MATA DUREE QOʼANNAA 24
FAARFANNAA 98 Kitaabni Qulqulluun Hafuuraan Barreeffame
Barumsa Raajii Yaaqoob Dubbaterraa Argannu—Kutaa 1
“Wanta guyyoota dhumaatti isin mudatu akkan isinitti himuuf walitti qabamaa.”—UMA. 49:1.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti raajii Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti Ruuben, Simiʼoon, Leewwii fi Yihudaa ilaalchisee dubbaterraa maal akka barannu ilaalla.
1-2. Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti maal godhe? Maaliif? (Fakkii ilaali.)
YAAQOOB inni tajaajilaa Yihowaa amanamaa taʼe, maatiisaa wajjin Kanaʼaanii gara Gibxiitti erga galee gara waggaa 17 taʼeera. (Uma. 47:28) Yeroo kanatti ilmasaa Yoseef isa jaallatuu wajjin deebiʼee wal arguusaattii fi guutummaan maatiisaa deebiʼee wal faana taʼuusaatti baayʼee gammadee ture. Amma garuu Yaaqoob duʼuuf akka jedhu isatti dhagaʼame. Kanaafuu, wanta barbaachisaa taʼe tokko isaanitti himuuf ilmaansaa hunda walitti qabe.—Uma. 49:28.
2 Bara sanatti mataan maatii duʼuu jala gaʼe tokko miseensota maatiisaa walitti qabee qajeelfama isaaniif kenna ture. (Isa. 38:1) Yeroo akkasiitti erga inni duʼee booda maaticha kan geggeessu eenyu akka taʼe dubbachuu dandaʼa.
Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti waaʼee ilmaansaa 12 raajii dubbachaa jira (Keeyyata 1-2 ilaali)
3. Wanta Yaaqoob Uumama 49:1, 2rratti dubbaterraa maal baranna?
3 Uumama 49:1, 2 dubbisi. Walgaʼiin maatii kun adda ture. Yaaqoob raajiidha. Walgaʼii maatii kanarratti Yihowaan tajaajilaansaa kun wanta gara fuulduraatti sanyiisaa mudatu ilaalchisee raajii akka dubbatu isa kakaaseera. Kanaafuu, yaanni Yaaqoob ilmaansaatti dubbate raajii ture.
4. Raajii Yaaqoob dubbate yommuu qorru maal sammuutti qabachuu qabna? (Saanduqa, “Maatii Yaaqoob” jedhus ilaali.)
4 Mata duree kana keessatti wanta Yaaqoob ilmaansaa arfan, jechuunis Ruuben, Simiʼoon, Leewwii fi Yihudaa ilaalchisee dubbate qorra. Mata duree ittaanurratti immoo, wanta Yaaqoob ilmaansaa hafan saddeettan ilaalchisee dubbate qorra. Akkuma ittaansinee ilaallu Yaaqoob kan dubbate waaʼee ilmaansaa qofa utuu hin taʼin, waaʼee sanyiiwwan isaanii yeroo booda saba Israaʼel argamsiisaniiti. Seenaa sabichaa qoruun keenya raajiin Yaaqoob dubbate akkamitti akka raawwatame ifa nuuf godha. Wanta Yaaqoob dubbate kana qoruudhaan barumsa barbaachisaa Abbaa keenya isa samii gammachiisuuf nu gargaaru argachuu dandeenya.
RUUBEN
5. Ruuben abbaansaa mirga akkamii akka isaaf kennu eegee taʼuu dandaʼa?
5 Yaaqoob, Ruubeniin “Ati ilma angafaa koo ti” jechuudhaan dubbachuu jalqabe. (Uma. 49:3) Ruuben angafa waan taʼeef qabeenya abbaasaa dachaa lama akka argatu yaadee taʼuu hin oolu. Akkasumas abbaansaa erga duʼee booda geggeessaa maatichaa akka taʼuu fi mirga kanas sanyiiwwan isaatti akka dabarsu eegee taʼuu dandaʼa.
6. Ruuben dhaala angafa taʼuusaatiin argachuu qabu kan dhabe maaliifi? (Uumama 49:3, 4)
6 Haa taʼu malee, Ruuben dhaala angafa taʼuusaatiin argachuu qabu dhabeera. (1 Sen. 5:1) Maaliif? Waggoota muraasa dura saajjatoo abbaasaa Biilhaa jedhamtuu wajjin saalqunnamtii raawwatee ture. Biilhaan tajaajiltuu Raahel turte; Raahelimmoo yeroo sanatti lubbuudhaan hin jirtu turte. (Uma. 35:19, 22) Ruuben ilma Liyaati; Liyaanimmoo haadha manaa Yaaqoob ishii kan biraadha. Ruuben kana kan godhe tarii fedhii saalaasaa toʼachuu waan dadhabeef taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo Yaaqoob Biilhaa akka jibbuu fi haadhasaa caalaatti akka jaallatu gochuuf taʼuu dandaʼa. Sababnisaa maaliyyuu haa taʼuu, wanti inni raawwate kun Yihowaa fi abbaasaa baayʼee gaddisiiseera.—Uumama 49:3, 4 dubbisi.
7. Raajiin Ruubenii fi sanyiiwwansaa ilaalchisee dubbatame kan raawwatame akkamitti? (Saanduqa, “Raajii Yaaqoob Dubbate” jedhus ilaali.)
7 Yaaqoob, Ruubeniin “Ol aantummaa hin qabaattu” jedheera. Raajiin kun raawwatameera. Sanyii Ruuben keessaa mootii, luba ykn raajii namni taʼe akka jiru wanti argisiisu hin jiru. Taʼus Yaaqoob, Ruubeniif dhaala kenneera; maatiin Ruuben gosoota Israaʼel keessaa tokko taʼuu dandaʼeera. (Iya. 12:6) Ruuben haalawwan kan biroo keessatti amaloota gaggaarii akka qabu argisiiseera; sana booda deebiʼee halalummaa akka raawwate wanti argisiisu hin jiru.—Uma. 37:20-22; 42:37.
8. Fakkeenya Ruubenirraa barumsawwan akkamii arganna?
8 Barumsa argannu. Amala of toʼachuu horachuu fi halalummaarraa fagaachuuf carraaqqii guddaa gochuu qabna. Cubbuu raawwachuuf yoo qoramne gochi keenya Yihowaa, maatii keenyaa fi warra kaanirratti miidhaa akkamii akka geessisu dhaabbannee yaaduu qabna. Akkasumas, ‘namni waanuma facaase sana akka haammatu’ yaadachuu qabna. (Gal. 6:7) Gama biraatiinimmoo wanti Ruubenirra gaʼe araara Yihowaa nu yaadachiisa. Yihowaan miidhaa dogoggorri keenya nurraan gaʼurraa kan nu hin eegne taʼus, carraaqqii wanta sirrii raawwachuuf goonu garuu nuuf eebbisa.
SIMIʼOONII FI LEEWWII
9. Yaaqoob Simiʼoonii fi Leewwiitti kan gadde maaliif ture? (Uumama 49:5-7)
9 Uumama 49:5-7 dubbisi. Ittaansuudhaan Yaaqoob Simiʼoonii fi Leewwiitti dubbate; haa taʼu malee, wanti inni dubbate akka inni isaanitti gadde kan argisiisu ture. Waggoota hedduu dura namichi Kanaʼaan Sheekem jedhamu intala Yaaqoob, Diinaa jedhamtu gudeedee ture. Ilmaan Yaaqoob hundi wanti obboleettii isaaniirratti raawwatame kun akka isaan aarse beekamaadha; Simiʼoonii fi Leewwiin garuu aariisaanii toʼachuu hin dandeenye. Sheekemii fi sabnisaa yoo dhaqna qabatan, isaanii fi maatii Yaaqoob gidduu nagaan akka jiraatu waadaa galuudhaan isaan gowwoomsan. Isaanis tole jedhan. Haa taʼu malee, utuma madaansaanii hin qoorin, Simiʼoonii fi Leewwiin, “goraadee isaanii fudhatanii eenyu iyyuu utuu isaan hin shakkin gara magaalattiitti seenanii dhiirota hundumaa ajjeesan.”—Uma. 34:25-29.
10. Simiʼoonii fi Leewwii ilaalchisee raajiin Yaaqoob dubbate raawwiisaa kan argate akkamitti? (Saanduqa, “Raajii Yaaqoob Dubbate” jedhus ilaali.)
10 Gochi gara jabinaa ilmaansaa lamaan raawwatan Yaaqoobiin baayʼee aarsee ture. Kanaafuu, guutummaa Israaʼel keessa akka bittinnaaʼanii fi akka faffacaʼan raajii dubbate. Raajiin inni dubbate kun waggaa 200 booda yeroo sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamtetti galetti raawwatameera. Dhaalli gosa Simiʼooniif kenname magaalota garaagaraa naannoo Yihudaa keessatti argamanidha. (Iya. 19:1) Dhaalli Leewwii immoo magaalota Israaʼel keessa faffacaʼanii jiran 48 ture.—Iya. 21:41.
11. Gosti Simiʼoonii fi Leewwii wantoota gaggaarii akkamii raawwataniiru?
11 Sanyiiwwan Simiʼoonii fi Leewwii dogoggora abbootiin isaanii raawwatan irra deebiʼanii hin raawwanne. Leewwonni hedduun amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffataniiru. Yeroo Museen Seericha Yihowaarraa fudhachuuf Gaara Siinaatti ol baʼee turetti, Israaʼelonni hedduun jabbii waaqeffachaa turan. Leewwonni garuu Musee cinaa hiriiruudhaan namoota jabbii waaqeffatan sana ajjeesaniiru. (Bau. 32:26-29) Yihowaan gosti Leewwii akka adda baʼu gochuudhaan mirga lubummaa isa iddoo guddaa qabu isaaniif kenneera. (Bau. 40:12-15; Lak. 3:11, 12) Yeroo booda yommuu Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamte dhaalanitti gosti Simiʼoon kaayyoo Yihowaa wajjin haala walsimuun gosa Yihudaa cinaa dhaabbatanii sodaa tokko malee lolaniiru.—Abo. 1:3, 17.
12. Fakkeenya Simiʼoonii fi Leewwiirraa barumsa akkamii arganna?
12 Barumsa argannu. Matumaa aariidhaan kakaatee murtoo tokko hin murteessin ykn tarkaanfii hin fudhatin. Namoonni yommuu si miidhan ykn nama jaallattu yommuu miidhan aaruun waanuma jirudha. (Far. 4:4) Haa taʼu malee, Yihowaan aariidhaan kakaanee wanta warra kaan miidhu yoo dubbanne ykn yoo raawwanne akka nutti hin gammanne yaadachuu qabna. (Yaq. 1:20) Gumii keessatti ykn gumiidhaa alatti jalʼinni haqaa yommuu nurratti raawwatamu, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuuf carraaqna. Kunimmoo miidhaa aariin toʼannaadhaa ala taʼe geessisu hambisa. (Rom. 12:17, 19; 1 Phe. 3:9) Warri kee wanta Yihowaa hin gammachiisne raawwachaa kan jiran yoo taʼellee, ati garuu wanta sirrii raawwachuuf filachuu ni dandeessa. Yihowaa gammachiisuu fi eebbasaa argachuu hin dandaʼu jettee hin yaadin. Yihowaan wanta sirrii akka gootu si gargaara; wanta sirrii raawwatteefis si eebbisa.
YIHUDAA
13. Yihudaan wanta abbaansaa isaan jedhu dhagaʼuuf yommuu dabareensaa gaʼetti maaltu isa yaaddessee taʼuu dandaʼa?
13 Yaaqoob ittaansuudhaan waaʼee ilmasaa Yihudaa dubbate. Yihudaan wanta Yaaqoob obbolaasaa warra hangafaa ilaalchisee dubbate erga dhagaʼee booda yaaddaʼee taʼuu dandaʼa. Kana malees, innis dogoggorawwan ciccimoo tokko tokko raawwateera. Yihudaanis magaalaa Sheekem saamuurratti hirmaateera. (Uma. 34:27) Obbolootasaa wajjin taʼuudhaan Yoseefiin garbummaatti gurgureera; akkasumas isaanii wajjin taʼuudhaan abbaasaa gowwoomseera. (Uma. 37:31-33) Boodas sagaagaltuu waan itti fakkaatteef haadha manaa ilmasaa wajjin saalqunnamtii raawwateera.—Uma. 38:15-18.
14. Yihudaan wantoota gaggaarii akkamii raawwateera? (Uumama 49:8, 9)
14 Haa taʼu malee, Yaaqoob Yihudaa jajeera; akkasumas innii fi maatiinsaa wantoota gaggaarii akka argatan raajii dubbateera. (Uumama 49:8, 9 dubbisi.) Yihudaan miira abbaasaanii isa maanguddoo tureef baayʼee akka yaadu argisiiseera. Kana malees, obboleessasaa isa quxusuu Biiniyaamiif akka yaadu argisiiseera.—Uma. 44:18, 30-34.
15. Wanti Yihudaa ilaalchisee dubbatame raawwiisaa kan argate akkamitti?
15 Yaaqoob, Yihudaan obbolootasaa gidduutti geggeessaa akka taʼu raajii dubbateera. Haa taʼu malee, raajiin dubbatame kun utuu hin raawwatamin yeroo dheeraan darbeera. Yihudaan geggeessuu akka jalqabe yeroo jalqabaatiif kan ibsame, waggaa 200 booda, jechuunis sabni Israaʼel Gibxiidhaa erga baʼanii boodadha; yeroo kanatti gosti Yihudaa Israaʼelota lafa onaa keessa geggeessee Biyyattii Abdachiifamtetti galcheera. (Lak. 10:14) Waggoota hedduu boodas Yihudaan Biyyattii Abdachiifamte weeraruurratti dursa fudhateera. (Abo. 1:1, 2) Daawit mootota hedduu gosa Yihudaa keessaa baʼan keessaa isa jalqabaa ture. Haa taʼu malee, raajiin Yihudaa ilaalchisee dubbatame raawwii kan biraas qaba.
16. Raajiin Uumama 49:10rratti dubbatame kan raawwatame akkamitti? (Saanduqa, “Raajii Yaaqoob Dubbate” jedhus ilaali.)
16 Yaaqoob mootiin barabaraaf ilmaan namootaa bulchu sanyii Yihudaa keessaa akka dhufu raajii dubbateera. (Uumama 49:10 fi miiljalee dubbisi.) Bulchaan kun Yesuus Kiristoos isa Yaaqoob Shiiloo jedhee waamedha. Maleekaan tokko Yesuusiin ilaalchisee, “Yihowaanis teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna” jedheera. (Luq. 1:32, 33) Kana malees, Yesuus ‘Leenca gosa Yihudaa’ jedhameera.—Mul. 5:5.
17. Ilaalcha warra kaaniif qabnurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Barumsa argannu. Yihudaan dogoggora cimaa tokko tokko kan raawwate taʼus Yihowaan isa eebbiseera. Haa taʼu malee, obboloonni Yihudaa Yihowaan maal isa keessatti argeeti jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼaa laata? Sanas taʼe kana Yihowaan Yihudaa keessatti wanta gaarii argeera; kanaafis isa eebbiseera. Fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Obboleessi keenya tokko yommuu mirga addaa tokko argatu, jalqabarratti hirʼina nama sanaarratti xiyyeeffachuuf qoramuu dandeenya. Yihowaan garuu amaloota gaggaarii inni qabutti akka gammadu yaadachuu qabna. Yihowaan wanta gaarii tajaajiltoonnisaa qaban ilaala. Nutis akkasuma gochuuf haa carraaqnu.
18. Obsa qabaachuu kan qabnu maaliifi?
18 Wanti Yihudaarraa barannu kan biraanimmoo obsa qabaachuun barbaachisaa taʼuusaati. Yihowaan waadaa gale yeroo hundumaa ni raawwata; taʼus akkas kan godhu yeroo hundumaa karaa nuti yaanneen ykn yeroo nuti yaannetti taʼuu dhiisuu dandaʼa. Sanyiiwwan Yihudaa yeruma sana saba Waaqayyoo geggeessuu hin jalqabne. Haa taʼu malee, namoota Yihowaan akka geggeessaniif filate, jechuunis Musee isa gosa Leewwii taʼe, Iyyaasuu isa gosa Efreem keessaa taʼe ykn Saaʼol isa gosa Biiniyaam keessaa taʼe amanamummaadhaan deggaraniiru. Nutis yeroo harʼaatti namoota Yihowaan akka nu geggeessaniif filate haa deggarru.—Ibr. 6:12.
19. Raajii Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti dubbate qoruun keenya waaʼee Yihowaa maal nu barsiise?
19 Raajii Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti dubbate ilaalchisee marii hamma ammaatti goonerraa maal baranne? “Waaqayyo kan ilaalu akka namni ilaalutti” akka hin taane baranneerra. (1 Sam. 16:7) Yihowaan obsa qabeessaa fi dhiifama kan godhudha. Ulaagaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase kan hin laaffisne taʼus, tajaajiltoonnisaa hirʼina kan hin qabne akka taʼan hin eegu. Namoonni kanaan dura dogoggora cimaa raawwatan garaadhaa yoo yaada geddaratanii fi wanta sirrii raawwachuu yoo jalqaban isaan ni eebbisa. Mata duree ittaanurratti wanta Yaaqoob ilmaansaa warra hafan saddeettan ilaalchisee dubbate qorra.
FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu