LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rr ful. 212
  • Biyyattii Hihiruu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Biyyattii Hihiruu
  • Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iddoo amansiisaa fi hojii guddaa
  • Dhaala wal qixa taʼe
  • ‘Biyyattii Dhaala Godhaa Hihiraa’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • “Maqaan Magaalaa Sanaa Yihowaan Achi Jira kan Jedhu ni Taʼa”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Barumsa Raajii Yaaqoob Dubbaterraa Argannu—Kutaa 2
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
Dabalataan Ilaaluuf
Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
rr ful. 212
Namichi bifti isaa sibiila diimaa fakkaatu tokko lafa dhaalamu Hisqiʼelitti argisiisaa jira.

SAANDUQA 20A

Biyyattii Hihiruu

Daangaawwan qixxeetti safaraman ilaalchisee ibsi kenname, biyyi isaanii ishiin jaallatamtuun deebitee akka hundeeffamtu namoota boojiʼamaniif mirkaneesseera. Yeroo harʼaatti mulʼata kana irraa barumsa akkamii arganna? Mee qabiyyee mulʼata kanaa lamaan haa ilaallu:

Akka Hisqiʼel barreessetti kaartaa daangaawwan lafa Yihudoota boojuudhaa deebiʼaniif hihiramee argisiisu. Lafti dhaalaan kennamu kaaba biyyattii irraa jalqabee hamma kibbaatti gosoota 12niif, jechuunis gosa Daan irraa eegalee Asheeriif, Niftaalemiif, Minaaseedhaaf, Efreemiif, Ruubeniif, Yihudaadhaaf, Lafa Buusii Taʼuuf (naannoo bulchiinsaatiif), Biiniyaamiif, Simiʼooniif, Yisaakoriif, Zaabilonii fi Gaadiif qixxeetti kan hiramu taʼa.

Iddoo amansiisaa fi hojii guddaa

Namoonni boojuudhaa deebiʼan hundi Biyyattii Abdachiifamtee fi deebitee hundeeffamtu keessatti dhaala ni qabaatu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis tajaajiltoonni Yihowaa hundi jannata hafuuraa keessatti iddoo qabu. Gaʼeen jaarmiyicha keessatti qabnu hammam iyyuu xinnoo yoo taʼe, biyya hafuuraa keessatti iddoo amansiisaa fi hojii guddaa qabna. Tajaajiltoonni Yihowaa hundi isa biratti wal qixa gatii guddaa qabu.

Dhaala wal qixa taʼe

Mulʼata Hisqiʼel keessatti namoonni naannoo Biyyattii Abdachiifamtee fi deebitee hundeeffamtu hunda keessa jiraatan oomisha biyyattii irraa wal qixa fayyadamu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis Yihowaan tajaajiltoonni isaa hundi eebbawwan jannata hafuuraa irraa wal qixa akka fayyadaman godheera.

Gara boqonnaa 20, keeyyata 5-11tti deebiʼi

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi