Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Hagayya 29, 2011 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha.
1. Gaarummaan Waaqayyoo ‘jireenyarra wayya’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? (Far. 63:3) [w01 10/15 ful. 15 key. 17]
2. Faarfannaan 70 waaʼee Daawit maal ibsa? [w08 9/15 ful. 4 key. 4]
3. Faarfannaan 75:5 maalirraa akka fagaannu nu akeekkachiisa? [w06 7/15 ful. 11 key. 3]
4. Yihowaan keessumaa waaʼee maalii yoo kadhanne akka nu dhagaʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? (Far. 79:9) [w06 7/15 ful. 12 key. 5]
5. ‘Cubbuu dhoksaatti’ raawwatamu ilaalchisee Faarfannaa 90:7, 8rraa maal barachuu dandeenya? [w01 11/15 ful. 12-13 key. 14-16]
6. Akkuma Faarfannaa 92:12-15rratti ibsame, maanguddoonni gumii keessa jiran itti gaafatamummaan guddaa akkamii isaaniif kennameera? [w04 5/15 ful. 13-14 key. 14-18]
7. Jechoonni Faarfannaa 102:25-27rratti ibsaman, kaayyoo barabaraa Waaqayyo lafaaf qabuu wajjin kan wal faallessanidhaa? (Uma. 1: 28) [w08 4/1 ful. 18 key. 1]
8. Balaa hubannaa dhabuun geessisu ilaalchisee Faarfannaa 106:7rraa barumsa maalii arganna? [w95 9/1 ful. 19 key. 4–ful. 20 key. 2]
9. Akka Faarfannaan 110:1, 4 jedhutti, Sanyii isa abdachiifame ykn Masiihii ilaalchisee waadaan akkamii galameera? Kunoo ilmaan namootaa eebbisuurratti gaʼee kan qabaatu akkamitti? [cl-E ful. 194 key. 13]
10. Faarfatichi faayidaa Waaqayyoon tajaajiluusaatiin argaterratti xiinxaluunsaa dhiibbaa akkamii isarraan geessiseera? (Far. 116:12, 14) [w09 7/15 ful. 29 key. 4-5]