FAARFANNAA 149
Faarfannaa Injifannoo
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Yihowaa faarsaa. Maqaansaa guddaan ulfaateera.
Gibxoota of tuulan, galaanatti gateera.
Yaahiin jajadhaa;
Hin jiru kan isaan qixxaatu.
Yihowaa dha inni;
Isa kan injifatu.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa, kan caaltu hunda,
Baruma baraan ati sanuma,
Diinota kee dhihootti kuffistee
Maqaan kee qulqulleeffama.
2. Saboonni hundi Waaqa Olaanaa ni morkatu.
Faraʼoon caalanis,
Isaanis ni salphatu.
Itti murteessa;
Armaagedoonitti balleessa.
Ni hubatu maqaansaa
Yihowaa taʼuusaa.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa, kan caaltu hunda,
Baruma baraan ati sanuma,
Diinota kee dhihootti kuffistee
Maqaan kee qulqulleeffama.
(Dabalataan, Far. 2:2, 9; 92:8; Mil. 3:6; Mul. 16:16 ilaali.)