Gara ‘Maqedooniyaatti Ceʼuu’ Ni Dandeessaa?
1. Sababiin Phaawulosiifi hiriyoonnisaa gara Maqedooniyaa itti deeman maalidha?
1 Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isa lammaffaa gochuuf Anxokiyaa ishee biyya Sooriyaatti argamtu dhiisee kan deemee Dh.K.B. naannoo bara 49tti ture. Yeroo kanatti, Efesooniifi biyyoota Asiyaa Ishee Xinnootti argaman kaan daawwachuu barbaade ture. Haataʼu malee, afeerriin gara “Maqedooniyaatti ceʼi” jedhuu hafuura qulqulluudhaan waan isaa dhihaateef iddoo yaadee utuu hin deemin hafeera. Inniifi hiriyoonnisaa afeerrii isaanii dhihaate kana gammachuudhaan fudhatanii, naannoo sanatti gumiin jalqabaa akka hundeeffamu gochuudhaan eebba argataniiru. (HoE. 16:9, 10; 17:1, 2, 4) Yeroo ammaattis, kutaa addunyaa tokko tokkootti hojjetoonni midhaan sassaaban caalaatti ni barbaachisu. (Mat. 9:37, 38) Atoo hojii kanarratti gargaarsa gochuu ni dandeessaa?
2. Obboloonni tokko tokko biyya babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemuu kan hin yaadne maaliifi?
2 Tarii atis akka Phaawulos misiyoonii taʼuu kan barbaadu taʼus, waaʼee naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemuu hin yaanne taʼa. Sababii umrii keetiin ykn obboleettii qeentee waan taateef, yookiinimmoo ijoollee xixinnoo waan qabduuf Giilʼaaditti seentee leenjii fudhachuu hin dandeessu taʼa. Tariimmoo, afaan kan biraa barachuu hin dandaʼu jettee waan sodaattuuf “Maqedooniyaa” deemuuf hin yaadu taʼa. Yookiinimmoo rakkina dinagdeetiin kan kaʼe biyya amma baqataa taatee keessa jiraachaa jirtuurraa ammas gara biyya kan biraa deemuu ni sodaata taʼa. Haataʼu malee, erga kadhannaadhaan irratti yaaddee booda, tarii haallikee kun biyya babalʼistoonni caalaatti barbaachisan akka hin deemne kan si hin dhoowwine taʼuusaa hubatta taʼa.
3. Bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen lallabuuf leenjii adda taʼe argachuun dirqama barbaachisaa kan hin taane maaliifi?
3 Leenjiin Adda Taʼe Dirqama Barbaachisaadhaa? Wanti Phaawulosiifi hiriyoonnisaa milkaaʼina akka argatan gargaare maal ture? Yihowaafi hafuurasaatti amanamuusaaniiti. (2 Qor. 3:1-5) Kanaaf, haallikee leenjii adda taʼe fudhachuuf kan siif hin heyyamne yoo taʼellee, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluudhaan milkaaʼina argachuu dandeessa. Leenjiin karaa Mana Barumsa Tajaajila Tiʼookraasiifi Walgaʼii Tajaajilaatiin utuu walirraa hin citin argachaa jirtu akka si gargaarus yaadadhu.
4. Obboloonni maanguddoota taʼaan naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamuu kan hin qabne maaliifi?
4 Maanguddoota: Maanguddoonni karaa hafuuraa gaʼeessota taʼaniifi haala fayyaa gaarii qaban, biyya gargaarsi caalaatti barbaachisutti gargaarsa guddaa kennuu dandaʼu. Hojii keerraa soorama baateettaa? Obboloonni soorama xinnoo argatanillee, biyyasaanii caalaa naannoowwan kanatti galii xiqqoodhaan akka gaariitti jiraachuu dandaʼaniiru.
5. Muuxannoo obboleessa soorama baʼeefi gara tuuta gargaarsi barbaachisuu deeme tokkoo dubbadhu.
5 Obboleessi sooroma baʼe, jaarsa gumiifi qajeelchaa taʼe tokko, tuuta babalʼistoota sagal qabu tokko gargaaruu deeme. Waggaa lama gidduutti namoonni 50 taʼan walgaʼiirratti argamuu jalqaban. Obboleessi kun akkas jedhee barreesseera: “Gara naannoo kanaa dhufuunkoo eebbawwan baayʼee gaggaarii taʼaniifi kanaan dura argadhee hin beekne naaf argamsiiseera. Eebbawwan argadhe kana keessaa muraasasaaniillee dubbachuuf yeroon na hin gaʼu!”
6. Muuxannoo obboleettii qeentee naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemte tokkoo dubbadhu.
6 Obboleettota Qeentee Taʼan: Yihowaan naannoowwan babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti misiraachoo babalʼisuuf, karaa baayʼee dinqisiisaa taʼeen obboleettotatti fayyadama. (Far. 68:11) Obboleettiin qeentee taate tokko naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemuuf galma kan qabdu taʼus, warrishee waaʼeen nageenyashee isaan yaaddessee ture. Kanaaf gara waajjira dameetti xalayaa barreessitee odeeffannoo dhimma kanaaf ishee gargaaru argatte. Naannoo sanatti waggaa jaʼaaf kan tajaajilte yommuu taʼu, eebbawwan hedduus argatteetti. Akkas jetteetti: “Yommuun gumiikoo turetti carraa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu itti argadhu muraasa qofan qaba ture. Haataʼu malee, naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluunkoo namoota baayʼee qayyabsiisuuf na dandeessiseera; dandeettii barsiisuukoos naa guddiseera.
7. Muuxannoo maatii naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deeme tokkoo dubbadhu.
7 Maatiiwwan: Ijoollee qabaachuun keessan, misiraachoo babalʼisuuf gara “Maqedooniyaa” akka hin deemne sababii taʼaa? Maatiin ijoollee umriinsaanii waggaa saddeetiifi kudhan taʼe qabu tokko kana yaaluuf murteessee ture. Haati muuxannoosaanii akkas jettee barreessiteetti: “Ijoolleen keenya obboloota qajeelchaa addaafi misiyoonota taʼanii wajjin akka walitti dhihaatan waan godheef asitti isaan guddisuu dandaʼuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluun keenya eebba hedduu nuuf argamsiiseera.”
8. Utuu afaan haaraa hin baratin naannoo garabiraatti tajaajiluun ni dandaʼamaa? Ibsi.
8 Qooqa Haaraa Barachuu: Afaan haaraa barachuun naannoo garabiraa akka hin dhaqne si dhowwuu qabaa? Tarii naannoowwan babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan keessattis afaankee ni dubbatama taʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko gara gumii gargaarsi barbaachisu deeman. Gumii sana al lama dhaqanii kan ilaalan siʼa taʼu, baasii jiʼa jiʼaan baasan hirʼisuudhaan gara waggaa tokkoof qarshii kuufatan. Yommuu gara naannoo sanaa deemuuf qophaaʼan, obboloonni naannichaa mana gatiinsaa rakasa taʼe akka argatan isaan gargaaran.
9, 10. Namoonni biyyasaaniitii baqatan maal gochuuf yaaduu dandaʼu? Maaliifi?
9 Baqattoota: Tarii utuu dhugaa hin dhagaʼin dura, biyya keetii baqattee naannoo gara biraa jiraachaa jirta taʼa. Biyya ati itti dhalatteetti hojjettoonni midhaan sassaaban caalaatti kan barbaachisan taʼuu dandaʼa. Hojii kanarratti hirmaachuuf gara biyya keetiitti deebiʼuuf yaaduu dandeessaa? Nama biyya alaatii dhuferra, hojiifi bakka jireenyaa argachuun siif salphaa taʼuu dandaʼa. Afaan naannoo sanatti dubbatamus beekta taʼa. Kana malees, namoonni ergaa Mootummichaa nama biyya alaa taʼerraa dhagaʼuu mannaa, sirraa dhagaʼuun caalaatti isaanitti tola taʼa.
10 Namichi tokko baqataa taʼee Albaaniyaadhaa gara Xaaliyaanii kan deemee siʼa taʼu, achittis hojii gaarii waan argateef maatiisaa Albaaniyaa jiraataniif qarshii erga ture. Dhugaa erga dhagaʼee booda, tuuta qajeelchitoota addaa lammii Xaaliyaanii taʼaniifi naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf jedhan, afaan Albaaniyaa barsiisuu jalqabe. Obboleessi kun akkas jedhee barreesseera: “Isaan naannoo tajaajilaa ani dhiisee dhufe deemuuf jedhu. Afaan biyyichaa kan hin beekne taʼanillee, deemuuf hawwii guddaa qabu. Afaan Albaaniyaa dubbachuu kanan dandaʼu taʼuusaarrayyuu, aadaasaas sirriittan beeka. Maarree ani Xaaliyaanii keessaa maalan hojjedha?” Obboleessi kun hojii misiraachoo babalʼisuuf godhamu gargaaruuf gara Albaaniyaatti deebiʼuuf murteesse. Akkas jedheera: “Xaaliyaanitti hojiin qabuufi qarshiin argadhu dhiisuu kootti gaaf tokkollee gaabbee beekaa? Gonkumaa! Albaaniyaatti hojii lubbuu baraarsaa hojjechaan jira. Hojiin baayʼee barbaachisaa taʼeefi gammachuu barabaraa argamsiisu wanta qaban hundaan Yihowaa tajaajiluu akka taʼe nana amana!”
11, 12. Obboloonni naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaquuf yaadan maal gochuu qabu?
11 Kana Gochuu Kan Dandeenyu Akkamitti? Phaawulosiifi hiriyoonnisaa gara Maqedooniyaatti deemuusaanii dura, gara dhihaatti deemuu barbaadanii turan; garuu ‘hafuurri Yesus achi dhaquu isaanii waan hin jaallanneef’ gara kaabaatti deebiʼan. (HoE. 16:6) Yommuu Bitiiniyaa gaʼuuf jedhanitti Yesus achi akka hin dhaqne isaan dhowwe. (HoE. 16:7) Yihowaan, Yesusitti fayyadamee hojii lallabaa olaantummaadhaan toʼachuusaa itti fufeera. (Mat. 28:20) Kanaaf, naannoo biraa deemuuf yaadaa kan jirtu yoo taʼe, qajeelfama Yihowaa argachuuf kadhannaa godhi.—Luq. 14:28-30
12 Yaada gaarii argachuuf, jaarsolii gumiikeefi Kiristiyaanota gaʼeessota taʼan kaan gorsa gaaffadhu. (Fak. 11:14; 15:22) Naannoo itti tajaajiluu barbaadde sana dhaquudhaan guyyoota muraasaaf ilaaluu dandeessaa? Deemuuf yoo murteessite, oddeeffannoo dabalataa argachuuf waajjira dameetti barreessuu dandeessa. Haataʼu malee, xalayicha gara waajjira dameetti erguukee dura, yaada dabalataa irratti kennuu akka dandaʼaniif jaarsolii gumii keetti kenni.—Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu, fuula 111-112 ilaali. (Amaariffa)
13. Waajjirri damee gama kamiin si gargaaruu dandaʼa? Itti gaafatamummaan sirra jiruhoo maalidha?
13 Waajjirri damee waaʼee naannichaa oddeeffannoo murtoo gochuuf si gargaaru kan siif ergu taʼus, xalayaa deggersaafi mana jireenyaa sii qopheessuu hin dandaʼu. Dhimmawwan kun wanta ati gara naannoo sanaa dhaquukee dura of eeggannoodhaan qorannoo irratti gochuu qabdudha. Obboloonni naannoo gara biraa deeman, wanta dhuunfaatti isaan barbaachisu ofumasaaniitiin raawwachuu qabu.—Gal. 6:5.
14. Obboloonni naannoo gara biraa deemuu hin dandeenyee hirmaannaa tajaajilasaanii guddisuu kan dandaʼan akkamitti?
14 Deemuu Hin Dandeessu Yoo Taʼe: Gara biyya biraa deemuu kan hin dandeenye yoo taʼe abdii hin kutatin. Tarii “balballi guddaan” kan biraa siif banama taʼa. (1 Qor. 16:8, 9, hiika bara 1899) Daawwataan olaanaa aanaa, naannoo ati jiraattu dhihootti bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan beekuu dandaʼa. Tarii gumii ykn tuuta sitti dhihoo taʼe gargaaruu dandeessa. Yookiinimmoo hirmaannaa tajaajilaa gumiikee keessatti gootu guddisuu dandeessa taʼa. Haalli keessa jirtu maaliyyuu yoo taʼe, wanti barbaachisaa taʼe waaqeffannaakee garaa guutuudhaan raawwachuukeeti.—Qol. 3:23.
15. Obboloota naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluu barbaadaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
15 Kiristiyaana karaa hafuuraa gaʼeessa taʼeefi naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf galma qabu beektaa? Taanaan gargaarsa godhiif; akkasumas isa jajjabeessi! Phaawulos Anxokiyaa ishee biyya Sooriyaatti argamtu yommuu dhiisee baʼetti magaalattiin Bulchiinsa Roomaa keessatti sadarkaa sadaffaa (Roomaafi Iskindiriiyaatti aansee) kan qabdu turte. Naannoon tajaajilaa kun balʼaa waan tureef gumiin Anxokiyaa gargaarsi Phaawulos kan isa barbaachisu taʼuu hin oolu; kanaaf yoo inni achii deeme isa dhabuusaaniitti baayʼee gaddu. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun obboloonni achi jiran Phaawulos akka hin deemne dhiibbaa irratti gochuusaanii hin dubbatu. Isaan waaʼee naannoosaanii qofa yaaduu mannaa “qotiisichi biyya lafaa” taʼuusaa akka hubatan haalasaarraa arguun ni dandaʼama.—Mat. 13:38.
16. Wantoonni ‘gara Maqedooniyaatti ceʼuuf’ akka yaannu nu kakaasan maalfaʼi?
16 Phaawulosiifi hiriyoonnisaa afeerrii gara Maqedooniyaa akka deeman dhihaateef fudhachuusaaniitiin eebba guddaa argataniiru. Yommuu magaalaa Filiphisiiyus ishee Maqedooniyaatti argamtu keessa turan Liidiyaa kan argatan siʼa taʼu, “Gooftaan gurra qalbii ishee baneefii waan tureef, isheen waan Phaawulos dubbate dhimmitee dhaggeeffatte.” (HoE. 16:14) Phaawulosiifi hiriyoonnisaa misiyoonii taʼan, yommuu Liidiyaaniifi maatiinshee cuuphaman hangam gammadanii akka turan yaadi! Biyyoota hedduutti namoonni akka Liidiyaa garaa qajeeloo qabaniifi hamma ammaatti ergaa Mootummichaa hin dhageenye jiru. Atis gara ‘Maqedooniyaatti yoo ceetee’ gammachuu namoota akkasii argachuufi gargaaruudhaan argamu argachuu dandeessa.