KUTAA SADII
‘Ani Walittan Isin Qaba’—Waaqeffannaa Qulqulluun Deebiʼee Akka Hundeeffamu Waadaan Ni Galame
YAADA IJOO: Raajiiwwan Hisqiʼel waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu dubbate
Israaʼel sababii gantummaatiin tokkummaa dhabdeetti. Miidhaa gochawwan ishii ishii irraan gaʼaniin kan kaʼe rakkachaa jirti; waaqeffannaa qulqulluu xureessiteetti, akkasumas maqaa Waaqayyoo salphisteetti. Haala gaddisiisaa akkasii keessatti Yihowaan, Hisqiʼel raajiiwwan walitti aananii dubbatamanii fi abdii qabatan akka dubbatu isa kakaaseera. Yihowaan fakkeenyotaa fi mulʼatawwan dinqisiisoo taʼanitti fayyadamuudhaan, Israaʼelota boojiʼamanii jiran qofa utuu hin taʼin, namoota waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu barbaadan hunda jajjabeesseera.