LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 60
  • Guddina Gochuu Kee Itti Fufi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guddina Gochuu Kee Itti Fufi
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Galmawwan Hafuuraakee Bira Ga’uu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2004
  • Dargaggootaa—Jireenya Keessaniin Maal Gochuu Yaaddu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • 12 Galmawwan
    Dammaqaa!—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 60
Barumsa 60. Dubartii barandaa ishii irra teessee Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu. Kitaabni ‘Yihowaatti Dhihaadhu’ jedhamu minjaala irra ishii bira jira.

BARUMSA 60

Guddina Gochuu Kee Itti Fufi

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa hanga ammaatti wantoota hedduu baratteetta. Wanti baratte Yihowaa akka jaallatuu fi tarii immoo isaaf of murteessitee akka cuuphamtu si kakaasee taʼuu dandaʼa. Yihowaadhaaf of murteessitee hin cuuphamne taanaan immoo dhiheenyatti kana gochuuf yaadaa jirta taʼa. Haa taʼu malee guddinni kee cuuphaa irratti hin dhaabbatu. Bara baraaf Yihowaatti dhihaachuu kee itti fufuu dandeessa. Akkamitti?

1. Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuu kee itti fufuu kan qabdu maaliifi?

Michummaa Yihowaa wajjin qabnu cimsachuu keenya itti fufuuf jabaannee hojjechuu qabna. Maaliifi? ‘Suutuma suuta [Yihowaa] irraa akka hin fagaanneefi.’ (Ibroota 2:1) Amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaara? Hojii lallabaa irratti xiyyeeffachuu fi karaawwan Waaqa keenya caalaatti tajaajiluuf nu gargaaran kan biroo barbaaduu dandeenya. (Filiphisiyus 3:16 dubbisi.) Yihowaa tajaajiluun jireenya hunda irra caalu argamsiisa!—Faarfannaa 84:10.

2. Wanta kan biraa akkamii gochuu kee itti fufuu qabda?

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee amma xumuraa kan jirtu taʼus, jireenyi Kiristiyaanummaa kee garuu itti fufa. Kitaabni Qulqulluun, ‘namummaa haaraa uffachuu’ akka qabnu dubbata. (Efesoon 4:23, 24) Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi walgaʼii gumii irratti argamuu kee yoo itti fufte, waaʼee Yihowaa fi waaʼee amaloota isaa wanta haaraa baratta. Karaawwan itti jireenya kee keessatti amaloota Yihowaa caalaatti calaqqisiisuu itti dandeessu argachuuf yaali. Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama barbaachisaa taʼe kam iyyuu gochuu kee itti fufi.

3. Yihowaan guddina akka gootu kan si gargaaru akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo . . . leenjii keessan ni xumura. Inni isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba” jedha. (1 Pheexiros 5:10) Hundi keenya qorumsi nu mudata. Yihowaan garuu wanta qorumsa kana dandamachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. (Faarfannaa 139:23, 24) Inni fedhii fi humna amanamummaadhaan isa tajaajiluuf si barbaachisu akka siif kennu waadaa galeera.—Filiphisiyus 2:13 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Guddina gochuu kee itti fufuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi Yihowaan kan si eebbisu akkamitti akka taʼe ilaali.

4. Michuu kee isa hunda irra caalu haasofsiisuu fi isa dhaggeeffachuu kee itti fufi

Kadhannaanii fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun michuu Yihowaa akka taatu si gargaaraniiru. Maarree wantoonni kun caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf kan si gargaaran akkamitti?

Faarfannaa 62:8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf qabiyyee kadhannaa kee fooyyessuu kan dandeessu akkamitti?

Faarfannaa 1:2 fi miiljalee isaa dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee fooyyessuu kan dandeessu akkamitti?

Qoʼannaa dhuunfaa kee irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Yaadawwan tokko tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Qoʼannaa Dhuunfaa Kee Fooyyessi (5:22)

  • Yaadawwan viidiyicha irratti ibsaman keessaa isa kam hojii irra oolchuu dandeessa?

  • Waaʼee maalii qoʼachuu barbaadda?

5. Galma hafuuraa baafadhu

Tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu irratti galma baafachuun guddina gochuu kee itti fufuuf si gargaara. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Jireenya Hunda Irra Wayyu (3:31)

  • Viidiyicha irratti akkuma ibsame, Kaameron galma hafuuraa baafachuun ishii kan ishii fayyade akkamitti?

Biyya biraa deemee lallabuu kan dandaʼu nama hunda miti. Haa taʼu malee, hundi keenya galmawwan irra geenyu baafachuu dandeenya. Fakkeenya 21:5 dubbisaa, achiis haalawwan armaan gadii keessatti galma akkamii baafachuu akka dandeessu mariʼadhaa:

  • Gumii keessatti.

  • Tajaajila irratti.

Yaanni caqasa kana irratti argamu galma kee irra gaʼuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Galmawwan baafachuu dandeessu tokko tokko

  • Qabiyyee kadhannaa kee fooyyessuu.

  • Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbisuu.

  • Obboloota gumii keessa jiran hundaa wajjin wal baruu.

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu.

  • Qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajiluu.

  • Obboleessa yoo taate tajaajilaa gumii taʼuuf carraaquu.

6. Bara baraaf gammachuudhaan jiraadhu!

Faarfannaa 22:26 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Ammas taʼe bara baraaf gammachuudhaan jiraachuuf maal gochuu dandeessa?

Namoota lafa jannata taate irra jiraachaa jiran.

MAAL BARATTE?

Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuu fi galmawwan hafuuraa baafachuu kee itti fufi. Akkas yoo goote, bara baraaf gammachuudhaan jiraachuu dandeessa!

Irra Deebii

  • Yihowaan amanamummaadhaan isa tajaajiluuf akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi?

  • Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Galma hafuuraa qabaachuun kee guddina gochuuf kan si gargaaru akkamitti?

Galma Yeroo Dheeraa

QORANNOO DABALATAA GODHI

Yihowaan gocha ajaaʼibsiisaa isaaf buluu keenya argisiisu siʼuma tokko raawwachuu keenyaaf moo jireenya keenya guutuu isaaf amanamoo taanee jiraachuu keenyaaf iddoo guddaa kenna?

Akkuma Abrahaam Amanamoo Taʼaa (9:20)

Tajaajilaan Yihowaa amanamaa taʼe illee gammachuu isaa dhabuu dandaʼa. Deebisanii gammachuu argachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaali.

Qoʼachuu fi Xiinxaluudhaan Gammachuu Kee Deebifadhu (5:25)

Galma hafuuraa baafachuu fi galma sana irra gaʼuu kan dandeessu akkamitti?

“Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2004)

Kiristiyaana bilchaataa taʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Bilchaataa taʼuu kan dandeessu hoo akkamitti?

“‘Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhihaateera,’ Kanaaf—Gara Gaʼeessummaatti Haa Darbinu” (Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 15, 2009)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi