhaan argisiisuun keenya namoonni Dhugaa Baatota Yihowaafi ergaasaaniitiif ilaalcha sirrii akka qabaatan gochuu danda’a.
3 Fakkeenyaaf obboleessi qajeelchaa ta’e tokko mana yaalaatti utuu dabaree eeggachaa jiruu dubartii umurii guddaa qabaniifi warra kaan caalaa dhukkubsataa fakkaatan bira taa’e ture; yeroo dabareensaa ga’u isa dura doktaricha bira akka lixaniif heyyameef. Yeroo boodas gabaa keessatti isa arguusaaniitiin baa’ee gammadan. Sanaan dura misraachoo kana dhaga’uu kan hin barbaanne ta’anillee amma garuu dhugumaan Dhugaa Baatonni Yihowaa ollaawwansaanii akka jaalatan beekuusaanii dubbataniiru. Amma Macaafa qulqulluu qayyabachuu jalqabaniiru.
4 Obboloota Keenyaaf: Akkasumas obboloota keenya gargaaruuf of qopheessuudhaan gaarummaa Yihowaa argisiisuu dandeenya. Yeroo balaan uumamu obboloota keenya gargaaruuf kan dhufan keessaa nuyi warra duraati. Namoota gara gumii dhufuudhaaf geejibni isaan barbaachisu gargaaruudhaan, warra dadhabbii humnaa qaban gaafachuudhaan, kan gumii keessatti akka gaariitti hin beekneef jaalala bal’isuudhaan amala kana argisiisuu dandeenya.—2 Qor. 6:11-13; Ibr. 13:16.
5 Karaa itti Yihowaan gaarummaasaa argisiisu kaanimmoo ‘namootaaf cubbuusaanii dhiisuudhaani.’ (Far. 86:5) Haala walfakkaatuun nuyis warra kaaniif dhiifama gochuudhaan gaarummaa jaalalaa argisiisuu dandeenya. (Efe. 4:32) Kunimmoo walitti dhufeenya obbolootaa wajjin qabnu ‘gaariifi kan namatti tolu’ taasisa.—Far. 133:1-3.
6 Gaarummaa guddaa Yihowaan nutti argisiise akka isa galateeffannuufi akka gammadnu nuhaataasiu. Wanta hojjennu hundaatiin gaarummaasaa kan argisiisnu haa taanu.—Far. 145:7; Er. 31:12.