FAARFANNAA 124
Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
(Faarfannaa 18:25, NW)
1. Jaalala Yihowaaf qabnu
Argisiisuu barbaanna.
Isaaf waan of murteessineef,
Ajajasaa baranna.
Gorsi isaa nu fayyada,
Isaaf ni ajajamna.
Inni Waaqa amanamu;
Isa cinaa dhaabbanna.
2. Obbolootaaf amanamna,
Jirraaf yeroo rakkinaa.
Ni yaannaaf, isaan amanna;
Dubbiif gochaan cimsina.
Obbolootaaf iddoo laanna;
Garaadhaa ʼsaan kabajna.
Isaanirraa hin fagaannu,
Caalaattʼ itti dhihaanna.
3. Obboloota geggeessaniif
Amanamoo ni taana.
Qajeelfama yeroo kennan,
Jaalalaan ajajamna.
Yihowaanis nu eebbisa
Kunimmoo nu jabeessa.
Amanamummaa qabaannaan,
Nu jaallata Yihowaan.
(Dabalataan, Far. 149:1; 1 Xim. 2:8; Ibr. 13:17 ilaali.)