LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lvs boq. 4 ful. 45-59
  • Aangoo Kabajuu kan Qabnu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Aangoo Kabajuu kan Qabnu Maaliifi?
  • Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • “Jaalala Waaqayyoo” dubbisi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • AANGOO KABAJUUN ULFAATAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • AANGOO YIHOWAA KABAJUU KAN QABNU MAALIIFI?
  • MAATII KEESSATTI KABAJA ARGISIISUU
  • GUMII KEESSATTI KABAJA ARGISIISUU
  • ABBOOTII TAAYITAA MOOTUMMAA KABAJUU
  • Namootatti Kabaja Argisiisi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Ulfina Walii Kennuuf Wal Dorgomtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Kabajni kan Hafe Maaliifi?
    Dammaqaa!—2024
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
lvs boq. 4 ful. 45-59
Abbaa jaalalaan ijoollee isaa sirreessu tokko

BOQONNAA 4

Aangoo Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?

“Namoota akaakuu hundumaa kabajaa, guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala qabaadhaa, Waaqa sodaadhaa, mootii kabajaa.”—1 PHEEXIROS 2:17.

1, 2. (a) Qajeelfama eenyuu hordofuu nu barbaachisa? (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

YEROO ijoollee turtetti, darbee darbee warri kee wanta ati hojjechuu hin barbaanne tokko akka hojjettu si gaafatanii turan taʼa. Warra kee waan jaallattuuf, isaaniif ajajamuu akka qabdu beekta. Taʼus al tokko tokko isaaniif ajajamuu hin barbaaddu taʼa.

2 Abbaan keenya Yihowaan akka nu jaallatu beekna. Inni nu kunuunsa, akkasumas wanta jireenyatti gammaduuf nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera. Milkaaʼina akka argannuuf qajeelfama nu barbaachisu nuuf kenna. Yeroo tokko tokko immoo qajeelfama nuu kennuuf namoota kaanitti fayyadama. Aangoo Yihowaa kabajuun nu barbaachisa. (Fakkeenya 24:21) Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko qajeelfama fudhachuun rakkisaa kan nutti taʼu maaliifi? Yihowaan qajeelfama akka hordofnu kan nu gaafatu maaliifi? Aangoo isaa akka kabajnu hoo argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?—Ibsa Dabalataa 9 ilaali.

AANGOO KABAJUUN ULFAATAA KAN TAʼE MAALIIFI?

3, 4. Namoonni mudaa kan qabaatan akkamitti? Namoota kaan irraa qajeelfama fudhachuun ulfaataa nutti taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

3 Namoota waan taaneef, ajajamuu diduun nutti salphata. Addaamii fi Hewaan erga cubbuu raawwatanii jalqabee kun dhugaa taʼuun isaa mulʼateera. Mudaa malee kan uumaman taʼanis, aangoo Waaqayyoo irratti fincila kaasaniiru. Yeroo sanaa kaasee namoonni hundi mudaa kan qaban taʼanii dhalatu. Yihowaa irraas taʼe namoota irraa qajeelfama fudhachuun rakkisaa akka nutti taʼu kan godhu sababiin inni tokko mudaa kan qabnu taʼuu keenya dha. Sababii kan biraan immoo, namoonni Yihowaan qajeelfama nuu kennuuf itti fayyadamus mudaa kan qaban taʼuu isaanii ti.—Uumama 2:15-17; 3:1-7; Faarfannaa 51:5; Roomaa 5:12.

