LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Fulbaana ful. 14-19
  • Namootatti Kabaja Argisiisi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namootatti Kabaja Argisiisi
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • NAMOOTA KABAJUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
  • MISEENSOTA MAATII KEE KABAJI
  • OBBOLOOTA KEE KABAJI
  • NAMOOTA DHUGAA BAATOTA YIHOWAA HIN TAANE KABAJI
  • Kabajni kan Hafe Maaliifi?
    Dammaqaa!—2024
  • Ulfina Walii Kennuuf Wal Dorgomtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Aangoo Kabajuu kan Qabnu Maaliifi?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Kabaja Argisiisuu—Akkamitti?
    Dammaqaa!—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Fulbaana ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 38

FAARFANNAA 120 Akka Kiristoositti Garraamota Taʼaa

Namootatti Kabaja Argisiisi

‘Ulfina argachuun meetii fi warqii irra wayya.’—FAK. 22:1.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti namoota kabajuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi haala rakkisaa keessatti akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Ilmaan namootaa kabajamuu kan barbaadan maaliifi? (Fakkeenya 22:1)

NAMOONNI yeroo si kabajan sitti tolaa? Akka sitti tolu ifadha. Namni hundi kabajamuu barbaada. Namoonni yeroo nu kabajan baayʼee gammanna. Kitaabni Qulqulluun, ‘Ulfina argachuun meetii fi warqii irra wayya’ kan jedhu kanaafi.—Fakkeenya 22:1 dubbisi.

2-3. Namoota kabajuun yeroo hunda salphaa kan hin taane maaliifi? Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Namoota kabajuun yeroo hunda salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Sababiin inni tokko hirʼina warra kaanii arguu keenyadha. Kana malees, yeroo namoonni kabaja hin qabne itti baayʼatan keessa jiraanna. Nuti garuu adda taʼuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan “namoota akaakuu hundumaa” akka kabajnu barbaada.—1 Phe. 2:17.

3 Mata duree kana keessatti namoota kabajuu jechuun maal jechuu akka taʼe ilaalla; akkasumas (1) miseensota maatii keenya, (2) obboloota keenyaa fi (3) namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane kabajuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Haalawwan rakkisoo taʼan keessatti namoota kabajuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

NAMOOTA KABAJUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

4. Warra kaan kabajuu jechuun maal jechuudha?

4 Jechi kabaja jedhu maal argisiisa? Afaanota tokko tokkoon jechoonni “kabajaa” fi “ulfina” jedhan hiika wal fakkaatu qabu. “Kabajni” adda durummaadhaan ilaalcha namootaaf qabnu argisiisa. Warra kaan kan kabajnu yoo taʼe amalasaaniitiin, wanta raawwataniin ykn aangoosaaniitiin kan kaʼe xiyyeeffannaa keenya argachuun akka isaaniif malutti isaan ilaalla. Jechi “ulfina” jedhu garuu akkaataa itti nama tokko qabnu argisiisa. Warra kaaniif ulfina kan kenninu yoo taʼe iddoo guddaa akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu karaa godhuun isaan qabna. Dhugaadha, ulfinni namootaaf qabnu fakkeessaa akka hin taaneef garaadhaa kan madde taʼuu qaba.—Mat. 15:8.

5. Warra kaan kabajuuf maaltu nu gargaara?

5 Yihowaan warra kaanitti kabaja akka argisiisnu barbaada; keessumaammoo “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” akka kabajnu nurraa eega. (Rom. 13:1, 7) Namoonni tokko tokko garuu, “Namoonni amala gaarii yoo argisiisan isaan nan kabaja” jedhu taʼa. Ilaalchi akkasii sirriidhaa? Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef kabajni namootatti argisiisnu gocha isaanii qofarratti kan hundaaʼe akka hin taane ni hubanna. Kanaa mannaa, jaalala Yihowaadhaaf qabnuu fi fedhii isa gammachiisuuf qabnurratti kan hundaaʼedha.—Iya. 4:14; 1 Phe. 3:15.

6. Nama nu hin kabajne tokko kabajuu ni dandeenyaa? Ibsi. (Fakkii ilaali.)

6 Namoonni tokko tokko, ‘Nama nu hin kabajne tokko kabajuun ni dandaʼamaa?’ jedhanii gaafatu. Eeyyee ni dandaʼama. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Saaʼol Mootichi ilmasaa Yonaataaniin warra kaan duratti salphisee ture. (1 Sam. 20:30-34) Taʼus, Yonaataan hamma Saaʼol duʼetti lolarratti abbaasaa deeggaruudhaan akka isa kabaju argisiiseera. (Bau. 20:12; 2 Sam. 1:23) Eeliin inni luba olaanaa taʼe Haannaan akka machoofte dubbachuudhaan ishii komateera. (1 Sam. 1:12-14) Eeliin abbaa fi luba olaanaa gaarii akka hin taane Israaʼelota hedduu biratti kan beekamu taʼus Haannaan kabajaan isa haasofsiisteetti. (1 Sam. 1:15-18; 2:22-24) Namoonni Ateenaa Phaawulosiin “abbaan oduu” jedhanii arrabsanii turan. (HoE. 17:18) Taʼus, Phaawulos kabajaan isaan haasofsiiseera. (HoE. 17:22) Fakkeenyonni kun yeroo salphaa taʼutti qofa utuu hin taʼin, yeroo ulfaataa taʼuttis warra kaan kabajuuf kan nu kakaasu jaalala Yihowaadhaaf qabnuu fi fedhii isa gammachiisuuf qabnu akka taʼe argisiisu. Mee eenyufaa kabajuu akka qabnuu fi isaan kabajuu kan qabnu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

Yonaataan, Saaʼolii fi loltoonni Israaʼel goraadee, eeboo fi gaachana qabatanii lolaa jiru.

Yonaataan abbaansaa kan isa salphise taʼus yeroo inni mootii ture hundatti isa deeggaruusaa itti fufeera (Keeyyata 6 ilaali)


MISEENSOTA MAATII KEE KABAJI

7. Miseensota maatii keenya kabajuun ulfaataa akka taʼu wanti godhu maalidha?

7 Haala rakkisaa. Maatii keenya wajjin yeroo dheeraa dabarsina. Kanaafuu, cimina isaaniis taʼe dadhabina isaanii beekna. Tokko tokko dhibee isaan kunuunsuun akka nutti ulfaatu godhu qabu taʼa; yookiinimmoo dhiphina cimaa wajjin waldhaansoo gochaa jiru taʼa. Warri kaanimmoo wanta nu miidhu dubbachuu ykn raawwachuu dandaʼu. Tokko tokko mannisaanii bakka boqonnaa fi nagaa akka taʼu gochuuf yaaluu mannaa, miseensota maatii isaaniitti kabaja argisiisuu diduudhaan maatii keessatti jeequmsa uumu. Kunimmoo maatichi walii galtee akka hin qabaanne godha. Maatii tokko qaama namaa wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Dhibeen tokko qaamni namaa sirriitti akka hin hojjenne gochuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, miseensonni maatiis kan wal hin kabajne yoo taʼe maatichi walii galtee akka hin qabaanne gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, akkuma dhukkubni hedduun walʼaanamuu dandaʼu, miseensonni maatiis kabaja waliif qabaachuu barachuu ni dandaʼu.

8. Miseensota maatii keenyatti kabaja argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (1 Ximotewos 5:4, 8)

8 Kabaja argisiisuu kan qabnu maaliifi? (1 Ximotewos 5:4, 8 dubbisi.) Phaawulos xalayaa Ximotewosiif barreesse isa jalqabaarratti miseensonni maatii wanta walii isaaniitiif barbaachisu guutuu kan qaban akkamitti akka taʼe ibseera. Wanti miseensota maatii keenya kabajuuf nu kakaasu inni guddaan dirqamni waan nurra jiruuf utuu hin taʼin, ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya akka taʼe ibseera. Waaqayyoof buluun amanamummaadhaan isa waaqeffachuu fi isa tajaajiluu argisiisa. Maatii kan hundeesse Yihowaadha. (Efe. 3:14, 15) Kanaafuu, miseensa maatii keenyaa tokko yeroo kabajnu Yihowaa isa maatii hundeesseef ulfina akka kenninu argisiisna. Wanti miseensota maatii keenya kabajuuf nu kakaasu inni guddaan kanadha.

9. Abbaan manaa fi haati manaa kabaja walitti argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

9 Kabaja argisiisuun kan dandaʼamu akkamitti? Abbaan manaa haadha manaasaa kabaju tokko yeroo kophaa taʼanittis taʼe namoota biratti iddoo guddaa akka ishiidhaaf kennu argisiisa. (Fak. 31:28; 1 Phe. 3:7) Matumaa ishii hin rukutu, ishii hin salphisu ykn gatii akka hin qabne akka ishiitti dhagaʼamu hin godhu. Obboleessi Eeriyaala jedhamuu fi Arjantiinaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Haati manaa koo waan dhukkubsattuuf yeroo tokko tokko wanta na miidhu dubbatti. Yeroo akkasiitti wanta akkasii kan dubbattu garaa ishiitii akka hin taanen of yaadachiisa. Haala ulfaataa keessattimmoo 1 Qorontos 13:5 yaadachuufan yaala; caqasichi karaa nama salphisuun utuu hin taʼin karaa kabaja qabuun akkan ishii haasofsiisu na kakaasa.” (Fak. 19:11) Haati manaa abbaa manaa ishii kabajju warra kaanitti waaʼeesaa wanta gaarii dubbatti. (Efe. 5:33) Ciigoo, qoosaa fi maqaa sirrii hin taaneen isa waamuurraa of qusatti; amalli akkasii gaaʼela ishii miidhuu akka dandaʼu ni hubatti. (Fak. 14:1) Obboleettiin Xaaliyaanii keessa jiraattuu fi abbaan manaa ishii dhiphina wajjin waldhaansoo godhu tokko akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko abbaan manaa koo garmalee akka yaaddaʼu natti dhagaʼama. Kanaan dura dubbiin koo fi ibsi fuulaa koo akkan isa hin kabajne argisiisa ture. Haa taʼu malee, namoota waaʼee warra kaanii kabajaan dubbatanitti dhihaachaa yeroon deemu abbaa manaa koo kabajuuf caalaattan kakaʼe.”

Fakkiiwwan garaagaraa: Hiriyoota gaaʼelaa kabaja walitti argisiisan. 1. Abbaan manaa tokko haadha manaasaa wajjin yeroo nyaata qopheessan gaarummaadhaan ishii haasofsiisaa jira. 2. Haati manaa abbaan manaa ishii obboleessa maanguddoo tokkoof nyaata yeroo dhiheessu isa jajaa jirti.

Maatii keenya yeroo kabajnu, Yihowaa isa Mataa maatii keenyaa taʼeef ulfina kennina (Keeyyata 9 ilaali)


10. Ijoolleen warrasaanii kabajuu kan dandaʼan akkamitti?

10 Ijoolle, seera warri keessan baasaniif ajajamaa. (Efe. 6:1-3) Kabajaan isaan haasofsiisaa. (Bau. 21:17) Warri keessan dulloomaa yeroo deeman xiyyeeffannaan keessan caalaatti isaan barbaachisuu dandaʼa. Isaan kunuunsuuf wanta dandeessan hunda godhaa. Mee fakkeenya Maariyaa haa ilaallu; abbaan ishii Dhugaa Baatuu Yihowaa miti. Yeroo dhukkubsatetti Maariyaan isa kunuunsuun akka ishiitti ulfaatu godhee ture. Akkana jetteetti: “Yihowaan abbaa kootiif kabaja qabaachuu qofa utuu hin taʼin, argisiisuuf akka na gargaarus kadhadheen ture. Yihowaan warra koo akkan kabaju erga na ajajee humna akkas gochuuf na barbaachisus naaf kennuu akka dandaʼun yaade. Yeroo booda abbaan koo amalasaa jijjiiruu yoo baatellee isa kabajuu akkan qabu hubadheera.” Miseensonni maatii keenya hirʼina kan qaban taʼanis ulfina kan isaaniif kenninu yoo taʼe qophii Yihowaatiif kabaja akka qabnu argisiisna.

OBBOLOOTA KEE KABAJI

11. Obboloota keenya kabajuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

11 Haala rakkisaa. Obboloonni keenya ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiin jiraatu; taʼus yeroo tokko tokko karaa sirrii hin taaneen nu qabuu, dogoggoraan nu hubachuu ykn nu aarsuu dandaʼu. Sababii itti obboleessa tokko ‘komannu yoo qabaanne’ isa kabajuu keenya itti fufuun nutti ulfaachuu dandaʼa. (Qol. 3:13) Maarree, maaltu nu gargaara?

12. Obboloota keenyatti kabaja argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (2 Pheexiros 2:9-12)

12 Kabaja argisiisuu kan qabnu maaliifi? (2 Pheexiros 2:9-12 dubbisi.) Pheexiros xalayaasaa isa lammaffaarratti namoonni gumii jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko “warra ulfina qaban,” jechuunis jaarsolii gumii karaa kabaja hin qabneen haasofsiisaa akka turan ibseera. Maleekonni amanamoon yeroo kana argan maal godhan? “Kabaja Yihowaadhaaf qabaniin kan kaʼe” namoota dogoggora akkasii raawwatan irratti dubbii arrabsoo hin dubbanne. Mee yaadi! Maleekonni mudaa hin qabne namoota of tuulan kanatti dubbii hamaa dubbachuurraa of qusataniiru. Kanaa mannaa, Yihowaan akka isaanitti murteessuu fi akka isaan ifatuuf dhimmicha isaaf dhiisaniiru. (Rom. 14:10-12; Yihudaa 9 wajjin walbira qabii ilaali.) Maleekotarraa barumsa gaarii arganna. Namoota nu mormanitti kabaja kan argisiisnu erga taʼee, obboloota keenyattimmoo caalaatti kabaja argisiisuu hin qabnuu? Eeyyee, obboloota keenya kabajuuf ‘dursa fudhachuu’ qabna. (Rom. 12:10) Akkas gochuun keenya Yihowaa akka kabajnu argisiisa.

13-14. Obboloota gumii keessa jiranitti kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni. (Fakkiiwwanis ilaali.)

13 Kabaja argisiisuun kan dandaʼamu akkamitti? Jaarsoliin, jaalalaan warra kaan barsiisuuf carraaqaa. (Film. 8, 9) Nama tokkoof gorsa kennuun yeroo isin barbaachisutti gaarummaadhaan gorsa kennaa; yeroo aartanii jirtanitti gorsa hin kenninaa. Obboleettonnis hamii ykn maqaa balleessuurraa fagaachuudhaan gumii keessa wal kabajuun akka jiraatu gumaacha gochuu dandeessu. (Tit. 2:3-5) Jaarsolii gumii deeggaruudhaan, akkasumas carraaqqii isaan gumii geggeessuuf, hojii lallabaarratti dursa fudhachuu fi warra “tarkaanfii dogoggoraa” fudhatan gargaaruuf godhaniif isaan galateeffachuudhaan akka isaan kabajnu argisiisuu dandeenya.—Gal. 6:1; 1 Xim. 5:17.

14 Obboleettiin Roosiyoo jedhamtu jaarsa gumii gorsa ishiidhaaf kenne tokko kabajuun ishiitti ulfaatee ture. Akkan jetteetti: “Gaarummaadhaan akka na haasofsiise waan natti hin dhagaʼamneef aareen ture. Manatti waaʼeesaa wanta gaarii hin dubbadhun ture. Ifatti argisiisuu baadhus keessa kootti kakaʼumsasaa nan shakka, gorsasaa fudhachuus hin barbaadun ture.” Maarree, maaltu ishii gargaare? Akkana jetteetti: “Dubbisa Kitaaba Qulqulluu koorratti 1 Tasalonqee 5:12, 13 nan dubbise. Obboleessa kanatti kabaja argisiisaa akkan hin jirre yeroon hubadhu sammuun koo na jeequu jalqabe. Achiis Yihowaattin kadhannaa dhiheesse, akkasumas barreeffamoota keenya ilaalcha koo sirreessuuf na gargaaran argachuuf qorannaan godhe. Yeroo booda, akkas kan natti dhagaʼame obboleessi sun rakkina waan qabuuf utuu hin taʼin, ani waanan kooruuf akka taʼen hubadhe. Amma, amala gad of qabuu hin qabu taanaan warra kaan kabajuun akka natti ulfaatu hubadheera. Ammas fooyyaʼiinsa gochuun na barbaachisa; taʼus, kabaja argisiisuuf carraaqqii gochaa waanan jiruuf Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akkan qabu natti dhagaʼama.”

Fakkiiwwan garaagaraa: Obboleettii maanguddoon tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa fi hojiiwwan garaagaraa jaarsoliin hojjetanirratti yaadaa jirti. 1. Jaarsi tokko walgaʼii gumiirratti haasaa dhiheessaa jira. 2. Obboleessa wiilcheriidhaan deemu tokko gargaaraa jira. 3. Mooraa Galma Walgaʼii keessaa cabbii haraa jira.

Hundi keenyayyuu jaarsolii deeggaruu fi hojii isaan jabaatanii hojjetaniif isaan galateeffachuudhaan akka isaan kabajnu argisiisuu dandeenya (Keeyyata 13-14 ilaali)


NAMOOTA DHUGAA BAATOTA YIHOWAA HIN TAANE KABAJI

15. Namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane kabajuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

15 Haala rakkisaa. Yeroo baayʼee tajaajilarratti namoonni dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif homaa jaalala kan hin qabne fakkaatan nu mudatu. (Efe. 4:18) Namoonni tokko tokko ergaa keenya dhagaʼuu kan hin barbaanne akkaataa guddinaa isaaniitiin kan kaʼedha. Hooggantoota keenyaa fi barsiisota mana barumsaa keenya tokko tokko gammachiisuun ulfaataa taʼuu dandaʼa; namoota nu wajjin hojjetanii fi nu faana baratan wajjin walii galuunis rakkisaa taʼuu dandaʼa. Yeroon darbaa yommuu deemu kabajni namoota akkasiitiif qabnu hirʼachaa deemuudhaan gaarummaadhaan isaan qabuu dhiisuu dandeenya.

16. Namoota Yihowaa hin tajaajilletti kabaja argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (1 Pheexiros 2:12; 3:15)

16 Kabaja argisiisuu kan qabnu maaliifi? Yihowaan akkaataa itti namoota isa hin waaqeffanne qabnuuf xiyyeeffannaa akka kennu yaadadhu. Pheexiros ergamaan Kiristiyaanonni amala gaarii qabaachuunsaanii warri kaan Waaqayyoof ‘ulfina kennuuf’ isaan kakaasuu akka dandaʼu isaan yaadachiiseera. Kanaafuu, waaʼee amantiisaanii warra kaaniif ibsuu kan qaban “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” taʼuu akka qabu isaan gorseera. (1 Pheexiros 2:12; 3:15 dubbisi.) Kiristiyaanonni mana murtiitti dhihaatanii waaʼee amantiisaanii yeroo falmanittis taʼe nama tokko wajjin yeroo mariʼatanitti yeroo hundumaa warra kaan kabajuu qabu. Yihowaan wanta nuti dubbannu ni dhagaʼa, akkaataa itti dubbannus ni ilaala. Sababii guddaan namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane kabajuu itti qabnu inni tokko kanadha.

17. Namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanetti kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Kabaja argisiisuun kan dandaʼamu akkamitti? Tajaajilarratti yeroo hirmaannu namoota waaʼee Kitaaba Qulqulluu baayʼee hin beekne ykn homaa hin beekne akka tuffannu karaa argisiisuun dubbachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, warri kaan Waaqayyo duratti iddoo guddaa akka qabanii fi akka nu caalan goonee yaaduu barbaanna. (Hag. 2:7; Filp. 2:3) Namni tokko sababii amantii keetiin yoo si arrabse dubbii ciigoo fayyadamtee haaloo baʼuuf hin yaalin. (1 Phe. 2:23) Wanta booda itti gaabbitu yoo dubbatte dafii dhiifama gaafadhu. Namoota si wajjin hojjetanitti kabaja argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Hojii kee jabaadhuu hojjedhu, akkasumas namoota wajjin hojjettuu fi namoota si hojjechiisaniif ilaalcha gaarii qabaachuuf yaali. (Tit. 2:9, 10) Hojii kee amanamummaa fi ciminaan yeroo hojjettu namoonni gammaduus, gammaduu dhiisuus ni dandaʼu; Waaqayyo garuu sitti gammada.—Qol. 3:22, 23.

18. Warra kaaniif kabaja qabaachuunii fi argisiisuun gaarii kan taʼe maaliifi?

18 Warra kaaniif kabaja qabaachuuf, akkasumas isaanitti argisiisuuf sababii gaʼaa qabna. Maatii keenya yeroo kabajnu, Yihowaa isa Mataa maatii keenyaa taʼeef ulfina akka kenninu ilaalleerra. Haaluma wal fakkaatuun, obboloota hafuuraa keenyatti kabaja yeroo argisiisnu, Abbaa keenya isa samiitiif ulfina kennina. Akkasumas namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanetti kabaja argisiisuun keenya Waaqa keenya isa guddaadhaaf ulfina akka kennan isaan kakaasuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko deebisanii kabaja nutti argisiisuu yoo baatanillee, kabaja isaaniif qabaachuunii fi isaanitti argisiisuun keenya gaariidha. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan nu eebbisa. Inni, “Ani warra ulfina naa kennaniif ulfina nan kenna” jechuudhaan waadaa galeera.—1 Sam. 2:30.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Miseensota maatii keenyatti kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Obboloota keenyatti kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanetti kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi