LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Waxabajjii ful. 8-13
  • Barumsa Raajii Yaaqoob Dubbaterraa Argannu—Kutaa 2

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Raajii Yaaqoob Dubbaterraa Argannu—Kutaa 2
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ZAABILOON
  • YISAAKOR
  • DAAN
  • GAAD
  • ASHEER
  • NIFTAALEM
  • YOSEEF
  • BIINIYAAM
  • Barumsa Raajii Yaaqoob Dubbaterraa Argannu—Kutaa 1
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yaaqoob Maatii Guddaa Qaba
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Waxabajjii ful. 8-13

MATA DUREE QOʼANNAA 25

FAARFANNAA 96 Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha

Barumsa Raajii Yaaqoob Dubbaterraa Argannu—Kutaa 2

“Inni eebba isaaniif malu tokkoon tokkoon isaaniitiif ni kenne.”—UMA. 49:28.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti raajii Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti ilmaansaa saddeettan ilaalchisee dubbaterraa barumsa akkamii akka argannu ilaalla.

1. Mata duree kana keessatti raajii Yaaqoob dubbate isa kamirratti mariʼanna?

ILMAAN Yaaqoob abbaansaanii inni maanguddoo taʼe tokkoon tokkoonsaanii yeroo eebbisu isa biratti walitti qabamanii dhaggeeffachaa jiru. Mata duree darberratti akkuma ilaalle wanti Yaaqoob Ruuben, Simiʼoon, Leewwii fi Yihudaa ilaalchisee dubbate ilmaansaa ajaaʼibsiisee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, ilmaansaa saddeettan warra hafan ilaalchisee maal jedha laata jedhanii yaadanii taʼuu qaba. Mee wanta Yaaqoob Zaabiloon, Yisaakor, Daan, Gaad, Asheer, Niftaalem, Yoseefii fi Biiniyaam ilaalchisee dubbaterraa maal akka barannu haa ilaallu.a

ZAABILOON

2. Yaaqoob waaʼee Zaabiloon maal jedhe? Wanti inni dubbate kan raawwatame hoo akkamitti? (Uumama 49:13) (Saanduqas ilaali.)

2 Uumama 49:13 dubbisi. Yaaqoob sanyiin Zaabiloon qarqara galaanaa akka jiraatan dubbateera. Dhaallisaanii Biyyattii Abdachiifamte keessa kallattii kaabaatiin argama. Gosti Zaabiloon gara waggaa 200 booda Galaana Galiilaa fi Galaana Meditiraaniyaa gidduudhaa dhaalasaa argate. Museen, “Yaa Zaabiloon, gad baʼuu keetti gammadi” jedhee raajii dubbateera. (Kes. 33:18) Kunis dhaalli Zaabiloon galaana lamaan gidduutti waan argamuuf bakka daldalaaf mijatu akka taʼe dubbachuusaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, sanyiiwwan Zaabiloon gammaduuf sababii gaʼaa qabu turan.

Raajii Yaaqoob Dubbate

Zaabiloon.

Ilma

Zaabiloon

Raajii

“Zaabiloon qarqara galaanaa . . . jiraata; daangaan isaa inni fagoonis gara kallattii Siidoon ni taʼa.”—Uma. 49:13.

Raawwii

Zaabiloon kallattii kaabaatiin Galaana Galiilaa fi Galaana Meditiraaniyaa gidduu jiraate.—Iya. 19:10-16.

3. Wanta qabnutti gammannee jiraachuuf maaltu nu gargaara?

3 Barumsa argannu. Bakki jiraannu eessayyuu yoo taʼe ykn haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe gammachuu qabaachuu ni dandeenya. Wantoota gaggaarii qabnurratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe gammachuu qabaannee itti fufuu ni dandeenya. (Far. 16:6; 24:5) Yeroo tokko tokko wantoota gaggaarii qabnurratti utuu hin taʼin wantoota hin qabnerratti xiyyeeffachuun nutti salphachuu dandaʼa. Kanaafuu, wantoota gaggaarii argatterratti xiyyeeffachuuf yaali.—Gal. 6:4.