4 Mudaa kan qabnu waan taaneef, koorri keessa keenya jira. Koorri qajeelfama fudhachuun rakkisaa akka nutti taʼu godha. Fakkeenyaaf, Israaʼel durii keessatti Yihowaan saba isaa akka geggeessuuf Musee filatee ture. Namni Qoraa jedhamuu fi waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa ture tokko koorri waan isa keessatti guddateef, Museedhaaf tuffii guddaa akka qabu argisiiseera. Museen saba Waaqayyoo geggeessaa kan ture taʼus, nama kooru hin turre. Museen namoota bara sana jiraatan hunda caalaa nama gad of qabu akka ture ibsameera. Haa taʼu malee, Qoraan qajeelfama Musee fudhachuu hin barbaanne. Namoonni hedduun isaa wajjin Musee irratti fincila akka kaasan illee amansiiseera. Maarree, Qoraa fi finciltoota sana irra maaltu gaʼe? Ni ajjeefaman. (Lakkoofsa 12:3; 16:1-3, 31-35) Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkeenyota koorri balaa akka qabu nu barsiisan hedduu arganna.—2 Seenaa 26:16-21; Ibsa Dabalataa 10 ilaali.

5. Namoonni tokko tokko aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen kan itti fayyadaman akkamitti?

5 “Aangoon amala nama balleessa” yommuu jedhamu dhageessee beekta taʼa. Guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni hedduun aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaniiru. (Lallaba 8:9 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Saaʼol yeroo Yihowaan mootii Israaʼel akka taʼu isa filatetti nama gaarii fi kan gad of qabu ture. Haa taʼu malee, koorrii fi hinaaffaan keessa isaatti akka guddatu heyyameera, kun immoo Daawit isa balleessaa hin qabne ariʼachuuf isa kakaaseera. (1 Saamu’el 9:20, 21; 10:20-22; 18:7-11) Yeroo booda, Daawit mootii kan taʼe yommuu taʼu, mootota Israaʼel hundumaa caalaa mootii gaarii ture. Taʼus, yeroo booda Daawit illee aangoo isaatti karaa sirrii hin taaneen itti fayyadameera. Haadha manaa Uuriyaa, Baat Sheebaa jedhamtuu wajjin ejja raawwate, achiis cubbuu isaa kana dhoksuuf Uuriyaa adda waraanaatti ergee akka ajjeefamu godheera.—2 Saamu’el 11:1-17.

AANGOO YIHOWAA KABAJUU KAN QABNU MAALIIFI?

6, 7. (a) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu maal gochuuf nu kakaasa? (b) Ajajamuun yeroo salphaa hin taanetti illee ajajamoo taʼuuf maaltu nu gargaara?

6 Yihowaa waan jaallannuuf qajeelfama inni nuuf kennu ni kabajna. Wanta ykn nama kam iyyuu caalaa Yihowaa waan jaallannuuf isa gammachiisuu barbaanna. (Fakkeenya 27:11; Maarqos 12:29, 30 dubbisi.) Yeroo hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa dhaaba Eedan keessa jiraachuu jalqabanii kaasee, Seexanni namoonni aangoo Yihowaa irratti gaaffii akka kaasan barbaada. Diyaabilos Yihowaan wanta gochuu qabnu nutti himuuf mirga akka hin qabne goonee akka yaannu barbaada. Taʼus, kun soba taʼuu isaa beekna. Jechoota kanaa gaditti argaman irratti walii galla: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—Mulʼata 4:11.

7 Ijoollummaa keetti yeroo ajajamuu hin barbaannetti illee warra keetiif ajajamuu akka qabdu baratteetta taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, nutis tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef yeroon ajajamuun salphaa nuuf hin taane jira taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaadhaaf jaalalaa fi kabaja waan qabnuuf, isaaf ajajamuuf wanta dandeenyu hunda ni goona. Yesuus gama kanaan fakkeenya nuuf taʼa. Yeroo ajajamuun salphaa ykn mijataa hin taanetti illee, Yihowaadhaaf ajajameera. Abbaa isaatiin, “Fedhiin koo utuu hin taʼin, fedhiin kee haa taʼu” kan jedhes kanaafi.—Luqaas 22:42; Ibsa Dabalataa 11 ilaali.

8. Karaawwan Yihowaan qajeelfama itti nuu kennu keessaa tokko tokko kamfaʼi? (Saanduqa “Gorsa Dhagaʼi” jedhu ilaali.)

8 Yihowaan yeroo harʼaa karaa garaa garaatiin qajeelfama nuuf kenna. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera. Jaarsolii gumiis nuu kenneera. Namoota Yihowaan qajeelfama nuu kennuuf itti fayyadamu yommuu kabajnu, aangoo Yihowaa akka kabajnu argisiisna. Gargaarsa isaan nuuf godhan fudhachuu yoo didne immoo, Yihowaa didaa jirra jechuu dha. Israaʼeloonni aangoo Musee fudhachuu yeroo didanitti, Yihowaan dhimma kana akka salphaatti hin ilaalle. Akkuma isaaf ajajamuu didanitti ilaalee ture.—Lakkoofsa 14:26, 27; Ibsa Dabalataa 12 ilaali.

GORSA DHAGAʼI

DARBEE darbee namni tokko dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee gorsa nuuf kenna taʼa. Mee gorsa fudhachuun salphaa kan hin taane maaliif akka taʼe sababiiwwan argisiisan sadii haa ilaallu.—Fakkeenya 19:20.

  • Gorsi sun akka nuuf hin hojjenne nutti dhagaʼama. Tarii namni gorsa nuuf kenne sun haala keenya sirriitti akka hin hubanne yaanna taʼa. (Ibroota 12:5) Haa taʼu malee, ‘Namni sun gorsa sana naa kennuuf sababii gaʼaa akkamii qaba laata?’ jedhii of gaafadhu. (Fakkeenya 19:3) Sababii itti gorsi sun siif kenname yommuu hubattu, gorsa sana fudhachuun sitti salphachuu dandaʼa.—Fakkeenya 4:13 dubbisi.

  • Akkaataa gorsi sun itti nuuf kenname hin jaallanne. Gorsa mudaa hin qabne karaa mudaa hin qabneen kennuu kan dandaʼu nama mudaa hin qabne qofa dha. (Roomaa 3:23; Yaaqoob 3:2) Karaa namni tokko gorsa itti siif kenne irratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta inni jedhee fi gorsa sana akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessu yaadi.

  • Umurii keenyaan ykn muuxannoo qabnuun kan kaʼe gorsi nu hin barbaachisu jennee yaadna. Israaʼel durii keessatti mootiin illee raajota, lubootaa fi namoota bulchiinsa isaa keessa jiran kaan irraa gorsa ni fudhata ture. (2 Saamuʼel 12:1-13; 2 Seenaa 26:16-20) Gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe gad of qabuudhaan yommuu fudhannu, caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaara.—Tiitoo 3:2.

Gorsi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe, kennaa Yihowaa isa nu jaallatuu fi wanta gaarii taʼe nuuf yaadu irraa nuuf kenname akka taʼe yaadadhu. Kanaaf gorsa fudhachuu fi hojii irra oolchuuf wanta dandeessu hunda godhi.—Ibroota 12:6-11.

9. Jaalalli qajeelfama nuuf kennamu hordofuuf kan nu kakaasu akkamitti?

9 Aangoo kabajuun keenya, obbolootaa fi obboleettota keenyas akka jaallannu argisiisa. Mee kana yaadi. Yommuu balaan uumamaa tokko gaʼu, yeroo baayʼee miseensonni garee gargaarsaa hamma dandaʼametti namoota hedduu oolchuuf waliin hojjetu. Gareen kun buʼa qabeessa akka taʼuuf, namni qindeessu tokko isaan barbaachisa, miseensonni garee kanaa hundis qajeelfama isaaniif kennamu hordofuu qabu. Haa taʼu malee, namni tokko qajeelfama hordofuu dhiisee wanta barbaade yoo godhe hoo? Yaada sirriidhaan kakaʼee taʼu illee, dhagaʼuu diduun isaa miseensota garee sanaa irratti rakkina fiduu, tarii immoo miidhaa guddaa isaan irraan gaʼuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, qajeelfama Yihowaa fi qajeelfama namoota inni aangoo isaaniif kennee yoo hordofuu baanne warra kaan irratti rakkina fiduu dandeenya. Taʼus, yommuu Yihowaadhaaf ajajamnu obboloota keenya akka jaallannuu fi qophii Yihowaatiif kabaja akka qabnu argisiisna.—1 Qorontos 12:14, 25, 26.

10, 11. Kanatti aansinee waaʼee maalii mariʼanna?

10 Wanti Yihowaan akka goonu nu gaafatu kam iyyuu faayidaa keenyaafi dha. Maatii keenya keessatti, gumii keessattii fi walitti dhufeenya abbootii taayitaa mootummaa wajjin qabnu irratti aangoodhaaf kabaja akka qabnu kan argisiisnu yoo taʼe namni hundi ni fayyadama.—Keessa Deebii 5:16; Roomaa 13:4; Efesoon 6:2, 3; Ibroota 13:17.

11 Yihowaan warra kaan akka kabajnu kan barbaadu maaliif akka taʼe hubachuun keenya kabaja argisiisuuf nu gargaaruu dandaʼa. Mee karaawwan jireenya keenya keessatti kabaja argisiisuu itti dandeenyu sadii balʼinaan haa ilaallu.

MAATII KEESSATTI KABAJA ARGISIISUU

12. Abbaan manaa aangoo akka kabaju argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Yihowaan maatii hundeesseera, akkasumas miseensonni maatii hundi gaʼee akka qabaatan godheera. Tokkoon tokkoon miseensa maatii wanta Yihowaan isa irraa eegu yommuu hubatu, maatichi tokkummaa kan qabaatu taʼuu isaa irra iyyuu guutummaan maatichaa fayyadamuu dandaʼa. (1 Qorontos 14:33) Yihowaan abbaan manaa mataa maatichaa akka taʼu muudeera. Kana jechuun Yihowaan abbaan manaa haadha manaa isaa fi ijoollee isaa akka kunuunsu, akkasumas qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe akka isaaniif kennu isa irraa eega jechuu dha. Kanaafuu, abbaan manaa akkaataa isaaniin itti kunuunsu irratti Yihowaadhaaf deebii kennuu qaba. Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko, nama gaarii fi jaalala qabeessa dha, maatii isaas akkaataa Yesuus gumii itti kunuunsetti kunuunsa. Abbaan manaa yommuu akkas godhu Yihowaa akka kabaju argisiisa.—Efesoon 5:23; Ibsa Dabalataa 13 ilaali.

Abbaa kitaaba Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamu ijoollee isaatiif dubbisu

Abbaan Kiristiyaana taʼe tokko maatii isaa yommuu kunuunsu fakkeenya Kiristoos hordofa

13. Haati manaa aangoo akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

13 Haati manaa Kiristiyaana taate takkas gaʼee guddaa fi ulfina qabeessa taʼe qabdi. Abbaan manaa ishii mataa maatii gaarii taʼuuf jabaatee yommuu hojjetu isa deggerti. Isaa wajjin taʼuudhaan ijoollee leenjisuuf itti gaafatamummaa qabdi. Karaan ijoolleen ishii kabaja akka argisiisan itti leenjistu tokko fakkeenya isaaniif taʼuudhaani. (Fakkeenya 1:8) Abbaa manaa ishii ni kabajji, murtoo inni godhus ni deggerti. Dhimma tokko ilaalchisee wanta isaa wajjin irratti walii hin galle yommuu qabaattutti illee, miira ishii karaa gaarummaa fi kabaja qabuun ibsiti. Dubartiin Kiristiyaana taate takka nama Dhugaa Baatuu hin taanetti yommuu heerumtu rakkinni addaa ishii mudata. Haa taʼu malee, abbaa manaa ishii jaallachuu fi kabajuu ishii yoo itti fufte, tarii innis gaaf tokko Yihowaa beekuu fi isa waaqeffachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa.—1 Pheexiros 3:1 dubbisi.

