Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
75 Galata siif galchina, yaa Waaqayyo, galata siif galchina;
Maqaan kee nu bira jira,+
Namoonnis hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan ni labsu.
2 Ati akkana jetta: “Murtiidhaaf ergan yeroo ramadee booda,
Haqaan murtii nan kenna.
3 Laftii fi jiraattonni ishii hundi yommuu baqanitti,
Utubaawwan ishii kan cimse ana dha.” (Seelaa)
4 Isa of jajuun, “Of hin jajin” nan jedha.
Isa hamaadhaanis akkanan jedha: “Jabina* kee ol hin kaasin.
5 Jabina* kee gara gubbaatti ol hin kaasin
Yookiin of tuulummaadhaan hin dubbatin.
6 Sababiin isaas, ulfinni namaa
Baha irraa yookiin dhiha irraa yookiin kibba irraa hin dhufu.
7 Waaqayyo Abbaa Murtii ti.+
Inni nama tokko gad ni buusa, isa kan biraa immoo ol ni kaasa.+
8 Xoofoon tokko harka Yihowaa keessa jira;+
Daadhiin wayinii hoomacha baasaa jira, guutummaattis kan walitti makame dha.
Inni dhugumaan isa ni dhangalaasa,
Hamoonni lafa irra jiraatan hundis siicoo isaa wajjin isa ni dhugu.”+
9 Ani garuu bara baraaf isa nan labsa;
Waaqa Yaaqoobiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*