KUTAA LAMA
‘Iddoo Koo Isa Qulqulluu Xureessiteetta’—Waaqeffannaa Qulqulluun Ni Mancaʼe
YAADA IJOO: Yihudaa fi Yerusaalem karaa hafuuraa fi karaa naamusaa ni mancaʼan
Yihowaan Israaʼelota, “qabeenya iddoo guddaa qabu” akka taʼanitti waan ilaaluuf isaan ni jaallata, akkasumas isaan ni kunuunsa ture. (Bau. 19:5, milj.) Haa taʼu malee isaan, mana qulqullummaa maqaa Yihowaatiin waamamu keessatti waaqolii sobaa waaqeffachuudhaan galata akka hin qabne argisiisaniiru. Garaa Yihowaa gaddisiisaniiru, maqaa isaa irrattis arrabsoo fidaniiru. Israaʼel hamma kana kan mancaate maaliifi? Raajii Hisqiʼel Yerusaalem akka baddu dubbate irraa maal barachuu dandeenya? Walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota naannoo isaanii jiranii wajjin qaban irraa hoo maal baranna?