YISAAKOR

4. Yaaqoob Yisaakoriin ilaalchisee raajii akkamii dubbate? Wanti inni dubbate hoo kan raawwatame akkamitti? (Uumama 49:14, 15) (Saanduqas ilaali.)

4 Uumama 49:14, 15 dubbisi. Yaaqoob harree lafee cimaa qabduu fi baʼaa ulfaataa baachuu dandeessutti isa fakkeessuudhaan Yisaakor jabaatee hojjechuusaatiif isa dinqisiifateera. Kana malees, Yaaqoob Yisaakor lafa nama gammachiisu akka argatu dubbateera. Akkuma Yaaqoob dubbate sanyiiwwan Yisaakor lafa gabbataa oomisha gaarii kennuu fi Laga Yordaanos biratti argamu argataniiru. (Iya. 19:22) Lafasaanii misoomsuuf jabaatanii akka hojjetan ifadha; taʼus warra kaan gargaaruufis cimanii hojjetaniiru. (1 Mot. 4:7, 17) Fakkeenyaaf, akkuma bara Baaraaqii fi Dibooraa raajittiitti godhan gosti Yisaakor sabicha wajjin taʼanii waraanarratti hirmaachuuf qophaaʼoo turan.—Abo. 5:15

Raajii Yaaqoob Dubbate

Yisaakor.

Ilma

Yisaakor

Raajii

“Baʼaa baachuuf gateettii isaa gad ni qaba.”—Uma. 49:14, 15.

Raawwii

Yisaakor sabicha fayyaduuf jabaatee hojjeteera.—Abo. 5:15; 1 Mot. 4:1, 7, 17.

5. Jabaannee hojjechuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

5 Barumsa argannu. Yihowaan akkuma carraaqqii gosti Yisaakor godheef iddoo guddaa kenne, carraaqqii nuti tajaajilasaa keessatti goonuufis iddoo guddaa kenna. (Lal. 2:24) Mee obboloota gumii gargaaruuf jabaatanii hojjetan akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (1 Xim. 3:1) Obboloonni kun kallattiidhaan waraanarratti kan hin hirmaanne taʼus saba Waaqayyoo balaa hafuuraarraa eeguuf jabaatanii hojjechuu qabu. (1 Qor. 5:1, 5; Yih. 17-23) Gumicha cimsuuf jecha haasaawwan nama jajjabeessan qophaaʼanii dhiheessuufis jabaatanii hojjetu.—1 Xim. 5:17.

DAAN

6. Gosa Daaniif itti gaafatamummaa akkamiitu kenname? (Uumama 49:17, 18) (Saanduqas ilaali.)

6 Uumama 49:17, 18 dubbisi. Yaaqoob Daaniin bofa diinotasaa warra isa caalan, kanneen akka fardaa fi abbaa fardaa idduu dandaʼutti fakkeesseera. Daan onnataa fi diinota Israaʼel haleeluuf kan qophaaʼe ture. Israaʼelonni gara Biyyattii Abdachiifamteetti yeroo imalaa turanitti gosti Daan sabichaaf “karaa duubaatiin eegduu” taʼeera. (Lak. 10:25) Gosoonni kaan wanta gosti Daan raawwate guutummaatti arguu baatanis itti gaafatamummaan isaaf kenname baayʼee barbaachisaa ture.

Raajii Yaaqoob Dubbate

Daan.

Ilma

Daan

Raajii

‘Daan koomee fardaa hidda.’—Uma. 49:16-18.

Raawwii

Daan sabichi gara Biyyattii Abdachiifamteetti yeroo imalu “karaa duubaatiin eegduu” taʼee tajaajileera.—Lak. 10:25.

7. Hojii tajaajila Yihowaa keessatti nuuf kennamu kamiifiyyuu ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

7 Barumsa argannu. Hojii warra kaan biratti ifatti hin mulʼanne tokko hojjettee beektaa? Tarii Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuurratti hirmaattee, walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoorratti gargaarsa gootee ykn hojii kan biraarratti hirmaattee beekta taʼa. Taanaan, baayʼee si galateeffanna! Yihowaan wanta isaaf gootu kamiyyuu akka hubatuu fi iddoo guddaa akka kennuuf yeroo hunda yaadadhu. Keessumaammoo warri kaan akka si jajaniif utuu hin taʼin, jaalala isaaf qabduun kakaatee yeroo isa tajaajiltu baayʼee dinqisiifata.—Mat. 6:1-4.

GAAD

8. Gosti Gaad Biyyattii Abdachiifamte keessatti haleellaadhaaf akka saaxilamu wanti godhe maalidha? (Uumama 49:19) (Saanduqas ilaali.)

8 Uumama 49:19 dubbisi. Yaaqoob tuutni weerartootaa Gaadiin akka saaman raajii dubbateera. Jaarraa lama booda gosti Gaad lafa Laga Yordaanosirraa kallattii bahaatiin argamuu fi daangaa diinota Israaʼel biratti argamu dhaalan. Bakki isaan jiraatan kun haleellaadhaaf akka saaxilaman kan godhu ture. Taʼus gosti Gaad bakki sun beeladoota isaaniitiif lafa dheedichaa gaarii waan qabuuf achi jiraachuu barbaadan. (Lak. 32:1, 5) Warri Gaad namoota onnatoo akka turan haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Hunda caalaammoo Yihowaan lafa inni isaaniif kenne tuuta weerartootaarraa eeguurratti akka isaan gargaaru amantii qabu turan. Gosoonni kaan lafa kallattii dhiha Yordaanosiin argamu injifatanii hamma qabatanitti gosti Daan loltootasaanii erguudhaan waggoota hedduudhaaf isaan gargaaraniiru. (Lak. 32:16-19) Yeroo isaan hin jirre kanatti Yihowaan haadhotii manaasaanii fi ijoolleesaanii akka isaaniif eegu amanannaa qabu turan. Yihowaan ija jabina argisiisanii fi aarsaa kaffalaniif isaan eebbiseera.—Iya. 22:1-4.

Raajii Yaaqoob Dubbate

Gaad.

Ilma

Gaad

Raajii

“Tuutni weerartootaa isa ni saamu.”—Uma. 49:19.

Raawwii

Gaad baha Yordaanos bakka haleellaadhaaf saaxilame keessa jiraate.—Iya. 13:24-28.

9. Amanannaan Yihowaarratti qabnu murtoo jireenya keenya keessatti goonurratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

9 Barumsa argannu. Haalawwan rakkisaa taʼan keessatti Yihowaa tajaajiluuf isatti amanamuu keenya itti fufuu qabna. (Far. 37:3) Obboloonni hedduun hojii ijaarsa tiʼookraasiirratti hirmaachuuf, bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluuf ykn hojii kan biraarratti hirmaachuuf aarsaa kaffaluudhaan Yihowaatti akka amanaman argisiisaa jiru. Kana kan godhan Yihowaan yeroo hundumaa akka isaan kunuunsu amanannaa waan qabaniifi.—Far. 23:1.

ASHEER

10. Gosti Asheer utuu maal hin godhin hafeera? (Uumama 49:20) (Saanduqas ilaali.)

10 Uumama 49:20 dubbisi. Yaaqoob gosti Asheer sooressa akka taʼu dubbateera; wanti taʼes kanuma. Dhaalli gosa Asheeriif kenname guutummaa Israaʼel keessaa lafa baayʼee gabbataa taʼedha. (Kes. 33:24) Kana malees, laftisaa Galaana Meditiraaniyaa biratti argama; buufata doonii Siidoon isa warra Fiinqees ni dabalata. Haa taʼu malee, warri Asheer Kanaʼaanota biyyattii keessaa utuu hin ariʼin hafaniiru. (Abo. 1:31, 32) Qabeenyasaanii dabalatee dhiibbaa gadheen Kanaʼaanonni isaanirraan geessisan gosti kun waaqeffannaa qulqulluudhaaf hinaaffaa guddaa akka hin qabaanne godheera. Baaraaq inni abbaa murtii ture Kanaʼaanota waraanuuf yeroo loltoonni isa barbaachisanitti warri Asheer gargaarsa utuu hin godhin hafaniiru. Kanaan kan kaʼes, injifannoo guddaa “laga Megidoo biratti” argamerraa utuu hin hirmaatin hafaniiru. (Abo. 5:19-21) Baaraaqii fi Dibooraan faaruu injifannoo yaada, “Asheer hojii hiikee qarqara galaanaa taaʼeera” jedhu qabu yeroo faarfatan dhagaʼuun isaan qaanessee taʼuu qaba.—Abo. 5:17.

Raajii Yaaqoob Dubbate

Asheer.

Ilma

Asheer

Raajii

“Asheer nyaanni isaa baayʼee ni taʼa.”—Uma. 49:20.

Raawwii

Asheer Biyyattii Abdachiifamte keessatti badhaadhina argateera.—Kes. 33:24.

11. Qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan qabnu maaliifi?

11 Barumsa argannu. Wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuu barbaanna. Kana gochuuf ilaalcha addunyaan maallaqaa fi qabeenyaaf qaburraa fagaachuu qabna. (Fak. 18:11) Maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf carraaqqii goona. (Lal. 7:12; Ibr. 13:5) Wantoota dirqama nu hin barbaachisne argachuuf jennee yeroo fi humna keenya qisaasessuu hin qabnu. Kanaa mannaa, jireenyi mijataanii fi amansiisaan gara fuulduraatti akka nu eeggatu waan beeknuuf yeroo ammaatti yeroo fi humna keenya Yihowaadhaaf kennuuf carraaqqii goona.—Far. 4:8.

NIFTAALEM

12. Wanti Yaaqoob Niftaalemiin ilaalchisee dubbate kan raawwatame akkamitti? (Uumama 49:21) (Saanduqas ilaali.)

12 Uumama 49:21 dubbisi. Yaaqoob Niftaalem “dubbii namatti tolu” akka dubbatu caqaseera; kunis akkaataa itti Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti dubbate kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yesuus inni karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiisuudhaan beekamu magaalaa Qifirnaahom ishii naannoo Niftaalem keessatti argamtu “magaalaa isaa” godhatee ture. (Mat. 4:13; 9:1; Yoh. 7:46) Isaayyaas raajii waaʼee Masiihichaa dubbate keessatti warri Zaabiloonii fi Niftaalem “ifa guddaa” akka argan caqaseera. (Isa. 9:1, 2) Yesuus barumsasaatiin ‘ifa isa dhugaa akaakuu namootaa hundumaatiif ifa kennu’ taʼeera.—Yoh. 1:9.

Raajii Yaaqoob Dubbate

Niftaalem.

Ilma

Niftaalem

Raajii

“Inni dubbii namatti tolu dubbata.”—Uma. 49:21.

Raawwii

Yesuus yeroo lafarra turetti naannoo Niftaalem keessa yeroo dheeraa tajaajileera.—Mat. 4:13; 9:1.

13. Dubbiin keenya Yihowaa akka gammachiisu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Barumsa argannu. Yihowaan wanta dubbannuu fi akkaataa itti dubbannuuf xiyyeeffannaa ni kenna. “Dubbii namatti [toluu]” fi Yihowaa gammachiisu dubbachuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, dhugaa dubbachuu qabna. (Far. 15:1, 2) Galateeffachuuf ariifatoo, qeequuf ykn gungumuuf garuu suuta jechuudhaan dubbii keenyaan warra kaan ijaaruu dandeenya. (Efe. 4:29) Akkasumas marii dhugaa baʼuuf nu dandeessisu jalqabuurratti dandeettii keenya fooyyeffachuuf galma baafachuu dandeenya.