14. Ijoolleen aangoo akka kabajan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Ijoolleen Yihowaa duratti gatii guddaa qabu; keessumaa eegumsaa fi qajeelfama argachuun isaan barbaachisa. Ijoolleen warra isaaniitiif yommuu ajajaman warra isaanii ni gammachiisu. Hunda caalaa immoo, ajajamoo taʼuudhaan Yihowaadhaaf kabaja akka qaban argisiisu, akkasumas isa gammachiisu. (Fakkeenya 10:1) Maatii hedduu keessatti ijoolleen abbaa ykn haadha qofaan guddatu. Kun immoo warraafis taʼe ijoolleedhaaf baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Taʼus, ijoolleen abbaa ykn haadha isaaniitiif yommuu ajajamanii fi isaan deggeran, jireenyi maatichaa caalaatti gammachiisaa taʼa. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, maatiin mudaa hin qabne hin jiru. Haa taʼu malee, miseensonni maatii hundi qajeelfama Yihowaa yommuu hordofan, guutummaan maatichaa gammachuu argata. Kunis Yihowaa isa Uumaa maatii hundumaa taʼeef ulfina fida.—Efesoon 3:14, 15.

GUMII KEESSATTI KABAJA ARGISIISUU

15. Gumii keessatti aangoo akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Yihowaan karaa gumii Kiristiyaanaa qajeelfama kan nuuf kennu yeroo taʼu, Yesuusiif gumii kana irratti aangoo guutuu kenneera. (Qolosaayis 1:18) Yesuus immoo saba Waaqayyoo lafa irra jiran akka kunuunsuuf, ‘garbicha amanamaa fi ogeessaaf’ itti gaafatamummaa kenneera. (Maatewos 24:45-47) Yeroo harʼaa, “garbichi amanamaanii fi ogeessi” Qaama Ol Aanaa dha. Qaamni Ol Aanaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu nu gargaaruuf yeroo sirrii taʼetti wanta nu barbaachisu nuuf kenna. Jaarsoliin, tajaajiltoonni gumii fi ilaaltonni olaanaa aanaa gumiiwwan addunyaa mara irra jiran ni deggeru, akkasumas Qaama Ol Aanaa irraa qajeelfama fudhatu. Obboloonni kun hundi nu kunuunsuuf itti gaafatamummaa qabu. Itti gaafatamummaa kana akkamitti akka raawwatan ilaalchisee Yihowaadhaaf deebii kennu. Kanaafuu namoota kana yommuu kabajnu Yihowaa kabajna jechuu dha.—1 Tasalonqee 5:12; Ibroota 13:17 dubbisi; Ibsa Dabalataa 14 ilaali.

16. Jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii hafuura qulqulluudhaan muudamu jechuu kan dandeenyu maaliifi?

16 Jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii, gumiin amanamaa fi tokkummaa kan qabu taʼee akka itti fufu gargaaru. Dhugaa dha, isaanis akkuma keenya mudaa qabu. Namoonni kun akkamitti filataman ree? Obboloonni kun ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu keessa jiran guutuu qabu. (1 Ximotewos 3:1-7, 12; Tiitoo 1:5-9) Yihowaan namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan ulaagaalee kana akka ibsan gargaaruuf hafuura qulqulluutti fayyadameera. Jaarsoliin namni tokko jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼee akka muudamu yommuu mariʼatan hafuura qulqulluu isaa argachuuf Yihowaa kadhatu. Gumiiwwan qajeelfama Yesuusii fi Yihowaa jala akka jiran ifaa dha. (Hojii Ergamootaa 20:28) Namoonni akka nu deggeranii fi akka nu kunuunsaniif muudaman kunneen kennaa Waaqayyoo biraa argamani dha.—Efesoon 4:8.

17. Obboleettiin takka kabaja argisiisuuf, yeroo tokko tokko maal gochuun ishii barbaachisa taʼa?

17 Yeroo tokko tokko hojii gumii hojjechuuf jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko illee hin jiru taʼa. Yeroo akkasiitti obboloonni cuuphaman kan biroon hojjechuu dandaʼu, taʼus obboloonnis hin jiran yoo taʼe, obboleettiin takka hojii yeroo baayʼee obboleessi cuuphame tokko hojjetu raawwachuu dandeessi taʼa. Haalli isaa yoo akkas taʼe, tarii shaashii haguuggachuu ykn baarmeexaa kaaʼachuu qabdi. (1 Qorontos 11:3-10) Karaa kanaan, maatii fi gumii keessatti qophii matummaa Yihowaan godhe akka kabajju argisiisti.—Ibsa Dabalataa 15 ilaali.

ABBOOTII TAAYITAA MOOTUMMAA KABAJUU

18, 19. (a) Roomaa 13:1-7 irraa maal baranna? (b) Mootummoota akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yeroo harʼaa Yihowaan mootummoonni hamma tokko aangoo akka qabaatan waan isaanii heyyameef, isaan kabajuu qabna. Mootummoonni kun biyyoonnii fi hawaasni tasgabbiidhaan akka jiraatanii fi namoonni tajaajila buʼuuraa barbaachisaa taʼe akka argatan gurmeessu. Kiristiyaanonni qajeelfama Roomaa 13:1-7 irra jiruuf ni ajajamu. (Dubbisi.) “Abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” ni kabajna, akkasumas seera biyya ykn hawaasa keessa jiraannuuf ni ajajamna. Seerawwan kun maatii keenya, daldala ykn qabeenya keenya kan ilaallatan taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, qaraxa ni kaffalla, akkasumas odeeffannoo mootummaan nu gaafatu ni kennina. Haa taʼu malee, mootummaan wanta seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu akka raawwannu yoo nu gaafate maal gochuu qabna? Pheexiros ergamaan, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jedheera.—Hojii Ergamootaa 5:28, 29.

19 Abbaa taayitaa mootummaa kan akka abbaa murtii ykn poolisii bira dhaquun yoo nu barbaachise, yeroo hundumaa kabaja argisiisuu qabna. Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan barsiisota isaanii fi hojjettoota mana barumsaa kaan ni kabaju. Bakka hojii keenyaatti namoonni kaan kabaja kan hin argisiisne yoo taʼan illee, nuti nama nu qacare ni kabajna. Akkas yommuu goonu, fakkeenya Phaawulos ergamaa isa yeroo isaan kabajuun rakkisaa taʼetti illee, namoota aangoo qabanitti kabaja argisiisee hordofna. (Hojii Ergamootaa 26:2, 25) Namoonni kaan haala gaariidhaan yoo nu qabuu baatan illee, yeroo hundumaa kabaja ni argisiisna.—Roomaa 12:17, 18 dubbisi; 1 Pheexiros 3:15.

20, 21. Namoota kaanitti yommuu kabaja argisiisnu buʼaa gaarii akkamiitu argamuu dandaʼa?

20 Addunyaa maratti kabajni namoonni warra kaaniif qaban yeroodhaa gara yerootti xiqqaachaa dhufeera. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa adda dha. Namoota hundumaa kabajuuf murtoo gooneerra. Qajeelfama Pheexiros ergamaan, “Namoota akaakuu hundumaa kabajaa” jechuudhaan kenne ni hordofna. (1 Pheexiros 2:17) Namoota kaan yommuu kabajnu, isaan kana ni hubatu. Yesuus, ‘Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessaniif ulfina akka kennaniif, ifni keessan namoota duratti haa ifu’ jedheera.—Maatewos 5:16.

21 Maatii fi gumii keenya keessatti, akkasumas sochii jireenyaa keenya kan biraa keessatti kabaja yommuu argisiisnu, fakkeenyi keenya inni gaariin namoonni kaan waaʼee Yihowaa caalaatti barachuuf fedhii akka qabaatan gochuu dandaʼa. Kana malees, namoota kaanitti kabaja argisiisuudhaan, Yihowaa akka kabajnu argisiisna. Kunis Yihowaa ni gammachiisa, akka isa jaallannus ni argisiisa.

DHUGAAWWAN BUʼUURAA KITAABA QULQULLUU

1 YIHOWAAN QAJEELFAMA NUU KENNUUF NAMOOTA KAANITTI FAYYADAMA

“Namoota akaakuu hundumaa kabajaa, . . . Waaqa sodaadhaa.”—1 Pheexiros 2:17

Qajeelfama hordofuun rakkisaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

  • Lakkoofsa 16:1-3; Lallaba 8:9; Roomaa 5:12

    Namoonni Yihowaan qajeelfama nuu kennuuf itti fayyadamu akkuma keenya mudaa kan qabani dha.

  • Luqaas 22:42

    Yesuus ajajamuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Inni yeroo hundumaa Yihowaadhaaf ni ajajama.

  • Fakkeenya 27:11; Maarqos 12:29, 30

    Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu qophiiwwan isaa akka kabajnu nu kakaasa. Maatii keessatti mataan maatii jira. Mana barumsaatti barsiisonni jiru. Gumii keessa immoo jaarsoliin jiru.

2 QOPHIIN MAATII YIHOWAA BIRAA KAN ARGAME DHA

“Ani Abbaadhaaf nan jilbeenfadha; maatiin . . . hundi maqaa isaa isa irraa argate.”—Efesoon 3:14, 15

Yihowaan qophii maatii akka kabajnu kan barbaadu maaliifi?

  • Fakkeenya 10:1

    Yihowaan maatii kan qopheesse, ijoolleen bakka tasgabbiidhaan itti guddatan akka argatanii fi miseensonni maatii hundi jaalala maatii keessa jiruun akka gammadaniifi dha.

  • Fakkeenya 1:8; 1 Qorontos 11:3; Efesoon 6:1-3; 1 Pheexiros 3:1

    Miseensonni maatii hundi gaʼee isaanii yommuu raawwatan maatichi ni fayyadama.

3 YIHOWAAN GUMII IRRATTI YESUUSIIF AANGOO KENNEERA

‘Kiristoos gumichaaf mataa dha.’—Efesoon 5:23

Qophii gumii deggeruu kan qabnu maaliifi?

  • Maatewos 24:45-47

    Yesuus saba Waaqayyoo lafa irra jiru kunuunsuuf ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadama.

  • 1 Tasalonqee 5:12; Ibroota 13:17

    Jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii, gumichi cimaa taʼee akka itti fufu gargaaru. Obboloota kana yommuu deggerru aangoo Yihowaa akka kabajnu argisiisna.

  • Hojii Ergamootaa 20:28

    Gumicha guutummaatti yommuu deggerru namni hundi ni fayyadama. Gumiin qophii Yihowaan waaqeffannaadhaaf godhe dha.

4 YIHOWAAN MOOTUMMOONNI HAMMA TOKKO AANGOO AKKA QABAATAN ISAANIIF HEYYAMEERA

‘Waaqayyo biraa yoo taʼe malee aangoon hin argamu, abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti.’—Roomaa 13:1

Mootummootaaf kabaja akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Maatewos 5:16; 1 Pheexiros 3:15

    Wanta dubbannuu fi wanta hojjennuun kabaja argisiisna. Kunis Yihowaadhaaf ulfina fida.

  • Hojii Ergamootaa 26:2, 25; Roomaa 12:17, 18

    Kiristiyaanonni seerawwan biyyi isaan keessa jiraatan baaseef ni ajajamu. Akka gaariitti yoo qabamuu baatan illee yeroo hundumaa kabaja ni argisiisu.

  • Roomaa 13:1-4

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu warra aangoo qaban akka kabajju si gargaaruu dandaʼu.

  • Maatewos 22:37-39; 26:52; Yohaannis 18:36; Hojii Ergamootaa 5:27-29; Ibroota 10:24, 25

    Mootummaan tokko wanta seera Yihowaa wajjin wal faallessu akka hojjettu yoo si gaafate, eenyuuf akka ajajamtu murteessuu qabda.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi