Bakka Labsitoonni Mootummichaa Caalaatti Barbaachisan Dhaqxee Tajaajiluu Dandeessaa?
“Yuunaayitid Isteetis keessatti jireenya gaarii kan jiraannu ta’us, naannoon qabeenyaaf iddoo guddaa kennu kun, yeroo booda nurrattis ta’e ilmaan keenya lamaanirratti dhiibbaa gadhee geessisuu danda’a jennee yaaddofne. Aniifi haati manaakoo kanaan dura misiyoonota taanee tajaajilaa waan turreef, ammas jireenya salphaafi gammachuu qabu sana jiraachuu barbaanna.”
BARA 1991tti Raalfiifi Paam hawwiisaanii kana bakkaan ga’uudhaaf, bakka babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu akka barbaadan, waajjiroota damee addaddaatti barreessan. Waajjirri damee Meksikoo, babal’istoota Mootummichaa namoota Ingiliffa dubbataniif lallabuu danda’an argachuuf fedhii guddaa akka qabu isaanii ibse. Dhugumayyuu akka waajjirri damee sun jedhe, midhaanichi ‘haamaadhaaf ga’ee’ ture. (Yoh. 4:35) Raalfiifi Paam yeroo xinnoo booda afeerrii isaanii dhihaate fudhatanii, ilmaansaanii umrii 8fi 12rratti argamanii wajjin Meksikoo deemuuf qophii gochuu jalqaban.
Naannoo Tajaajilaa Bal’aa
Raalf akkas jedha: “Yuunaayitid Isteetisii deemuu keenya dura, obboloonni nuu yaadan tokko tokko akkas nuun jedhanii turan: ‘Biyya alaa deemuun balaa qaba!’ ‘Yoo dhukkubsattan maal gootu?’ ‘Naannoo Ingiliffi dubbatamutti lallabuuf maaliif adeemtu? Namoonni Ingiliffa dubbataniifi achi jiraatan dhugaadhaaf fedhii hin qaban!’ Nuyi garuu deemuuf murteessinee turre. Waggoota hedduudhaaf murtoo keenya kanarratti of eeggannoodhaan yaanneerra. Liqii fudhachuu dhiisuufi qarshii walitti qabachuuf yaalii kan goone si’a ta’u, rakkoowwan ciccimoo nu mudachuu danda’anirratti yeroo baay’ee maatiidhaan mari’anneerra.”
Raalfiifi maatiinsaa akkuma Meksikoo ga’aniin waajjira damee daawwatan. Obboloonni achitti argaman kaartaa guutummaa biyyattii erga itti argisiisanii booda, “Naannoon tajaajilaa keessan kanadha!” isaaniin jedhan. Maatichi, magaalaa Saan Miigal da Ayandaa ishee namoonni biyyoota addaddaatii dhufan hedduun keessa jiraataniifi Meksikoo Siitiirraa kaaba dhihaatti kiilomeetira 240 fagaattee argamtu keessa jiraachuu jalqaban. Waggaa sadii booda, gumiin Ingiliffaan geggeeffamuufi babal’istoota 19 qabu achitti hundeeffame. Gumiin Ingiliffaan geggeeffamu kun Meksikootti isa jalqabaa ta’us, ammayyuu hojii hedduutu isaan eega ture.
Lammiiwwan Yuunaayitid Isteetis gara miliyoona tokkoo ta’an Meksikoo keessa jiraatu. Kana malees namoonni barumsa guddaa qabaniifi barattoonni Ingiliffa akka afaan lammaffaatti dubbatan hedduun biyyattii keessatti ni argamu. Raalf akkas jedha: “Hojjetoota dabalataa argachuuf ni kadhanna turre. Yeroo hunda obboloota biyyichi lallabaaf mijaa’aa ta’uusaa ‘gaaduu’ dhufaniif, kutaa ciisichaa qopheessinee eegna.”—Lak. 13:2.
Tajaajilasaanii Bal’isuuf, Jireenyasaanii Salphaa Godhaniiru
Yeroo xinnoo boodas obboloonni tajaajilasaanii bal’ifachuu barbaadan hedduun gara Meksikoo dhufuu jalqaban. Abbaan manaafi haati manaa Yuunaayitid Isteetisii dhufaniifi Biiliifi Kaatii jedhaman isaan keessaa tokkodha. Obboloonni kun kanaan dura, naannoo tajaajilaa babal’istoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii waggaa 25f tajaajilaniiru. Jalqabarratti afaan Ispaanish barachuu yaadanii turan. Yommuu magaalaa Aheeheek ishee qarqara Haroo Chaappaalaa jirtuufi bakka sooramtoonni Yuunaayitid Isteetis jiraachuu jaallatan adeemanitti garuu yaadasaanii ni jijjiiran. Biil akkas jedha: “Aheeheek keessatti namoota dhugaa barachuu barbaadaniifi Ingiliffa dubbatan barbaaduurratti ciminaan hirmaanna turre.” Waggaa lama gidduutti Biiliifi Kaatiin, magaalaa Meksikootti gumiin Ingiliffaan geggeeffamu inni lammaffaan yommuu hundeeffamu arguusaaniitti baay’ee gammadaniiru.
Kaanaadaa keessa kan jiraatan, Keeniifi Jo’aan caalaatti hojii lallabaarratti hirmaachuuf, jireenyasaanii salphaa gochuu barbaadan. Isaanis intalasaanii Biriitinii wajjin gara Meksikoo dhufan. Keen akkas jedha: “Bakka bishaan ho’aan, elektiriikiin ykn tajaajilli bilbilaa guyyoota hedduudhaaf hin argamne jiraachuutti baruun yeroo nutti fudhateera.” Haata’u malee, hojii lallabaarratti hirmaachuun gammachuu namaa argamsiisa. Keen utuma hin turin tajaajilaa gumii, waggaa lama boodammoo jaarsa ta’e. Jalqabarratti intallisaanii Biriitiniin, gumii xinnoo Ingiliffaan geggeeffamuufi ijoollee gumicha keessa jiranii wajjin wal baruun itti ulfaatee ture. Hojii ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaachuu erga jalqabdee booda garuu, biyya sana keessatti hiriyoota gaggaarii hedduu argatteetti.
Abbaa manaafi haati manaa Yuunaayitid Isteetis Teeksaas keessa jiraataniifi Paatirikiifi Roksan jedhaman, naannoon tajaajilaa isaanitti dhihaatuufi namoota Ingiliffa dubbatan gargaaruuf isaan dandeessisu akka jiru yommuu hubatan baay’ee gammadan. Paatirik akkas jedha: “Magaalaa Monteerii jedhamtuufi kaaba baha Meksikootti argamtu erga daawwannee booda, Yihowaan achitti akka tajaajillu barbaada jennee yaanne.” Guyyaa shan gidduutti manasaanii isa Teeksaas jiru gurguranii ‘Maqedooniyaatti ce’anii gargaaruu’ jalqaban. (HoE. 16:9) Meksikootti galii ittiin jiraatan argachuun ulfaataa ta’uyyuu, waggaa lama gidduutti tuutni xinnoon Dhugaa Baatota 17 qabu, gumii babal’istoota 40 qabutti guddachuusaa arguunsaanii baay’ee isaan gammachiiseera.
Abbaan manaafi haati manaa tajaajilasaanii babal’isuuf jireenyasaanii salphaa godhan kaanimmoo Jeefiifi Deev jedhamu. Mana guddaa Yuunaayitid Isteetisii qaban gurguranii, appaartaamaa xinnoo magaalaa Kaankuun ishee qarqara galaanaa baha Meksikootti argamtu jiraachuu jalqaban. Kanaan dura walga’iiwwan gurguddaa kan godhan gamoo manasaaniitti dhihoo jiruufi meeshaa qilleensa ho’isuufi qabbaneessu qabu keessatti ture. Amma garuu walga’ii guddaa Ingiliffaan geggeeffamuufi isaanitti dhihaatu dhaquufillee, sa’aatii saddeet adeemuufi istaadiyomii gaaddisa hin qabne keessatti hirmaachuu isaan gaafata. Haata’u malee, Kaankuun keessatti gumiin babal’istoota 50 qabu hundeeffamuusaa arguunsaanii baay’ee isaan gammachiiseera.
Obboloonni Meksikoo tokko tokkos hojii lallabaa Ingiliffaan geggeeffamu gargaaruu jalqaban. Fakkeenyaaf Ruubaniifi maatiinsaa gumiin Ingiliffaan geggeeffamu yeroo jalqabaatiif Saan Miigal da Ayandaa keessatti akka hundeeffameefi naannoon tajaajilaa gumii kanaas guutummaa Meksikoo ta’uusaa yommuu dhaga’an, yerosuma gumicha gargaaruuf murteessan. Kana gochuun, Ingiliffa barachuu, aadaa gara biraa wajjin wal baruufi walga’iirratti argamuuf torbanitti kiilomeetira 800 deemuu gaafata ture. Ruuban akkas jedha: “Namoota biyya alaa Meksikoo keessa waggaa dheeraadhaaf jiraataniifi misiraachoo kana hin dhageenyeef afaansaaniitiin lallabuudhaan gammachuu arganneerra. Isaan keessaa tokko tokko, imimmaansaanii dhangalaasuudhaan dinqisiifannaasaanii nuu ibsu turan.” Ruubaniifi maatiinsaa gumii Saan Miigal da Ayandaa jedhamu erga gargaaranii booda, magaalaa Guwaanaahuwaattoo isa giddu galeessa Meksikootti argamutti qajeelchitoota ta’anii kan tajaajilan si’a ta’u, iddoo kanatti gumiin babal’istoota 30 ol qabuufi Ingiliffaan geggeeffamu akka hundeeffamu gargaaraniiru. Yeroo ammaatti Iraappu’aattoo ishee Guwaanaahuwaattootti dhihoo jirtutti tuuta Ingiliffaan geggeeffamu gargaaraa jiru.
Namoota Salphaatti Hin Argamneef Lallabuu
Namoota biyya alaa malees, lammiiwwan Meksikoo hedduun Ingiliffa dubbachuu danda’u. Namoonni kun bakka sooreyyiin jiraatan keessa jiraatu. Iddoowwan akkasiitti balbala kan banan hojjetoota manaa waan ta’aniif, yeroo baay’ee ergaa Mootummichaa namoota kanatti himuun rakkisaadha. Abbootiin manaa balbala yoo bananillee, Dhugaa Baatonni Yihowaa garee amantii naannoo sana qofatti beekaman akka ta’anitti waan ilaalaniif, ergaa keenya dhaggeeffachuu hin barbaadan. Haata’u malee, namoota kana keessaa tokko tokko, Dhugaa Baatonni biyya alaatii dhufan yommuu isaan haasofsiisan ni dhaggeeffatu.
Fakkeenya Gilooriyaa ishee magaalaa Kuweretaaroo jedhamtuufi giddu galeessa Meksikoo jiraattuu ilaali. Akkas jetti: “Kanaan dura Dhugaa Baatonni afaan Ispaanish dubbatan na haasofsiisanis, isaan dhaggeeffachuu hin barbaanne. Haata’u malee, yommuu maatiinkoofi hiriyoonnikoo rakkinarra bu’an waanan dhiphadheef, Waaqayyo karaan itti rakkina kana keessaa ba’u akka natti argisiisu kadhachuun jalqabe. Yeroo xinnoo boodas, dubartiin Ingiliffa dubbattu mana keenya dhuftee, namni Ingiliffa dubbatu mana keessa akka jiru na gaafatte. Nama biyya alaa ta’uunshee, wanta isheen jettu dhaga’uu akkan hawwu waan na godheef Ingiliffa dubbachuu akkan danda’un itti hime. Yommuu isheen ergaa kana natti himtu, ‘Dubartiin Ameerikaa kun naannoo kanaa maal gooti? jedheen yaade. Ta’us, Waaqayyo akka na gargaaru kadhadheen ture. Kanaaf, wanti isheen natti himtu kadhannaakootiif deebii akka ta’e natti dhaga’ame.” Maatiinshee ishee mormanis, Gilooriyaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabde si’a ta’u, hatattamaan guddina argisiisuudhaanis cuuphamteetti. Yeroo ammaatti qajeelchaa taatee tajaajilti; abbaan manaasheefi ilmishees Yihowaa tajaajilaa jiru.
Eebbawwan Namoonni Tajaajilasaanii Bal’isan Argatan
Bakka babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluun rakkina qabaatus, eebba argamsiisu hedduus qaba. Raalf inni jalqabarratti caqasame akkas jedha: “Namoota Biritaaniyaa, Chaayinaa, Jamaayikaafi Siwiidinii dhufan dabalatee, maatiiwwan Gaanaadhaa dhufaniifi hawaasicha keessatti bakka guddaa qaban Macaafa Qulqulluu qayyabsiisneerra. Namoota qayyabsiisne keessaa tokko tokko tajaajiltoota yeroo guutuu ta’aniiru. Waggoottan darbanitti, maatiin keenya gumiin Ingiliffaan geggeeffamu torba yommuu hundeeffamu argeera. Ilmaan keenya lamaan qajeelchitoota ta’anii nuu wajjin tajaajilaniiru; amma garuu Yuunaayitid Isteetisitti Bet’el keessatti tajaajilu.”
Yeroo ammatti Meksikoo keessa gumiiwwan Ingiliffaan geggeeffaman 88fi tuutawwan hedduutu jira. Guddinni akkasii akka argamu kan godhe maalidha? Namoonni Ingiliffa dubbataniifi Meksikootti argaman hedduun, sana dura Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin mari’atanii hin beekan. Kaanimmoo akka yeroo biyyasaanii turanitti dhiibbaan maatii, ollaawwaniifi hiriyootasaaniirraa waan isaanirra hin geenyeef dhugaa fudhataniiru. Tokko tokkommoo soorama ba’uunsaanii, dhimmaawwan hafuuraarratti xiyyeeffachuuf yeroo waan isaanii argamsiiseef, afeerrii Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan isaanii dhihaate fudhataniiru. Kana malees, babal’istoota gumiiwwan Ingiliffa dubbatan keessa jiran harka sadii keessaa tokkoo ol qajeelchitoota ta’uunsaanii, obboloonni hedduun hinaaffaadhaan akka tajaajilaniifi gumiiwwan akka guddatan gumaacha godheera.
Eebba Hedduu Argatta
Namoonni addunyaa maratti argaman hedduun, ergaan Mootummichaa afaan isaaniitiin yommuu isaanii lallabamu akka dhaggeeffatan homaa hin shakkisiisu. Kanaaf, obboloonni ilaalcha hafuuraa qabaniifi dargaggoota, maanguddoota, qeentees ta’an gaa’ela kan qaban, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf fedhii qabaachuunsaanii baay’ee nama gammachiisa. Dhugaadha, obboloonni kun rakkoowwan addaddaa isaan mudachuu danda’a. Ta’us, rakkoowwan kun gammachuu namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa Macaafa Qulqulluu akka fudhatan gargaaruudhaan argatanii wajjin yommuu waliin ilaalamu wayittuu hin lakkaa’aman. Atoo naannoo tajaajilaa biyyakeetti argamu ykn biyya alaa iddoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqxee tajaajiluuf sirreeffama barbaachisu gochuu dandeessaa?a (Luq. 14:28-30; 1 Qor. 16:9) Taanaan, eebba guddaa akka argattu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.
[Miiljaleewwan]
a Bakka babal’istoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhu ful. 111-112 ilaali.
[Kaartaa fuula 20rra jiru]
MEKSIKOO
Guwaanaahuwaattoo
Iraappu’aattoo
Chaappaalaa
Aheeheek
Haroo Chaappaalaa
Monteerii
Saan Miigal da Ayandaa
Kirataaroo
MEKSIKOO SIITII
Kaankuun
[Saanduqa/Fakkii fuula 21rra jiru]
Sooramtoota Gammadoo Xiyyeeffannaa Namootaa Harkisan
Beeril Biritaaniyaadhaa gara Kaanaadaatti erga adeemtee booda, kubbaaniyyaa gurguddaa addunyaarratti beekamoo ta’an hedduu keessatti itti gaafatamtuu taatee hojjetteetti. Farda gulufuudhaan beekamtuu waan taateef, Oloompiikii bara 1980 godhamerrattis Kaanaadaa bakka buutee dorgomteetti. Chaappaalaa, Meksikootti erga soorama baatee booda, Isheefi abbaan manaashee yeroo baay’ee mana nyaataa naannoosaanii jiru tokkoo nyaatu turan. Namoota gammadoo soorama ba’aniifi Ingiliffa dubbatan yommuu argitu, wal baruudhaan Meksikoodhaa maal akka hojjetan isaan gaafatti turte. Namoota kana keessaa hedduunsaanii, Dhugaa Baatota Yihowaa akka ta’an hubatte. Beeriliifi abbaan manaashee, gammachuufi jireenya kaayyoo qabu jiraachuun Waaqayyoon beekuurraa argama taanaan, nuyis akkasuma gochuu qabna jedhanii yaadan. Ji’oota hedduudhaaf walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti erga argamtee booda, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Waggoota hedduudhaafis qajeelchaa taatee tajaajilteetti.
[Saanduqa/Fakkii fuula 22rra jiru]
“Nuu Wajjin Ta’uunsaanii Eebbadha”
Warri bakka babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajilan, obboloota gumii keessa jiran biratti hedduu jaallatamu. Waajjira damee biyyoota Kaariibiyaan keessaa tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Obboloonni dhibbaan lakkaa’amaniifi biyya alaatii dhufan utuu asii adeemanii, gumiiwwan ni miidhamu turan. Nuu wajjin ta’uunsaanii eebbadha.”
Dubbiin Waaqayyoo, ‘dubartoonni misiraachoo himan macca guddaadha’ jedha. (Far. 68:11) Kanaaf, obboloota biyya alaatti tajaajilan keessaa hedduunsaanii dubartoota qeentee ta’uunsaanii nama hin ajaa’ibsiisu. Obboleettonni fedhiisaanii aarsaa godhan kun gargaarsa guddaa kennaa jiru. Waajjirri damee Baha Awurooppaatti argamu tokko akkas jedheera: “Gumiiwwan keenya hedduu keessatti lakkoofsi obboleettotaa guddaa si’a ta’u, yeroo tokko tokko harka 70 ta’a. Obboleettota kana keessaa baay’eensaanii yeroo dhihootti dhugaa kan dhaga’an ta’anis, obboleettonni qeenteen biyya alaatii dhufan isaan leenjisuurratti gargaarsa guddaa godhu. Obboleettota biyya alaatii dhufan kana akka kennaa guddaatti ilaalla!”
Obboleettonni kun biyya alaatti tajaajiluusaaniitti maaltu itti dhaga’ama? Obboleettiin qeentee umrii naannoo 35 keessatti argamtuufi waggoota hedduudhaaf biyya alaatti tajaajilte Anjeliikaan akkas jetteetti: “Biyya alaatti tajaajiluun rakkina hedduu qaba. Bakkan itti ramadame tokkotti guyyaa guyyaadhaan karaa dhoqqee ta’erra kanan adeemu ta’uukoorrayyuu, namoota rakkatan hedduu waanan arguuf baay’een dhiphadha. Ta’us tajaajilarratti namoota gargaaruudhaan gammachuu akkan argadhe natti dhaga’ama. Obboleettonni gumii keessa jiran hedduun isaan gargaaruu kootti na galateeffatu; kunimmoo baay’ee na jajjabeessa. Obboleettiin tokko, qajeelchaa ta’ee tajaajiluuf biyya fagoodhaa dhufuunkoo, tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf akka ishee kakaase natti himteetti.”
Qajeelchituun, Suu jedhamtuufi jalqaba umrii shantamaa keessatti argamtu akkas jetteetti: “Rakkinni hedduun akka sirra ga’u homaa hin shakkisiisu, eebbi argattu garuu rakkina sirra ga’urra baay’ee caala. Tajaajilli nama gammachiisa! Yeroo baay’ee shamarranii wajjin waanan tajaajiluuf, rakkoowwan mo’uu ilaalchisee yaadawwan Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota keenyarraa argadhe isaanittan hima. Fakkeenyi rakkoowwan na mudatan jabinaan mo’uudhaan waggoota hedduudhaaf qeentee ta’ee tajaajilarratti dabarse, yeroo baay’ee rakkoowwan isaaniinis mudate mo’uuf akka isaan gargaare natti himu. Obboleettota kana gargaaruunkoo gammachuu guddaa naaf argamsiiseera.”
[Saanduqa/Fakkii fuula 23rra jiru]
Obboloonni tokko tokko namoota biyya alaatii dhufaniifi misiraachicha yeroo jalqabaatiif dhaga’anitti lallabuudhaan gammachuu argataniiru