KUTAA TOKKO
“Samiiwwan Ni Banaman”
YAADA IJOO: Mulʼata bakka Yihowaan jiraatu argisiisu
Namni Yihowaa isa waan hundumaa dandaʼu argee lubbuudhaan jiraachuu dandaʼu hin jiru. (Bau. 33:20) Haa taʼu malee Yihowaan mulʼatawwan kutaa jaarmiyaa isaa isa samii argisiisan Hisqiʼelitti mulʼiseera; mulʼatawwan kunis dinqisiifannaadhaan akka guutamnu gochuu qofa utuu hin taʼin, Waaqa dhugaa waaqeffachuuf mirga arganneef dinqisiifannaa qabnus nuu guddisu.