KUTAA SHAN
‘Ani Sabicha Gidduu Nan Jiraadha’—Waaqeffannaan Yihowaa Inni Qulqulluun Deebiʼee Hundeeffame
YAADA IJOO: Qabiyyee mana qulqullummaa mulʼataan argamee fi waaʼee waaqeffannaa qulqulluu wanta nu barsiisu
Yihowaan Hisqiʼel raajichaa fi Yohaannis ergamaatti mulʼata baayʼee wal fakkaatu argisiiseera. Qabiyyeen mulʼatawwan kanaa barumsa gaarii yeroo ammaatti karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuuf, akkasumas jireenyi Jannata Mootummaan Waaqayyoo fidu keessatti argamu maal akka fakkaatu hubachuuf nu gargaaru nu barsiisa.