Faarfannaa 148
Ilma Kee Isa Tokkicha Nuuf Laatte
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Yihowaa, yaa Abbaa,
Abdii’n qabnu turre.
Sababa furiitiin
Abdiin nuu tole!
Waan wayyu siif laanna,
Lubbuus dabalatee.
Namootatti himna,
Akkuma ’ti jette.
(WALLEE)
Ilma kee nuu laatte,
Tokkummaan faarfanna.
Tokkicha Ilma keetiif
bara baraaf si jajanna.
Sitti nu harkisu,
Gaarummaaf ooʼi kee.
Ni jaallanna maqaa
Fi michummaa kee.
Garuu hunda caalaa
Ilma kee nuu laatte.
Akka nu jiraannuuf,
Nuuf duʼe ergitee.
(WALLEE)
Ilma kee nuu laatte,
Tokkummaan faarfanna.
Tokkicha Ilma keetiif
bara baraaf si jajanna.
Xumura
Yihowaa, yaa Abbaa, galata galchina.
Ilma kee tokkicha nuu laatte si faarsina.
(Dabalataan, Yohaannis 3:16; 1 Yohaannis 4:9 ilaali.)