YOSEEF

14. Raajiin Yoseefiin ilaalchisee dubbatame kan raawwatame akkamitti akka taʼe ibsi. (Uumama 49:22, 26) (Saanduqas ilaali.)

14 Uumama 49:22, 26 dubbisi. Yaaqoob Yoseefitti baayʼee akka boonu ifadha. Yihowaan Yoseefiin ‘obboloota isaa irraa addaan baasee’ karaa adda taʼeen isatti fayyadameera. Yaaqoob, “latii muka firii godhatuu” jedhee isa waameera. Mukti sun Yaaqoobi; Yoseefimmoo latii isaati. Yoseef ilma angafaa Raahel ishii haadha manaa Yaaqoob taateeti. Yaaqoob, Yoseef dhaala dachaa Ruuben inni ilma angafaa Liyaa taʼe dhabe akka argatu dubbateera. (Uma. 48:5, 6; 1 Sen. 5:1, 2) Ilmaan Yoseef kan taʼan Efreemii fi Minaaseen dhuunfaatti dhaala yeroo argatanitti raajiin kun raawwatameera.—Uma. 49:25; Iya. 14:4.

Raajii Yaaqoob Dubbate

Yoseef.

Ilma

Yoseef

Raajii

“Eebbawwan kun mataa Yoseef . . . isa obboloota isaa irraa addaan baafame sanaa irra ni taʼu.”—Uma. 49:22-26.

Raawwii

Yoseef mirga angafummaa argateera; ilmaansaa lamaanis gosoota of dandaʼan lama taʼaniiru.—Iya. 14:4; 1 Sen. 5:1, 2.

15. Yoseef jalʼinni haqaa yeroo isarratti raawwatametti maal godhe?

15 Yaaqoob warri xiyya darbatan xiyyasaanii ‘Yoseefitti akka darbatanii fi diinummaas akka isatti argisiisan’ dubbateera. (Uma. 49:23) Warri xiyya darbatan kun obbolootasaa isatti hinaafanii fi jalʼina haqaa isarra gaʼe hedduudhaaf itti gaafataman argisiisa. Taʼus, Yoseef obbolootasaas taʼe Yihowaa hin komanne. Akkuma Yaaqoob dubbate, “iddaan [Yoseef] iddoo isaatii hin sochoʼu; harki isaas jabaa fi saffisa kan qabu akkuma taʼetti itti fufa.” (Uma. 49:24) Yoseef yeroo rakkinni isarra gaʼetti Yihowaatti amanameera; obbolootasaatiif dhiifama gochuu qofa utuu hin taʼin gaarummaas isaanitti argisiiseera. (Uma. 47:11, 12) Yoseef qorumsi isarra gaʼe akka isa qulqulleessu heyyameera. (Far. 105:17-19) Kanaan kan kaʼes, Yihowaan akka gaariitti isatti fayyadamuu dandaʼeera.

16. Yeroo qorumsi nurra gaʼu fakkeenya Yoseef hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Barumsa argannu. Qorumsi nurra gaʼu Yihowaa irraas taʼe obboloota keenyarraa akka nu fageessu heyyamuu hin qabnu. Yihowaan nu leenjisuuf qorumsi amantii akka nurra gaʼu heyyamuu akka dandaʼu yaadadhu. (Ibr. 12:7, milj.) Leenjiin kun amaloota Kiristiyaanaa kanneen akka gara laafinaa fi dhiifama gochuu jiran akka horannuu fi akka fooyyeffannu nu gargaaruu dandaʼa. (Ibr. 12:11) Yihowaan akkuma Yoseefiin eebbise nutis jabaannee dhaabbachuu keenyaaf nu badhaasa.

BIINIYAAM

17. Raajiin Yaaqoob Biiniyaamiin ilaalchisee dubbate kan raawwatame akkamitti? (Uumama 49:27) (Saanduqas ilaali.)

17 Uumama 49:27 dubbisi. Yaaqoob warri Biiniyaam akkuma yeeyyii dandeettii lolaa guddaa akka qabaatan dubbateera. (Abo. 20:15, 16; 1 Sen. 12:2) Gosti Biiniyaam Saaʼol isa mootii Israaʼel jalqabaa taʼe kan argamsiise seenaa mootummaa Israaʼel keessatti gara ‘ganamaa’ ture. Saaʼol Filisxeemota waraanuudhaan loltuu cimaa taʼuusaa argisiiseera. (1 Sam. 9:15-17, 21) Asteer Mootittii fi Muummicha Ministeeraa kan taʼe Mordekaay warri gosa Biiniyaam taʼan Bulchiinsa Faarsi jalatti Israaʼelota badiisarraa kan oolchan seenaa mootummaa Israaʼel keessatti gara ‘galgalaa’ ture jechuun ni dandaʼama.—As. 2:5-7; 8:3; 10:3.

Raajii Yaaqoob Dubbate

Biiniyaam.

Ilma

Biiniyaam

Raajii

“Inni ganama wanta adamse ni nyaata; galgala immoo boojuu ni hihira.”—Uma. 49:27.

Raawwii

Saaʼol mootii Israaʼel isa jalqabaa ture. (1 Sam. 9:15-17) Yeroo booda Asteerii fi Mordekaay saba Yihowaa oolchaniiru.—As. 2:5-7; 8:3; 10:3.

18. Qophii Yihowaa amanamummaadhaan deeggaruu irratti fakkeenya warra Biiniyaam hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Barumsa argannu. Warri Biiniyaam namni gosasaanii mootii taʼee yeroo argan baayʼee akka boonan ifadha. Haa taʼu malee, Yihowaan Daawit inni gosa Yihudaa taʼe mootii akka taʼu yeroo godhetti warri Biiniyaam jijjiirama kana deeggaraniiru. (2 Sam. 3:17-19) Waggoota hedduu booda gosoonni kaan yeroo fincilanitti warri Biiniyaam Yihudaa fi mootii Yihowaan muude amanamummaadhaan deeggaraniiru. (1 Mot. 11:31, 32; 12:19, 21) Nutis obboloota Yihowaan yeroo harʼaatti sabasaa geggeessuuf muude amanamummaadhaan haa deeggarru.—1 Tas. 5:12.

19. Raajiin Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti dubbate kan nu fayyadu akkamitti?

19 Raajiin Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti dubbate nu fayyada. Raajiiwwan kun raawwiisaanii kan argatan akkamitti akka taʼe qoruun keenya raajiiwwan Dubbii Yihowaa keessatti argamanirratti amanannaa qabnu nuuf cimsa. Ilmaan Yaaqoob eebba kan argatan akkamitti akka taʼe ilaaluun keenyas Yihowaa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti hubachuuf nu gargaara.

RAAJII YAAQOOB ILMAANSAA ARMAAN GADITTI IBSAMAN ILAALCHISEE DUBBATERRAA MAAL BARATTE?

  • Zaabiloon, Yisaakorii fi Daan

  • Gaad, Asheerii fi Niftaalem

  • Yoseefii fi Biiniyaam

FAARFANNAA 128 Hamma Dhumaatti Jabaachuu

a Yaaqoob Ruuben, Simiʼoon, Leewwii fi Yihudaa angafarraa kaasee hamma quxusuutti erga eebbisee booda, ilmaansaa warra hafan eebbisuuf duraa duuba isaan itti dhalatan hin hordofne.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi