LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lvs ful. 3
  • Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame
  • Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • “Jaalala Waaqayyoo” dubbisi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jaalalli Waaqayyoo Bara Baraaf Jiraata
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eeguu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Jaalalli Waaqayyoo Isakana’oo”
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
lvs ful. 3

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Namoota Yihowaa fi Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe jaallataniif:

Yesuus, “Dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” jedheera. (Yohaannis 8:32) Yeroo jalqabaatiif dhugaa Kitaaba Qulqulluu yommuu argatte wanta sitti dhagaʼame yaadi! Addunyaa sobaan guutame keessatti, dhugaa barachuu akka dandeenyu beekuun nama gammachiisa.—2 Ximotewos 3:1.

Waaqni keenya Yihowaan dhugaa akka beeknu barbaada. Nutis namoota waan jaallannuuf waaʼee dhugaa isaanitti himuu barbaanna. Taʼus, Waaqayyoon tajaajiluun kana caalaa waan dabalatu qaba. Dhugaa buʼuuraa Yihowaatiif kabaja guddaa waan qabnuuf, akka Kiristiyaana tokkootti jiraachuuf waan dandeenye hunda gochuu qabna. Yesuus karaa barbaachisaa Waaqayyoon akka jaallannu itti mirkaneessinu tokko ibseera. “Akkuman ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu” jedheera.—Yohaannis 15:10.

Yesuus Abbaa isaa dhugumaan ni jaallata, wanta Abbaan isaa akka inni hojjetu isa gaafatu hundumaas ni raawwata. Akkaataa jireenyaa keenyaan fakkeenya Yesuus yoo hordofne, Yihowaan nu jaallata, nutis dhugumaan ni gammadna. Akkuma Yesuus dubbate, “isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha.”—Yohaannis 13:17.

Kitaabni kun, dhugaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuu akka barattanii fi michuu Waaqayyoo akka taatan isin gargaara jennee abdanna. Jaalala Waaqayyoof qabdan akka guddifattanii fi ‘jireenya bara baraa argachuuf, jaalala Waaqayyoo keessa’ jiraachuuf akka isin gargaaru kadhannaa keenya dha.—Yihudaa 21.

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi