Sagantaa Torban Hagayya 29 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 29 JALQABU
Faarfannaa 33 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
dg boq. 8 key. 1-9 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Far. 110-118 (Daq. 10)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii (Daq. 20)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Beeksisa. Akkaataa dhiheenyaa fuula 8rra jirutti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisa Sanbadduraa jiʼa Fulbaanaa isa jalqabaatti akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Hundisaanii akka irratti hirmaatan jajjabeessi. Achiis mataduree “Barruu Yookiin Birooshura Tureefi Xiyyeeffannaa Namaa Harkisu Kamiiyyuu Raabsaa” haasaadhaan dhiheessi.
Daq. 15: Dulloomanis Hinaaffaa Kan Qabanidha. Maree Kitaaba Waggaa 2011, fuula 61, keeyyata 1-2; fuula 67, keeyyata 1; akkasumas fuula 135, keeyyata 2 hanga fuula 136, keeyyata 1rratti hundaaʼuudhaan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni muuxannicharraa barumsa akkamii akka argatan gaafadhu.
Daq. 10: Jiʼa Fulbaanaatti Barruulee Raabsuuf Qophaaʼuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Qabiyyee barruulee sanaa, daqiiqaa tokkoo hanga lamaa gidduutti ibsi. Achiis matadureewwan lama ykn sadii filadhuutii, gaaffiifi caqasa dhaggeeffattoonni yaada seensaasaanii keessatti itti fayyadamuuf yaadan gaafadhu. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 31 fi Kadhannaa